UN, AU, EU fi US mootummaa fi TPLF waraana akka dhaaban waamicha dhiyeessan

Waraanni ji'oota shaniif Kaaba Itoophiyaatti qabbanaa'ee ture deebi'ee eegaluu isaatti yaada'uu fi gareewwan wal lolan hatattamaan lola akka dhaaban Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppa fi Ameerikaan waamicha dhiyeessanii jiru.
Barreessaa Olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, waraanni deebi'ee eegaluun baay'ee akka isaan naasise dubbatan.
Waraanni kun hatattamaan akka dhaabatus gaafatanii jiru.
"Waraanni Itoophiyaatti irra deebiin eegaluu isaatti baay'een gadde; inumaayyuu baay'een gadde," jedhan. Lolli irra deebiin eegale kunis karaa nagaan akka xumuramuuf waamicha isaanii dhiyeessan.
"Mariin nagaa mootummaa fi TPLF gidduutti eegale akka itti fufu waamicha koon dhiyeessa. Dabalataanis, deeggarsi namoomaa warra rakkatan bira akka gahuuf haalli akka mijatu, bu'uuraalen misoomaa addaan citanii turan akka itti fufan," Antooniyoo Gutaarez gaafatan.
"Warri wal-lolaa jirtan gara mariitti deebi'aa" Gamtaa Afrikaa (AU)
Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF walitti araarsuf jaarsummaa gidduu deemaa kan ture Gamtaan Afrikaas waraanni bifa haaraan eegale kun dafee akka dhaabatu waamicha godheera.
Gaggeessaa Komishinii Gamtaa Afrikaa kan ta'an Musaa Faaqii Mahaamat ibsa Hagayya 24, 2022 baasaniin, waraana bifa haaraan eegale itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiraanii fi qaamoleen wal lolaa jiran waraana dhaabun kara nagaa furmaata akka barbaadan gaafatan.
Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF Baha Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Oliseeguu Obaasaanjoo wajjin akka wal argan Musaa Faaqii waamicha dhiyeessan.
"Yeroo lolaa osoo hin taane yeroo mariin nagaa gaggeeffamuu qabuudha" Gamtaa Awurooppaa
Gamtaa Awurooppatti bakka bu'aa olaanan poolisii dhimma alaa fi nageenya akkasumas itti aanaa pirezidaantii kan ta'an Joosef Boorel, waraanni kaaba Itoophiyaatti eegale marii nagaa eegalametti dukkana kan uwwisuudha jedha.
Joosef Boorel kana kan jedhan fuula Tiwiitara isaanii irratti ergaa bareessaniini.
Gaggeessitoonni mootummaa fi TPLF waraanni kun kana caala osoo hin hammaatin akka dhaabaniif gaafatan.
"Yeroon isaa mariin kan itti taasifamuudha," jedhan Joosef Boorel.
Gidiraa namootaa, sarbama mirgootaafi rakkoo dinagdee biroo qaqqabsiisa-US
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan karaa ministira dhimma alaa Antoonii Bilinkaniin walitti bu’insi deebiyee ka’e yaaddoo akka itti uumee jiru ibsite.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF haalduree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuufi dhuma irratti ammoo walitti bu’insa guutummaatti dhaabuudhaaf carraaqqii taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeesiteetti.
Ji’oota shanana darban keessa gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuu mootummaan Itoophiyaa labsee TPLF ammoo simate walitti bu’insi ture hir’atee naannolee Tigraay, Affaar, fi Amhaaraa keessatti gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun akka danda’amuuf karaa akka bane ibsa kaleessaa keessatti eerameera.
Dhukaasa dhaabuun ji’oota shananiif hojiirra oole lubbuu hedduu akka baraareefi gargaarsi jiraattota kumaatamaan lakkaa’amaniif akka qaqqabu taasisuu Antoonii Bilinkan eeraniiru.
Waraanni, qoccolloofi gamaafi gamanaa dubbii hammeessuun foyya’insa ture deebisee yaaddoo keessa galchuus himaniiru.
Dabalataanis nageenya waloofi bvadhaadhina lammilee Itoophiyaa hundaaf akka dhufu adeemsi siyaasaa hunda hirmaachise akka uumamuuf carraaqqii taasifamu tursiisuu malaa yaaddoo jedhus ibsiteetti Ameerikaan.
Waraanni deebiye jalqabuun warra nagaafi tasgabbii Itoophiyaa booressuuf fedhaniif gahee akka qabaatu kan himan Antoonii Bilinkan, gidiraa namootarra gahu bal’isuuf, sarabamuu mirgoota namoomaafi rakkoo dinagdee dabalataa qaqqabsiisa jedhan.
Antoonii Bilinkan ibsa isanaii kanaan mootummaan Itoophiyaa garee mariyatu hundeessuu isaafi fedhii marii nagaatiif qabu ibsuu isaa hubataniiru.
Qaamoleen hundi deegarsi namoomaa, nyaatifi dhiyeessin nyaataa akka itti fufu, sochii waraanaa irraa akka of qusatanii fi bu’uuraleen misoomaa iddootti akka deebi’aniif gaafatanii jiru.
“Tokkummaan daandaa Itoophiyaa akka eegamu, nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuf Ameerikaan kutannoo gaarii qabdi. Rakkoolee garaa garaa biyyattii mudatan, gogiinsa mo’achuu dabalatee nageenya naannoo mirkaneessuf lammiilee Itoophiyaa hunda waliin hojjachuuf nuti qophiidha,” jecdha ibsi kun.
Mootummaan federaala fi humnoonni Tigraay deeggarsa namoomaf waraana dhaabuu irratti erga walii galanii ji’oota muraasaf lolli erga dhaabbatee booda Hagayya 24, 2022 lolli irra deebin eegalee jira.
Qaamoleen lachuu lola kana “situ eegale” jechuun quba walitti qabaa jiru.
Lolli kun kaleessa bifa haaran osoo hin eegalin torbee tokko dura humnoonni Tigraay, waraanni mootummaa lixa Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaadhan haleele jechuun himatanii turan. Mootummaan gama isaatin haleellaa kana kufaa gochuun ibsa baasee ture.
Bara dabre Sadaasa keessa waraanni Tigraay keessatti jalqabe gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babbal’atee lubbuun kumaatamaan lakkaa’amu akka darbu taasisee, lammileen miliyoonaan lakkaa’aman ammo akka buqqa’an gochuun rakkoo namoomaa gudduu qaqqabsiiseera.
Gama lamaaniiniin waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga hojiirra oolee booda waraanni kun tasgabba’aullee, hanqinni nyaataafi boba’aa, akkasumas tajaajilawwan akka bilbilaa, bishaanii, ibsaa, baankiifi kaan Tigraay keessatti akkuma addaan citetti itti fufuun isaa uummata naannichaa hedduu rakkisuu dhaabbileen gargaarsaa ibsaa jiru.
Wal waraansa wagga lama guutuuf deemu kana mariidhaan furuudhaaf Gamtaan Afrikaa, Ameerikaan, Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni gara garaa, akkasumas dhaabbileen idil-addunyyaa carraaqaa jiraachuun isaanii ni beekama.












