Waa'ee magaala Benishaangul hidhattoonni to'atan jedhamte hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, BBC
Naannoo Benishaangul Gumuz godina Kamashii keessatti kan argamtu magaalli Diizaa jedhamtu hidhattootaan guutumaan guututti to'atamuushee komishiniin poolisii naannichaa himeera.
"Humni nageenyaa keenya bittinnaa'ee bosona keessa jira. Raayyaan ittisaa akka seenuf walin haasofneerra," jechuun BBCtti himan Komishinarri itti aanaa Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa kaleessa galgala baasen, aanaan magaalli Diizaa keessatti argamtu aanaan Seedaal haala gutumaan guututti jedhamuu danda'uun hidhattootaan to'atamuushee hime.
"Angawoonni mootummaa aanichaa, kan godinaa, hojjettoonni waajjiraalee mootummaa ajjeefamuufi butamuu odeeffadheera" jechuunis komishinichi yaadda'uusaa beeksise.
Aanaa Seedaal irraa baqatanii yeroo ammaa magaala Mandiitti kan argaman Obbo Taklee Tibbaa Kibxata darbe oboroo naannoo sa'aa 11 dhukaasni eegaluusaa BBCtti himan.
"Kibxata ganama sa'aa 11tti dhukaasni eegalame. Gaafa lolli jalqabamu nuti mana keessa turre. Sa'aa lamaa hanga sadii kan ta'uf lolli erga taasifamee booda qaamni eenyummaansaa hin beekkamne manaa manatti ol galuun uummata gadi baasun isa kaan ni ajjeessa, isa kaan immoo ni qala" jedhan.
Magaalicha keessaa hoteela akka qaban kan himan Obbo Takleen, hidhattoonni kun gara qe'ee hoteelichaa seenun namoota kutaalee ciisichaa keessa turan kudhanii ol fudhatanii deemuu isaanii himan.
"Manakoofi konkolaataa qe'eekoo keessa jiranitti ibidda erga qabsiisanii booda ani karaa boroo cabsee mucaakoofi hojjettootakoo na walin jiran fuudhee bosonatti baqadhe" jechuunis akkatti miliquu danda'an himu.
Obbo Takleen haadha warraa isaanii, mucaa isaanii akkasumas namoota isaan biratti hojjechaa turan sadi walin miliquu isaanii dubbatan.
Jiraataan biraan BBCn haasofsiisefi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatanis, lubbuun namoota 'heddu' darbuu himu.
Lola humnootii mootummaa walin taasifame…
Hidhattoonni magaala Diizaa weeraran kunneen oboroo sa'aa 11 irraa eegalee hanga ganama naannoo sa'aa afuriitti humnootii mootummaa walin walitti dhukaasaa akka turan jiraattonni magaalattii himu.
Humni hidhate kun caasaa nageenyaa mootummaa naannichaa injifachuun magaala aanaa Seedaal kan taate Diizaa to'achuusaa kan himan Komishinarri Ittaanaa poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa, hanqinni humna namaa poolisii humna addaa naannichaa akkasumas hanqinni meeshaalee waraanaa hidhattootaan injifatamuu qaamolee nageenyaaf sababa ta'uu himan.
Miidhaan jiraattota magaalichaa, humnootii nageenyaafi qabeenyarratti qaqqabe hangam akka ta'e hanga ammaa akka hin baramnes dubbataniiru.
Uummanni iyyachaa ture…
Jiraattonni aanaa Seedaal haleellaan hidhattootaan raawwatamuuf akka ta'e dursanii odeeffannoo dhagahuu isaanii himu.
"Uummanni sodaatee 'raayyaan Ittisaa nuf yaa galu' jedhee kan iyyate ammaa miti. Garuu raayyaa Ittisaa maalif galchuu akka dhiisan namaaf hin galu. Utuma humni isaanii cimaa ta'uu beekanu ciisan" jedhu jiraataan aanicharraa baqatan.
"Jarri kun dhufaa jiru adaraa qaamni seeraa olaanaan nuf yaa seenu jennaan 'humna keenyaa ol miti' jedhanii beekaa nu ficcisiisan. Kanaaf eenyutti iyyanna? Mootummaatu nu ficcisiise. Kana keessaa siyaasa maalii akka ragatan hin beeknu" jedhu jiraataan kun.
Komishinarri itti aanaa poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa gama isaaniitin "xiinxala ragaa diinaa taasisnee humna nageenyaa keenyaa ol ta'uusaa gamaggamnee qaama dhimmi ilaaluuf gabaasnerra. Kana malees poolisii naannichaafi milishaa walin ta'un humnichi gara magaalaa akka hin seenne hojjechaa turre" jedhan.
Haata'u malee lola Kibxata ganama hidhattootaafi humnootii mootummaa walin taasifameen qaamolee nageenyaarra miidhaan cimaan qaqqabuu himan.
"Bulchaa aanichaa dabalatee caasaan mootummaa aanichaa hundi bittinnaa'ee magaalichi gutumaan guututti to'annoo humnootii farra nageenyaa keessa jira" jedhan.
Kana malees lubbuu namootaa darbeefi miidhaa qaqqabe ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoo argachuu akka hin dandeenye Komishinarri Ittiaanaa Misgaanaaw Injifataa BBCtti himaniiru.
Hidhattoonni kun eenyu?
Jiraattoonni aanaa Seedaal irraa buqqa'an kan BBCn haasofsiise eenyummaa hidhattoota kunneenii akka hin beekne, haata'u malee kanneen afaan Gumuz dubbatan ta'uu himu.
"Uummata maalif akkas akka godhan hinbeeku. Siyaasa kamiif akka fayyadu hin beeknu" jedhu jiraataa aanichaa kan ta'an Obbo Taklee Tibbaa.
Hidhattoonni qe'eesaanii seenun namoota butanii fudhatanii deeman meeshaa waraanaa haalaan kan hidhatan ta'uu himu.
Jiraataan aanaa Seedaal keessaa baqatan inni biraan jiraattonni aanichaa kan isaan beekan hidhattoota walin ta'uun saamicha raawwachuusaanii dubbatan.
Komishinarri itti aanaa poolisii naannoo Benishaangul Gumuz Misgaanaaw Injifataa humni hidhate kun GUHDEN jedhamuun kan beekkamuufi kanaan dura dhaaba siyaasaa filannoo biyyaalessaa shanaffaa irrattillee kan hirmaate ta'uu himan.
"Hidhattoota GUHDEN malee dargaggoonni aanaa Seedaal keessa sababoota garaagaraan muufatan haleellicharratti hirmaachusaanii ragaa qabna" jedhan.
Galmi qaama hidhate kanaas aangoo humnaan qabachuu akka ta'e komishinarri itti aanaa Misgaanaaw Injifataa himaniiru.
Qaamni hidhate kunis ajjeechaawwan naannicha keessatti irra deddeebin raawwatamaa turaniif komatamaa turuunsaa ni yaadatama.















