Diizaa: Magaalaa Benishaangul Gumuuz guyyoota lamaaf hidhattootaan to'atamtee oonte

Baatii tokko dura wanti Godina Benishaangul Gumuuz Godina Kaamashii Magaalaa Diizaatti raawwate rakkoon nageenyaa gama Lixa biyyattii jiru hangam hammaataa ta'u kan agarsiisedha.
Hidhattoonni Gumuuz paartii GUHDEN jalatti sosso'u jechuun mootummaan himate haleellaa raawwataniin 'guyyoota lamaaf' magaalaa aanaa Sedaal kan taate Diizaa to'atanii turan.
Guyyoota hidhattoonni magaalaa to'atan jedhaman kanatti badiin raawwate hamaafi jiraattonni qe'ee isaaniirraa akka baqatan taasiseera.
Poolisiin naannichaafi milishaan haleellaa hidhattootaa to'achuu dhabuun yoo baqatan, magaalaa keessa kan turan qondaaltota mootummaa dabalatee magaalaa keessaa bahuun bosonatti dhokachuuf dirqamuun isaanii gabaafameera.
Ergasii poolisiin naannichaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaa raawwataniin hidhattoota meeshaafi humna namaan ijaaramaniiru jedhaman ari'uun magaalaa Diizaa to'achuu danda'aniiru.
Haa ta'u malee, taateen yeroo hidhattoonni magaalattii to'atan raawwate kanneen ofirra darbanii kaan gargaaruu danda'an baqataa godheera, ijollees maatii dhabsiiseera.
Hanga yoonaa kanneen achi buuteen isaanii dhabameefi eessa akka jiran hin beekamne akka jiran poolisiin BBC'tti himeera.
Badii aanaa qonna boqqolloo, boobee, saliixii akkasumas warqeen itti ungulaalamu kanatti raawwateen kanneen miidhamaniifi haala amma magaalattin itti jirtu iyyaafanneerra.

Aadde Shiibirree Namarraafi abbaan warraa isaanii Obbo Wadaajoo Faanaa haleellaan A.L.I Kibxata Ebla bultii 12, 2013 barii Magaalaa Diizaa keessa yeroo jalqabe hirriibaa hin kaane turan.
Wanti gaafas ta'e maatii isaanii diigee isaaniinis daldalarraa buqqaasee qubataa isaan taasiseera. Lubbuun hafuu isaaniif gammachuu qabaatanis egereen isaanii garuu guddaa isaan yaaddessa.
''Sa'aatii [barii] 11:30 irratti dhukaasa magaalaa keessa dhukaafamu dhageenye. Waraanumatu wal rukuta jenne. Osooma dhodhokannuu dhukaasaa dhufanii gara sa'aatii [ganama] 2:30 mana keenya bira gahani.
''Koottaa jedhanii balbala keenya cabsani gadi baane. Anaafi abbaa manaakoo wal bira jilbeeffachiisani. Maali maal goone jennaan nama diimataa hin barbaannu jedhan. Xiyyitii nutti naquuf jedhanii.
''Ati naggaadeedha birrii fidi jedhanii xiyyitii natti qabani. Birrii waanan qabu, warqeenis jira fuudheen itti laadhe. Birricha erga harkaa fuudhanii booddee anaan mannaafashaa keessa na jilbeeffachiisani isa ala baasanii, xiyyitii tokko morma isaa tokko garaa isaa keessa rukutani.

''Anattimmo natti gadhiisani jennaan jalaa miliqee harkakoo mirgaa rukute. Akkasitti Waaqayyoo lubbuukoo hambise, innimmoo yeroosuma du'e.
''Sababa dhiigni baay'ee na keessaa dhangala'eef duutetti duutetti jedhanii sokkani. Akkasittin mana keessa dhokadhee sa'aatii sagalitti bahee caakkaa keessa bulee Roobii Daalattii biyya jedhamutti bahe,'' jechuun waan keessa darban dubbatu.
''Guyyaa sadii osoo nyaata hin nyaatin dhiiga kana coccobsaa Mandiitti gale,'' kan jedhan Aadde Shiibirreen yeroo haleellaan raawwate ijoolleen isaanii lamaan mana maatii isaanii turuu himu.
Ollaa isaanii garuu haadhaafi mucaa dabalatee namoonni isaan beekan hedduu ajjeefamuu BBC'tti himan.
Aadde Shiibirreen kana dura nyaataafi shaayi qopheessuun gurguru turan. Abbaan warraa isaanii ajjeefaman immoo daldalaa turan yeroo ammaa harka mootummaa eegaa jiraatu.
'Marsaa lammaffaa saamamne'
Jiraataan biraa magaalaa Mandiirraa dubbisne Obbo Mulaatuu Teessoo illee yeroo walfakkaataatti haleellaan eegaluu BBC'tti himan.
Daldalaa ta'uu kan dubbatan Obbo Mulaatuun magaalaa waggaa 20'f keessa jiraatanirraa bosona keessa dhokachuun harka qullaa bahani.
''Qabeenya manaa guutuu mana nyaataas qaba, kutaalee ciisichaa qaba. Hojii mana mobaayilii suphuun qaba. Mobaayiliis nan nagada. Kompiitara dabalatee kana hundumaayyuu waanan keessaa fudhadhee bahe hin qabu.''
Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Aanaa Mana Sibuu kan taate Mandiitti kanneen km50 ol imalanii itti baqatan gargaarsa gahaa akka hin arganne himu.
''Hundumtuu qabeenya achitti saamamee dhufe. Mandiirratti amma namoonni baay'ee gargaarsa argatani hin qabani. Inni kaan fira biratti gore, inni kaan kiraayii fudhatee waan of harkaa qabuun jiraachaa jira.''
Abbaan ijoollee lamaa Obbo Mulaatuun waggaa lama durallee haala wal fakkaataan saamamuu BBC'tti himan.

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen haleellaa raawwatan jiraattota fuula 'diimataa' qabu jedhaniifi saba Gumuziin ala ta'an irratti akka xiyyeeffatan jiraattonni dubbisne kuni BBC'tti himaniiru.
''Warruma dura mana keenya nyaata nyaatan, buna dhuganidha malee namni haaraa hin jiru'' jechuun Aadde Shiibirreen kanneen haleellaa raawwatan eenyu akka ta'an himu.
Jiraataan biraa dubbisne Obbo Takilee Tibbaa wanti raawwate namuma Gumuuz hin taane ari'ani baasuuf kan kaayyeffate fakkaata jechuun himu.
''Gamtokkoon shiftaa fakkaata gamtokkoon immoo buqqa'iinsa fakkaata. Maaliif shiftaa sana qofaa miti kan nu saame ummatumatu nu saame.''
''Gochi isaan godhan akka namni achitti hin deebinedha,'' kan jedhan Obbo Takileen waan isaan qunname yoo ibsan ''Akka waan biyya kee keessa jirtu miti kan ilaalamtu,'' jedhu.
'Magaalli Sooriyaa fakkaata'
Hidhattoonni guyyoota muraasaaf yeroo magaalicha to'atanitti ajjeechaa suukaneessaa, saamicha, qabeenya gubuufi caccabsuun raawwateera.
Haa ta'u malee, guyyoota lama booda poolisiin naannichaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa seenanii hidhattoota ari'uun magaalicha to'ataniiru.
Erguma to'annoo waraanaa keessa seene booda magaalatti deebi'u kan himan Obbo Takileen waan arganiin guddaa gadduu himu.
''Wanti yeroo sana dhaqee ilaale wanta nama gaddisiisudha. Reeffi akka jirutti karaarraa hin kaane, qabeenyi ummataa qabeenyi tokko hin hafne. Magaalaan suni Sooriyaa fakkaatti. Sareefi adurree malee namni tokko keessa hin jiru,'' jedhan.

Jiraattonni dubbisne hidhattoota magaalaa seenan waliin jiraattota keessaas kan isaan waliin ta'un badii guddaa raawwatan jiru jechuun himu.
Ta'us, gaafa raayyaan magaalaa seenu isaaniis baadiyyaatti baqatani jedhan.
''Anillee Waaqayyoon haa galatu qaama koorra miidhaan hin geenye, garuu hojiin waggaa 20 gammoojjii keessa taa'ee hojjedhe waan tokko fudhadhee hin baane. Uffata jijjiirradhullee fudhadhee hin baane.''
''Kan gubate qabeenya ummataadha. Mannikoo guutummaa guututti gubateera,'' kan jedhan Obbo Takileen ''Ijoolleen wajjiin guddanne, ijoolleen guddisne, nama meeqatu dhabame'' jechuun namoonni isaan beekan kanneen du'an keessa akka jiran dubbatu.
Dhimma kana kan gaafanne poolisiin naannichaa gara caalu qabeenyi ummataa barbadaa'uu mirkaneessa.
''Keessumaa buufanni poolisii sanadoota garaa garaa waliin gubateera. Konkolaataan gara sagal gubateera. Kana keessaa sadii kan ta'u kan dhunfaati. Kan hafe kan mootummaati. Waajjiraaleen mootummaa biroo nagaa isaaniiti,'' qondaalli poolisii naannichaa.
'Poolisiin humnaa ol taanaan dhiisee baqate'
Baatii tokko dura osoo hidhattoonni magaalaa Diizaa irratti haleellaa hin raawwatiin dura hidhattoonni Gumuuz godinoota naannichaa birootti haleellaa raawwatanii turan.
Poolisiin naannichaa akka beeksisetti haleellaa hidhattoonni jiraattota magaalaa irratti raawwatan poolisiin irraa deebisuu hin dandeenye.
''Guyyaa lama [keessa] turanii. Qabeenyi hedduus barbadaa'eera. Lubbuun namaas darbeera,'' jedhan Komishinarri Itti aanaa Poolisii naannichaa Misgaanaaw Injifataa BBC'tti yoo himan.
''Bakkicha kan ture milishaafi poolisiin farra-riphee loltuu naannichaa waan gochuu qabu godhee humna nageenyaa keessaas kan wareegamu wareegame humna isaanii ol yoo ta'u bakkicha gadhiisanii baqatuun ture.''
''Gamaaggama keenyaan humna walsimuu dhabuun waan tureef rakkoon kuni hundi akka dhalatu godhe,'' jedhan.
Haleellaa hidhattoonni raawwataniin hammi nama ajjeefamee ammallee hin baramne.
''Hanga yoonaa eessa gahuun isaanii kan hin beekamne, bilbilli isaaniis kan hin baanes jiru'' kan jedhan qondaalli poolisii kuni tilmaamaan 20-30 akka ajjeefaman himu.
Jiraataan biraa dubbisne immoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol akka ta'uu malu himu.

Akka poolisiin jedhutti garuu kan du'e saba tokko qofa osoo hin taane saba hunda keessaati. Erga waraanni magaalaa seene booda amma tasgabbiin jira jedheera poolisiin.
''To'annoo humnoota nageenyaa jala jirti. Caasaan aanichaa deebi'ee hojiiwwan hojjechaa jira.''
'Hin deebinu, Gumuuz qofatu deebi'e'
Poolisiin haleellaa magaalicha to'achuuf taasifameen yoo xiqqaate hidhattoonni 80 ajjeefamuu ibseera.
Haa ta'u malee, ammallee hidhattonni magaalaa Diizaa haleeluun shakkaman Aanaa Sedaal keessaa bahanii laga Abbayyaa ce'uun Gara Godina Matakkal akka baqatanii jiran himan.
Rakkoon walfakkaataa akka hin mudanne fuula duratti humna poolisii naannichaa meeshaaniis ta'e lakkoofsaan cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Yeroo ammaa bakka biraatti akka hin babal'anne akkasumas karaa hidhattoonni cabsanii seenu jedhamanii shakkaman hojiin ittisuu hojjetamaa jira jedhan.
Dabalataan, humna poolisii dabalataa leenjisuuf hojjetamaa jiraachuullee himan.
Kunis ta'u garuu, jiraattonni dubbisne ammaan achi magaalaa Diizaatti deebi'uf yaaddoo cimaa akka qaban BBC'tti himan.
Aadde Shiibirreen ''biyya sanatti hin deebi'u ani,'' jedhan. Obbo Mulaatuun gama isaaniin waan mootummaan raawwatuurratti hundaa'eti malee ''deebi'un ni ulfaata'' jedhu.
Aadde Shiibirreen akka himanitti waggaa lama dura bara 2011 nagaan bu'eera jedhamanii Mandiidhaa geeffamanii obboleessi hangafaa abbaa warraa isaanii ajjeefamani akka turan dubbatan.
Komishinarri Ittaanaa poolisii naannichaa Misgaanaaw Injifataas ammallee kanneen hin deebine hedduu akka ta'an himu.
''Amma nageenyi wayyoo qabu ni jira. Kanneen buqqa'an deebisuun hojjetamaa jira.
''Amma baay'inaan jiraattota Saba Gumuuzitu gara qe'ee isaanitti kan deebi'aa jiran. Saboonni biroo rakkoon nageenyaa dhibbaa dhibbatti akka hin jirre erga mirkanaa'e boodadha deebi'uuf kan ofitti amanamummaa qabaachuu danda'an.''
''Seera kabachiisuun guutummaa guututti erga hojjetamee booda saboonni biroo akka deebi'an ni hojjetama,'' jedhan.
'Deeggarsi gahaa miti'
Jiraattonni magaaalaa hidhattootaan to'atamte baqatanii Mandii, Baambasiifi Asoosaa baqatan dubbisne ammallee rakkoo keessa jiraachuu himu.

Madda suuraa, Komunikeeshinii Naannoo Beenishaangul Gumuz
Mandii kan jiran Obbo Mulaatuun mootummaan aanichaa ''Bakki isin qubsiisnu hin jiru,'' jechuun akka isaan hin deeggarre himan.
''Xaafii kiiloo 30 fi qamadii kiiloo 30 nuuf kennaniiru. Sharaas nuuf kennaniiru. Garuu gahaa miti,'' jedhu kana dura Diizaatti hoteela qabaachuu kan himaniifi yeroo ammaa Asoosaa jiran Obbo Takileen.
''Nama harkakeen hojii hojjettee bultee beektu yoo taate baay'ee rakkisaadha. Dhaabbatanii fuudhuniyyuu [gargaarsa] qaaniidha,'' jechuun hamilee isaanii akka tuqe dubbatu.
Haati ijoollee lamaa Aadde Shiibirreenis waan itti jiraniin gammachuu akka hin qabne himu. Ammaaf Mandiitii bahanii Baambasii dhaquun sharaa mootummaan kenneef keessa jiru.
''Ani ijoollee laman qaba. Lubbuu sadiitti boqqolloo kiiloo 45 nuuf kenne, zayitii liitirii lama fudhanne. Sharaa nuu kennanii lafa afnee nama 19 fa'a taanee mana tokkotti nam'inee rafna.''
Jiraattonni kuni akkaataa kanaan turuun waan hin danda'amneef deeggarsa kana caalu mootummaas ta'e lammiilee irraa akka barbaadan dubbatani.
Poolisiin akka ibsetti deeggarsi namoomaa magaalaa Diizaallee dhaqqabeera.
Hidhattoonni kuni maal barbaadu?
Mootummaan kanneen hidhattoota kana qindeessu paartii Warraaqsa Dimookiraasii Ummata Gumuuz [GUHDEN] jedhamu ta'uu ibsuun himata.
Kaayyoon isaaniis ''Gumuuz bilisa baasna'' kan jedhu ta'uu himu.

Madda suuraa, Metekel Zone Communication
''Kanneen caasaa mootummaa keessaa mufatan, dargaggoota ganda keessa jiran, kanneen Makkalaakayaa irraa deebi'anii akkasumas kaan mootummaa hin deggarre gara isaanitti dabalanii haleellaa kana kan raawwatan.''
Paartiin kuni ajjeechaa hamma yoonaa naannichatti raawwataa jirurratti ifatti as bahee dubbatuu baatus filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa baranaa keessa qooda fudhachuuf yaalaa ture.
Ta'us, irra deebiin galmeen filannoo dura yeroo taasifamu ulaagaa guutuu dhabuun akka isa haqe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kana dura beeksisuun isaa ni yaadatama.

















