Rakkoo nageenyaa: Waa'ee haleellaa Matakkalitti raawwatame jedhamee maal beekna?

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal aanaa Dibaaxee keessatti guyyaa Ayyaana Gubaa [Masqalaa] haleellaa raawwatameen lubbuun namoota shanii darbuufi manneen gubachuu jiraattonni yoo himan, qondaallii motummaa naannichaa garuu dhimmicharratti odeeffannoo akka hin qabne BBCtti himan.
Haleellaan kun Fulbaana 27, 2021 akka dhaqqabe kan himan jiraataan godina Matakkal Obbo Tamasgeen, haleellichi godina Matakkal ganda Caanchoo Dishgaaraa jedhamutti raawwate jedhan.
Haleellichi guyyaa Ayyaana Gubaatti guyyaa keessaa gara sa'a 5:00-7:00 gidduu akka raawwate himan.
Jiraataan kun haleellaa kana kan raawwate hidhattoota naannoo Amaaraa irraa fe'amanii galaniin jedhan.
Dhimma kana ilaalchisee BBC kan dubbisee Hogganaan Biiroo Kominikeshiinii Naannoo Beenshaangul Gumuuz Obboo Mallasa Bayyana hanaga ammaatti miidhaa qaqabeera jedhamu kanarratti odeeffannoo hinqabu jedhan.
''Humni addaa naannoolleerraa dhufee ofiin socho'ee haalli itti haleellaa raawwatu hinjiru. Humni addaa naannoo Amaaraas ta'ee kan ummattootaa kibbaa, kan Sidaamaa ta'us, komaandi poostii raayyaa ittisa biyyaa jalatti hundaa'eefi ajjaja komaandii poostiin kennamuun alatti dhuunfaan opareshiniin raawwatan hinjiraatu,'' jedhan.
Kana malees ''qaamooleen kunneen ummatarratti tarkaanfii hinfudhatan. Odeeffannoon amma qabuun haleellaan akkasii hinraawwatamne,'' jedhan Obbo Malasaan.
Obbo Tamasgeen erga humni poolisii addaa naannoo Sidaamaa naannichatti bobbaafamee godinichi tasgabbaa'ee akka ture himan. ''Godinicha keessa wal ajjeechaan ture, booda kana ammoo erga poolisiin naannoo Sidaamaa dhufanii namni jireenya idileetti deebi'ee jiraachaa ture'' jedhan.
Naannoon Amaaraa naannoo Benishaangul waliin waliigaluun hidhattoota Gumuz rukunna jedhanii humna addaa naannichaa leejisuun galchuu ibsuun isaa ni yaadatama.
''Naannoon Amaaraa warreen karaa seeraan seenan ala 'Faannoo' warra jedhaman hidhachiisuun lafoon miillaan galchanii balaa kana raawwatan,'' jedhan Obbo Tamsgeen.
''Konkolaattota dhuunfaan fe'amaniiti kan galaa turan. Kaan miilaan nama 200 fi 150 kan tahan fe'uun galchaa turan. Uummanni argaa ture. Mana barumsaa keessadha kan isaan buufatan. Haala kanaan haleellaa kana raawwatan,'' jedhan.
Obbo Tamsgeen haala ture yoo BBCtti himan, ''namni sammuu dhukkubsatu tokko baqachuu waan hin dandeenyeef mana keessa osoo jiruu manichatti abidda qabsiisuun waliin gubateera. Dubartiin daa'ima waggaa lamaa of harkaa qabdu humna kanaan ajjeefamteetti.
Haata'u malee Obbo Malasaan ''odeeffannoon manni gubatee namoonnis achi keessatti ajjeefaniiru jedhu isaanif haaraadha. Yeroo fudhannee kana ni qulqulleeffanna. Kun raawwatame yoo ta'ees sirrii miti. QOranneetu isin beeksiifna,'' jechuun BBCtti himan.
Akkasums guyyaa Ayyaana Gubaa nama tokko magaala keessatti ajjeesuun boolla bishaanii keessa buusnan humna addaa Sidaamaatu bakka humni mootumma jiranitti reeffa isaa baasan,'' jedhan Obbo Tamasgeen.
Haata'u malee BBCn maatii miidhamtoota jedhaman irraa waan mirkaneeffate hin qabu.
Guyyoota lamaan dura warri kaan buqqa'anii isin waan jiraattaniif hin qabdan jechuun uummatni qe'ee isaa irraa buqqa'uun gara magaalaatti akka galan itti himamaa turu kaasu Obbo Tamasgan.
Kana dura godina Matakalitti haleellaa irra dedeebiin dhaqqabaa tureen lubbuun namoota hedduu darbeera. Dhalattootni Amaaraa hedduunis godinicha keessaa buqqa'anii ture.
''Isintu as taa'ee hidhattoota bosonaa nyaachisaa jira. Kanaafuu, baadiyaatii gadhiisaatii bahaa; hin baatan taanaan mana keessan waliin gubattu jechuun dubbataa turan.''
Uummanni eessa dhaqna, qonna keenya maaliif dhiisnee deeman jennaan humni poolisii naannoo Benishaangul Gumuz dursee qawwee irraa hiikuu himan. Guyyaa jalqabaa qawwee 17 tahu uummata keenyarraa hiikan, jedhan Obbo Tamasgeen.
Harka qullaa tahuu erga hubataniiti qaamni hidhatee naannoo Amaaraatii gale kan haleellicha raawwatan jedhan.
Nama manni isaa kaleessa Fulbaana 27,2021 gubate jedhan maqaa dhahuun yoo himan, ''bara darbe qawwee kee kenni yookaan dhaqi milishaa leenji'i jennaan didee dhaqee milishaa leenji'e. Yoo deebi'u dhaqi warra hidhatanii bosona jiran loli jennaan dhaqee lagatti ajjeefame. Kaleessa garuu tokko mana isaati kan gubate,'' jedhan.
Mootummaan humni nageenyaa bobbaase 70 hin caalan jedhan Obbo Tamasgeen, deeggarsa abbootii qabeenyaan 'Faannoo' warra jedhaman galchan jedhan.
Akka jiraataan kun jedhanitti amma namoonni warri miidhaa geessisu jehaman 700-900 tahantu galee jira.
Taatee kanaan dura raayyaan ittisa biyyaa warra buqqa'an qe'eetti deebisee haleellaan hafee tasgabbiin uumamee ture jedhan jiraataan BBC'n dubbise.
Akkasumas himannaa kanarratti yaada motummaa naannoo Amaaraa argachuuf yaaliin BBC taasisee hinmilkoofne. Haata'u malee qaamni dhimmicha irratti yaada isaa nuuf kennuu yoo jiraate ni keessumeessina.
Godinni Matakkal haleellaa hidhattootaan irra dedeebiin dhaqabaa ture irraa ka'uun bulchiinsa Komand Postiin bulaa jirti.













