Namoonni 7,000 ta'an Beenishaangul irraa gara Sudaan baqachuu UN hime

Namoota naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessaa buqqa'an, Chaaginiitti

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessaa buqqa'an, Chaaginiitti

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanaan mirga namoomaa(UNHCR) ji'a tokko keessatti qofa namoonni kumaan lakkaa'aman naannoo Beenishaangul Gumuz irraa gara Sudaan baqachuu ibse.

Dubbii himaan jaarmiyaa kanaa Bibaar Baaleek kaleessa Jeneevaatti ibsa wayita kennan namoonni 7,000 ta'an Sudaan bulchiinsa Biluu Naayil jedhamu ga'anii jiraachuu himan.

Hanga yoonaa namoota 3,000 ta'an qofa galmeessuu kan ibsan qondaalli kun, namoota kutaalee naannichaa garaagaraa irraa kallattii garaagaraan gara Sudaan imalan galmeessuun yoon danda'ame lakkoofsi kun daran akka dabalu dubbatan.

Torbanoota darban keessa UNHCR baqattoota 1,000 ta'aniif gargaarsa kennuu kan himan dubbi himaan kun, gargaarsi kunis nyaata, qoricha, bishaan fi meeshaalee qulqullina eeguuf gargaaran akkasumas gargaarsa namoomaa kan biraas kan of keessaa qabuudha jedhan.

Koolugaltoota kaan ammoo jiraattota naannoo(lammiilee Sudaan) irraa waan argataniin jiraataa jiru jedhan.

Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal keessatti waggoota sadan darban keessa rakkoo nageenyaa fi haleellaawwan suukanneessoo ta'an hedduutu mudachaa turan.

Keessattuu Fulbaana darberraa kaasee haleellaawwan eenyummaa namootaa adda fo'uun raawwataman akkaan heddummaataniiru.

Rakkoon nageenyaa hammaataan irra deddeebiin erga mudatee booda godina Matakkalitti Labsiin Yeroo Muddamaa kan labsame yoo ta'u, naannawa kanatti saboonni Amaaraa, Oromoo fi Shinaashaa ta'an yeroo garaagaraatti ajjeefamaa, qaami miidhamaa fi qe'eerraa buqqaafamaa turan.

Mootummaan rakkoo nageenyaa naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti hammaateef furmaata waaraa fiduuf jecha qondaaltota mootummaa dabalatee namoota harka keessaa qabu jedherratti tarkaanfii fudhachaa tureera.