Naannoo Amaaraa: Lola Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti hidhattoonni 'ABO Shanee' hirmaataniiruu?

Jiraattota Godina addaa saba Oromoo

Lola Naannoo Amaaraa Godinaalee Shawaa kaabaa fi Saba Oromoo ture keessatti hidhattootni WBO kan mootummaan 'ABO Shanee' ittiin jedhu hirmaachuu qondaalonni naannoo Amaaraa irra deddeebiin kaasaa turan.

Yeroo ji'a tokkotti dhihaatuuf waldhibdeen Naannoo Amaaraa magaalaa Axaayyee keessatti jalqabe godinaalee lamaan keessatti babal'atee, iddoowwan kanneen naannoo jeequmsaa fi lolaa taasisuunsaa ni yaadatama.

Godina lamaanirraayyuu sababa jeequmsa kanaatiin lubbuun darbee fi miidhaan gahe hanga ammaatti ragaan qulqullaa'e bahuu baatus, godina lamaanirraa namoota kumaatamaan lakkaahaman qe'ee isaaniirraa buqqiseera.

Godinoota lamaan keessaa Axaayyeen, Shawaa Roobiit, Jiillee Dhummuugaa fi Harxummaa Furseen warra irree lola kanaatiin rukutaman.

Lola ji'a tokkoof adeemaa ture kana keessatti maqaan 'ABO Shanee' jedhu jalqabaa hanga ammaatti lola kana keessaa akka harka qabutti irra deddeebiin ibsamaa tureera.

WBO'n lola kana keessa hirmaatee jiraa?

Dhimmi 'ABO Shanee' jedhu kun gartuu naannoo Amaaraatiin akka qaama gurmaa'ee fi hidhatee namoota sabaan adda baasee haleeluutti yoo kaafamu, gama saba Oromootiin ammoo 'nu cabsuuf taappeellaa nutti kennamedha' jedhanii amanu.

Gama tokkoon ibsawwan Naannoon Amaaraa baasaa turee fi yaada qondaaltonni naannichaa kennan, gama biraan ammoo bakka bu'oota saba Oromoo paarlaamaa keessa jiranii fi angaa'ota godinichaatiin yaadonni gamaa gamana tahan dhihaataniiru.

Naannoo Amaaraatti Bulchaa Godina Shawaa kaabaa kan tahan Obbo Taaddasaa GabraTsaadiq, keessumaa miidhaa tibbana magaalaa Axaayyee gube duuba qaamoleen hidhatan jiraachuu nan amana jedhu.

"Waan kuni kan qulqullaa'uu qabudha. Garuu akka amantaa kiyyaatti badii tibbana gahe kana yoo ilaalle uummata naannoo kana jiraatuun gahe jedhamee hin yaadamu. Gamaaggama akkasiis hin qabnu. Kana kan godhu warra siyaasa kasaare oofani. Kanammoo odeffannoo fi ragaa itti qabna," jedhan.

Lola kana hidhattoonni ABO Shanee keessatti qooda fudhataniiru jechuuf ragaa maal qabdu jennee kan gaafanne Obbo Taaddasaan, "waan kana garee teeknikaatu qoratee ibsa, nuti odeeffannoo kan arganne namoota miidhamanirraayi," jedhan.

Garee hidhattootaa ABO Shanee jedhamu kana keessaa kan du'e, kan madoo ta'e yookan booji'amee miseensa gartuu kanaa ta'e argame yoo jiraate ragaa ofdura qulqullaa'uun malee ammatti ragaa ibsan akka hin qabnes himan.

Haa ta'uutii gamaaggama ammaan dura godina saba Oromoo waliin gochaa turaniin hidhattoonni kuni godinicha keessatti rakkoo akka geessisan ibsamaa waan tureef, ammas lola kana keessa jiraachuu isaanii akka hin oolles nan shakka jedhan Obbo Taaddasaan.

Bulchaan Godina addaa saba Oromoo Obbo Ahmad Hasan ammoo lola ammaa kana keessatti kan hirmaates, kan miidhames guutumatti qonnaan bulaa fi namoota nagaati jedhu.

"Godina keenya keessa namni ilaalcha ABO Shanee qabu jiraachuu mala. Qabatamaadhaan qaamni maqaa kanaan gurmaa'ee socho'u garuu hin jiru.

Shiftoonni maqaadhaan beekaman ABO ofiin jedhan namni saddeet jiru. Isaan lola kana keessatti gahee hin qaban," jedhan.

Namoota saddeettan kunneen yakkamtoota waraqaan qabiinsaa itti bahee barbaadamaa jiranidha jedhan.

Loltoonni ABO Shanee jedhaman lola tibbana tahe kana keessa akka hin jirre wantoota agarsiisan yoo ibsanis:

"Namoota du'an keessatti kan argame hin jiru, kan madaahe keessa hin jiran. Miidhamee kan buqqa'e hin jiru. Lola kana keessatti kan du'e, kan madaahe, kan manni jalaa gubate Oromoo qotee bulaadha. Lola kana keessatti Shanee hidhate wanti agarsiisu gonkumaa hin jiru," jedhan.

ABO Shaneen lola tibbana ka'e kanaan duras moggaasa godina kanaaf kennamaa turedha jedhan.

"Yoo maqaa kana ta'e anumarraa ka'eeti Shanee kan jedhan. Maqaan kuni durumarraa namatti kennu. Kanaan namni baayyee miidhameera.

Qaamni godina kana balleessuu barbaadu jira. Yoo ta'e seeraan, yoo dadhabame akka ammaa humnaan. Maqaan kunis kanumaaf dhimma itti bahama," jedhan.

Dhimma hidhattoota ABO Shaneetu naannawa sanitti hidhannoodhaan miidhaa geessisaa jira jedhu kuni gartuu walabaatiin qulqullaa'ee dhugaan argamuu qaba jechuunis gaafatan bulchaan Godina addaa saba Oromoo obbo Ahmad Hasan.

Lola godinoota lamaanitti hammaate dhaabuuf komaandi poostiin naannichatti hundaa'eera, dhorkaaleen garagaraas hojiirra oolaniiru.

Ergasiis naannichatti nageenyi fooyya'aa jiraachuu bulchitoonni Godinaalee lameenii BBC'tti himaniiru.

2px presentational grey line

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garagaraa keessatti sochiin qaama hidhate kan ABO irraa cabuun bosonatti hafe 'WBO' waggoota darban lamaan kanatti dabaluun kan himamu yoo tahu, mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiruun hedduu isaanii 'barbadeesseera' jedha.

Keessattuu godinaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagahama.

Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.

Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.