Naannoo Benishaangul Gumuuz: Mootummaan hidhattoota waliin waliigaltee mallatteesse

Pirezidantii naannichaa Obbo Ashaadlii Hasaniifi bakka bu'aa hidhattootaa Obbo Jagnaammaaw Maangiwaa

Madda suuraa, Metekel Zone Communication

Naannoo Benishaangul bakka irra deddebiin haleellaan raawwatu Godina Matakkalitti rakkoo nageenyaa jiru haala waaraa ta'en furuuf, mootummaan naannichaafi gareen hidhate sanada waliigaltee walii mallatteessuun isaanii ibsame.

Waliigalteen kuni guyyaa Kibxataa A.L.I Caamsaa 10, 2013 Magaalaa Gilgal Balasitti raawwachuu waajjirri kominikeeshinii Godina Matakkal ibseera.

Ofii waliigalteen kan raawwatame hidhattoota kam waliini?

Hoogganaan waajira dhaaba Bilitsiginnaa Nannaoo Beenishaangul Gumuuz Isahaaq Abdulqaadiir hidhattootni kunniin dhalattoota Gumuuz hawaasa keessaa bahuun bosonatti galanii namoota nagaa ajjeesaa warra turan keessaatii jechuun BBC'tti himaniiru.

Akka obbo Isahaaq jedhanitti amma qaamni mootummaa waliin waliigaltee mallatteesse gariin miseensota hidhattoota kanaa waamicha mootummaan taasisee fudhachuun waraana hiikkatanii leenjii haaromsaa fudhachaa jiraniidha.

Hidhattootni harka kennatan kun miseensota dhaaba Sosochii Dimookraatawaa Saba Gumuuz akka ta'an hubachuu akka danda'aniis obbo Isahaaq himaniiru.

''Dhaabicha bakka buunee qabsaa'aa jirra yaada jedhu kaasu. Qabatamattis waraqaa eenyummaa dhaabichaa harkatti qabneerra. Bakka tokko tokoottis hidhattoota kana erga ajjeefnee kiisii isaanii keessaa waraqaa eenyummaa argineera. ''

Gareen kun biyya keessaas biyyaa alas deeggarsa akka argatuufi Sudaan irraas hidhattootni itti makaman jiruu jedhu obbo Isihaaq.

''Irra jireessaan naannoo hidhi haaromsaa gidduugala walitti bu'iinsaa akka ta'u qindaa'anii hojjetu.''

''Naannichi bakka Hidhi haaromsaa itti ijaaramu waan ta'eef, humnoonni hedduun harka keessa galfachuun hidhattoota kana duuba ta'anii dhiyeessa meeshaaleefi dhimmoota biroon deeggaru jiru'' jedhaniiru.

Waggaa baranaa qofa Matakkalitti haleellaa lammiilee nagaa irratti hidhattoota Gumuziin raawwaten namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Hidha Haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu Godina Matakkal keessatti argama.

Hidhattootni kunis addatti dhiyeenya bakka hidhi haaromsaa itti ijaaramutti hidhannoo qabatanii socho'aa akka turaniifi erga sochii hidhannoo eegalanii waggaa tokkoo ol ta'uu obbo Isahaaq himaniiru.

Hidhattootni kun qaama dhaaba Sosochii Dimookraatawaa Saba Gumuuz kan beekamtii Boordii filannoo qabuu ta'uufi paartichi Muddee darbe dhaabota biroo 26 ol boordichi haqe keessaa tokko.

Sanada kana irratti dhimmoota akka ijootti eeraman keessaa humnoonni kuni itti gaafatama mootummaa akka kennamuuf, lafa magaalaa mana itti ijaaran, akkasumas lafa qonna baadiyyaa qotan akka kennamuf kan jedhu keessa jira.

Kanneen itti gaafatamni kennamaaf jedhame dandeettiifi sadarkaa barumsaa bu'uura kan godhate akka ta'e kan eere godinichi, sadarkaa naannootti lama, godinaatti namoota sadii aanaattimmoo namoonni 4'f itti gaafatamni kennama jedhame.

Komiiwwan ijoo hidhattoonni kana dura kaasan keessaa tokko 'dhiibamneerra' kan jedhudha.

Dabalataan, kanneen muuxannoo waraanaa qaban caasaa nageenyaa naannichaa keessa ramaduu, waldaaleen garaagaraa dubartoota hirmaachise akka ijaaraman, barumsa qabaniin akka ramadaman akkasumas liqiin akka mijatuf kan jedhu sanadicha keessa jira.

Naannoo Beenishaangul Gumuuz

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Baatii Mudde darbe haleellaa hidhattoonni Godina Matakkal Aanaa Bulanitti raawwataniin namoonni 200 ol ajjeefamaniiru

Gaaffii gama garee hidhateen ka'u karaa nagaan furuufi karaa dimookiraatawaa ta'en furmaata kennuuf leenjii kan fudhatan ta'uus ibsameera.

Waliigaltee kanas naannicha bakka bu'uun Pirezidantiin naannichaa Obbo Ashaadli Hasaniifi bakka bu'aan qaama hidhate Obbo Jagnaammaaw Maangiwaa raawwachuutu ibsame.

Pirezidantiin naannichaa kanneen nagaan galaniin ''Ambaasaaddara nagaa'' jedhanii kan waaman yoo ta'u kaanis akka dhufan waamicha akka taasisaniif gaafataniiru.

Sagantaa kana irratti Ajajaan Itti - aanaa Izzii Lixaa Birgaadar Janaraal Alamaayyahu Waldee akkasumas qondaaltonni biroo argamuu isaanii BBC'n godinarraa odeeffateera.

Kana dura miidiyaan biyya keessaa Waaltaan Bitootessa 7, 2013 akka gabaasetti taanaan kanneen karaa nagaan harka kennan 3,230 dha.

Haleellaa Benishaangulitti raawwatame

Naannoo Benishaangul Sudaan daangessutti godinootni sadii jiru. Kunneenis, Kaamashii, Matakkaliifi Asoosaadha.

Kanneen keessaa keessumaa barana godina Matakkaliitti haleellaan irra deddeebiin raawwate lammiileen nagaa hedduu lubbuu dhabaniiru.

Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Kanneen qe'eerraa buqqa'anis kuma hedduudha. Kana hordofee mootumaan godinichatti komaand postii hundesseera.

Akka fakkenyaatti baatii Mudde keessa Godina Matakkal, Aanaa Bulan ganda Bakkujjiitti namoonni 200 ol ajjeefamu ibsameera.

Kanaafi haleellaa biroo raawwatan hordofee tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhataniin hoggantoonni badiin shakkaman to'atamaniiru. Hidhattoonni hedduus ajjeefamuu poolisiin ibseera.

Kanneen haleellaa raawwachuun himataman 'GUHDEN' kan jedhaman yoo ta'u 'Gumuuz bilisa baasna' jedhanii kan socho'an ta'u poolisiin ibseera.

Jiraattonni akka ibsanitti kanneen haleellaa raawwatan kunneen bifaafi saba bu'uura godhachuun akka ta'e kana dura irra deddeebbiin ibsameera.

Naannoo Benishaangulitti ummanni miiliyoona 1 ol ni jiraata jedhamee tilmaama.