US dabalatee biyyoonni jaha waraana Tigraay dhaabbatee gara mariitti akka deebii'amu gaafatan

Loltuu Itoophiyaa imalarra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaa fi UK dabalatee biyyootni Lixaa jaha waraanni Kaaba Itoophiyaa hammaachuu fi dhiheessitii deeggarsa namoomaa rakkoo keessa galchuun isaatti '‘hedduu akka yaadda’an’’ ibsan.

Ibsa waloo Roobii Onkoloolessa 12, 2022 baasaniin, Awustiraaliyaa, Denmaarki, Jarman fi Neezarlaandis ejjennoo Ameerikaa fi UK'tti dabalamuun, qaamoleen Itoophiyaatti wal waraanaa jiran [mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni TPLF] hatattamaan dhukaasa akka dhaabaniif gaafatan. 

Biyyoonni kunnneen mootummaan Itoophiyaa fi TPLF dhukaasa dhaabuu waliigaluu qabu jedhan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf gaggeeffama jirus ji’oota shan erga qabbanaa’een booda baatii tokko dura deebi’ee eegale. Ka'umsa isaatiifif qaamooleen lamaanu quba walitti qabu.

Qaamoleen lamaan jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti marii nagaaf taa’uuf waliigaluusaanii beeksiisan illeen mariin torban darbe Afriikaa Kibbaatti ni taa'ama jedheme tures sababii rakkina 'loojissitiikiin' jedhamun yeroo adda hin baaneetti darbuutu himame.

'‘Furmaanni wal dhabdeedhaaf karaa waraanaatiin argamu hin jiru’’ kan jedhan biyyoonni kunneen, mootummaan Itoophiyaa fi TPLF marii nagaa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamuun '‘marii nageenya buusuu’’ qabu jedhan. 

Waraanni Ertiraa humna waraanaa Itoophiyaa deeggaruun waraanicha keessatti hirmaataa jira jedhama. Biyyoonni Jahan amma ibsa baasanis hirmaannaa Ertiraa kana balaaleffataniiru.

''Humni waraanaa Ertiraa oppireeshinii Kaaba Itoophiyaatti taasisaa jiru dhaabuun naannicha keessaa akka bahu gaafanna,'' jedha.

Itti dabalunis '‘qaamoleen alaa hundi wal dhabdicha hammeessuu irraa of qusachuu qabu’’ jedhan biyyoonni kunneen ibsa baasaniin.

Bara 2020 yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabe waraanni Ertiraa naannoo Tigiraay galuun humnoota TPLF waraanaa ture.

Dabalataanis haleellaa namoota nagaa irratti gaggeeffamu balaaleffataniiru.

Tibbana mootummaan Itoophiyaa dhimma waraanaarrati ibsa baayyee kennuu baatus, TPLF namoota nagaarratti xiyyeeffachuun haleellaan diroonii fi qilleensaa raawwatamaa jira jechuun mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Ertiraa himatu.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa dhiheenya baasee tokkochaan buufata waraanaa fi bakka leenjii waraanaa TPLF irratti qiyyeeffachuun haleellaa qilleensarraa gaggeessuu himunsaa ni yaadatama. 

Ibsa kanarratti mootummaan Itoophiyaa irraa yaadni dhagahame jiraachu baatus, qondaalli TPLF Geetaachoo Raddaa 'yaaddoo' ibsuun ala ibsa 'gama lamaan gammachisuu fakkaatu' jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan ragaan qorannoo UN'tti Komishinii Mirga Namoomaafi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa akkasumas kan garee Komishiniin Qorattoota Mirga Namoomaa Idil-Adunyaa dhiyeenya kana Itoophiyaatti baasan, humnootii waraanaa Itoophiyaa fi Ertiraan, humnoota TPLF fi Faannoodhaan Sadaasa 4, 2020 yeroo waraannii Tigraay itti eegalee kaasee sarbamni mirga namoomaa cimaan naannoo Tigiraay keessatti raawwachuu agarsiisa jedhan.

Biyyoonni kunneen sarbama mirga namoomaa kamiyyuu naannicha keessatti qaamolee hundaan namoota nagaa irratti raawwatu balaaleffateera.

Torban drabe keessa Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee yaada furmaataa [Resolution] qopheessuun ni yaadatama.

Paarlaamichis ibsa baaseen waraanni naannoo Tigiraayii fi naannoolee ollaa keessatti gaggeeffamaa jiru hatatamaan dhaabbatee karaan deeggarsi namoomaa ittiin ummata qaqqabu akka saaqamuuf gaafate.

Parlaamichi naannolee waraanaan miidhaman kanneen keessatti deeggarsi namoomaa itti fufinsaan dhiyaachuu akka qabu ibsuun, nageenyi dhaabbilee naannicha keessa socho’anii eegamuu akka qabu jedhee tures.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 jalqabe badiinsa lubbuu kumaatamaa fi barbadaa'uu qabeenya biyyattii olaanaaf madda ta'eera. Miiliyoonnis qe'eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uun baqachuuf dirqamaniiru.