Hidhattoonni Beenishaangul Gumuz aanaa tokko to'annoosaanii jala oolchan - Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Fuula FB EHRC
Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Kaamaashii keessatti kan argamu aanaan Seedaal hidhattootaan to'atamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Hidhattoonni kunneen ALI Ebla 11, 2013 Wiixata darbe irraa kaasanii Aanaa Seedaal guutummaatti to'achuu odeeffannoo argadheera jedhe komishiniin kun ibsa baase keessatti.
Godinni Kamaashii gara Kibba Beenishaangul Gumuzitti kan argamtu yoo taatu, aanaan hidhattoota harka galteetti jedhamte Seedaal jiraattota 25,000 caalan of keessaa qabdi jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Haleellaa hidhattoonni kunneen aanaa kana irratti raawwatan hordofee bulchaa aanaa fi poolisoota dabalatee jiraattonni aanichaa hedduun baqatanii ba'aniiru, akka ibsa komishinii kanaatti.
Dhimma kanarratti mootummaan naannichaas tahe, kan Federaalaa ammatti wanti jedhan hinjiru.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhaabbata mootummaa Itoophiyaan hundaa'e yoo tahu, aangoo sarbama mirgoota namoomaa qorachuufi biroon itti kennameera. Komishinichi dhiibbaa mootummaarraa bilisa akka tahes hima.
Komishinichi ibsa guyyaa Kamisaa baaseen, hidhattoonni haleellaa raawwataniin jiraattota aanaa Seedaal, hooggantoota aanaa fi godinaa akkasumas hojjettoota mootummaa ajjeesuu fi qabeenya mootummaa fi dhuunfaa barbadeessan jedha.
Komishinichi jiraattota aanaa Seedaal irraa yaada argadheera jechuun akka ibsetti, hidhattoonni kunneen humna mootummaa naannoo jiruun ol ta'uu fi humni nageenyaa dabalataa garas ergameera jedhames bakka kana hin geenyee jedheera.
Komishiniin mirga namoomaa kun waa'ee eenyummaa hidhattoota aanaa Seedaal to'achuun haleellaa qaqqabsiisaniiru jedhee homaayyuu hin ibsine.
Mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun, humnoota nageenya lammiilee eegsisan garasitti dabalataan ramadee lubbuu lammiilee gaaga'amaa hamaa fi dhiittaa mirga namoomaa daran hammaachuu hedu irraa tiksuu qaba jechuun dhaameera komishiniin kun.
Taateen kun rakkoo nageenyaa naannocha keessa bubbule irraa kan dhufeedha kan jedhe ibsi komishinichaa, taateen akkanaa baay'ee kan isa yaaddessu ta'uu eere.
Rakkoo mudate kana ilaalchisuun mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz fi mootummaa federaalaa waliin dubbachaa akka jirus ibseera.
Kallattii lixa Itoophiyaatiin Sudaan waliin wal-daangeessee kan argamu naannoon Beenishaangul Gumuz, godinaalee sadi jechuunis Matakkal, Kamaashii fi Asoosaa of keessaa qaba.















