Si’a lammaffaaf to’annoo TPLF jala kan turte Raayyaa -Qobbootti maaltu ta’e?

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Hagayyaa darbe wayita deebi’ee hammaatetti humnoonni TPLF Walloo Kaabaa bakka marroo lammatii to’atan keessatti namoota ajjeesuufi mirga namootaa sarbuu jiraattoonni himan.
Godina Waallo Kaabaa, Aanaa Raayyaa Qobboo magaalaa Raayyaa hidhattoonni TPLF ji’a tokkoo oliif wayita to’atanitti ajjeechaa, gudeeddii, dararaa fi saamicha raawataa akka turan jirattoonni BBCtti himan.
Humnoonni Tigraay magaalicha akkuma seeniin qabeenya milishoota naannichati jedhanii yaadan konkolaataasaaniitiin fe’achuusaanii jiraatan tokko dhugaa baha.
"Namoota heddu ajjeessan. Akkasuma ijoollee durbaa milishootati jedhanii shakkan bosona geessanii gudeedan,’’ jechuun BBCtti hime.
Namni kun obboleessii isaa hojii qonnaan jiraatu tokko humnoota Tigiraayiin ajjeefamuu ibseera.
'‘Obboleessa koo angafaafi hiriyaasaa daandi biratti ajjeessan. Ajjeessuu isaanii namoota reeffasaa awwaalan irraa dhageenye,’’ jedhe.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti deebi’e hammaate irratti iddoowwan lolli cimaan hidhattoota waliin itti gaggeeffame keessa tokkoo Raayyaa Qobboodha.
ALI Hagayya 18, 2014tti waraana naannichatti eegalerratti lola cimatu gaggeeffame jedhan jiraattoonni.
Lola kana hordofuun hidhatoonni harka caalaa naannoo Raayyaa Qobboo to’atan.
Ammas lolli naannicha iddoo gara garaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, torban tokko gadhiisanii bahanillee jiraattoottarra miidhaan qaqqabeera jedhan.
Ajjeeechaafi baqannaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhattoonni TPLF yeroo lammataaf magaalaa Qobboo wayita to’atan namoonni hedduun achuma turan, namoonni kaan garuu baqataniiru.
Humnoonni A.L.I Hagayya 21, 2014tti magaalaa Qobboorraa km 17 fagaattee gara Kibbaatti argamtu Roobiit wayita to’atan magaalicha keessa akka ture kan dubbatu Alamuu Tasammaa, hidhattoonni sun namoota nagaa hedduu ajjeessan jechuun hime.
"Hagayya 21 erga Roobit to’atanii booda namoota hedduu ajjeesanii, kaan dararan.
'‘Warra dhiiraa sa’aatii dheeraaf walitti nu qabanii erga jilbeeffachiisaanii booda nu gadhiisan," jedha Alamuun.
Guyyaa erga dararanii booda halkan deebia’nii na ajjeessuuf na doorsisaa turan jedhe.
'‘Halkan sa’aatii 4:30tti balbala natti rurrukutan. Akka na ajjeesuu dhufan beekeen foddaarran miliqe. Bu’aa ba'ii meeqa miilaan qaxxamureen Waldiyaa qaqqabe,’’ jedhe.
Roobiit wayitan turetti loltoonni TPLF hiriyootakoofi namoota nagaa biroo manaa gadi baasanii ajjeesan. Roobiit qofaattuu namoota 18 ol ajjeesan," jedhe.
Alamuun namoota '‘ajjeeffaman’’ jedhee maqaasaanii eere kunneen milishaafi loltummaa keessaa qooda hin qaban.
Hidhattoonni TPLF magaalaa Roobiit otoo hin seeniin dursa 'namoota siviiliitu nu waraane jedhanii haaloo bahuuf ajjeesan' jedhe.
Magaalaa Roobiit cinatti kan argamtu magaalaa xiqqoo Araadum jedhamtuttis haaluma walfakkaatuun namoota nagaa 15 ajjeesaniiru jedha Alamuun.
Isaan keessaa namoota dhiyeenyaanwal beekan jiraachuullee himeera.
Humnoonni Tigiraay naannoo Raayyaa Qobboo erga to’atanii booda dhiiroota irratti qiyyaafachuu horodofuun namoonni hedduun magaalota dhiyeenyatti argamanitti baqachuusaanii dubartiin tokko BBCtti himteetti.
Dubartiin kun akka jettutti, ijoolleen isaanii lama gara Waldiyaatti baqatanii turuu isaaniirraa kan ka’e midhaan ooriyuurra otoo hin sassaabamiin turuun jalaa qisaasa’e.
Saamichaafi meeshaa fudhachuu
Maqaa Arraagaaw jedhun akka waamnu kan gaafatan jiraataan Qobboo ajjeechaa raawwate, ‘’gochaa gara-jabinaati’’ jechuun jiraattoti gidirfamaafi meeshaan harkaa fudhatamaa tures jedha.
‘’Daa’immanitti qawwee itti qabanii mana hidhattoootaa akka itti agarsiisan dirqisiisuun dararaa keessa dabarsine. Waanti guddaan isaan barbaadan meeshaa waraanaafi qarshiidha,'' jedhan.
"Meeshaa waraanaa hin qabnu, ykn kan meeshaa qabu as hin jiru gaafa jennuun reebichaafi ajjeechaa raawwatan."
Kanarra darbuun mana hidhattootaa keessa seenanii meeshaa yoo hin arganne namoota argatan qarshii akka kennan dirqisiisaa turan jechuun haalichi yaaddeessaa akka ture himeera. Hagayya 18, waraanni akka haaraatti yeroo jalqabu battaluma lafti lolli itti jalqabe gandoota Raayyaafi Qoobboo keessaa iddoon Raamaa jedhamu isa guddaa ture.
Dhalataan naannoo sanaa BBC’n dubbise maqaan akka hin eeramne gaafate ammoo miidhaan guddaa qaqqaabuu himeera.
Namoonni sababa waraana kanaan du’an akkuma jirutti tahee, loltoonni TPLF naannicha erga to’ataniin boooda tahe jedhanii namoota nagaa ajjeesaniiru jedha.
‘’Ani kanin beekullee yoo xiqqaate namoonni 20 ganduma kana keessatti gara jabinaan ajjeefamaniiru. Sababiin itti ajjeefamaniif ammoo meeshaa ilma kee fidi, abbaan warraa kee eessatti dhokate, ilmi keessan Faannoodha?'' Kan jedhuuni jedha.
Namoonni kunneen hirmaannaa waraanaa kan hin qabne baayyeen isaanii umrii waggaa 70 olidha jedha.
‘’Haadhi koo ganna 80 manashee dhaqanii,’meeshaa ilma kee yoo fidde malee manakee si jalaa gubna’ jedhamtee obboleessi koo iddoo jiruu barbaadamee meeshaa kenneetu haati koo lubbuun hafte,’’ kan jedhu Abbaban, nyaata qonnaan bulaa fixuufi mancaasuu dabalataan gaala isaanii ammoo meeshaa ittiin fe’uuf jechuun jalaa fudhachuu ibse.
Gandicha keessatti daa’imman ganna 5fi 6 diqamaan akka mana hidhattootaa itti agarsiisan erga dirqisiisaniin booda hidhattoota argatan immoo hidhataa biraa nuu eeraa jechuun reebicha hamaa irraan gahaniiru jechuun BBCtti himera.
Jiraataan Raayyaa Qobboo biraa namoonni humnoota TPLF’n ajjeefamaniiru odeeffannoo jedhu akka hin qabne himuun, ganda dhalootasaa Shawaayi Maariyaam jedhamtutti garuu waraanichi yeroo adeemsaifamu namoonni baayyeen ajjeefamaniiru jedha.
Naannicha to’achuuf meeshaalee waraanaa gurguddoo dhukaafamaniin namoonni 10 ol ajjeefamuu dhagaheera, kanneen du’an keessaa baayyee manguddoo fi ijoolleen turanii jedhan.
Naannicha ,keessumaa gandoota baadiyyaa loltoonni TPLF erga to’ataniin booda, qabeenya qonnaan bulaa barbadeessaa, saamaafi nyaachaa turaniiru,’’ jedheera.
Nyaata mana keessa jiruufi loonillee otoo hin hafiin fudhatanii soorataaf akka oolfataniifi kuni maatii ofiisaarrattillee akka qaqqabe himeera.
Himannaa namoota nagaa ajjeesuu, dararuufi qabeenya saamuu irratti dhiyaate kanaaf humnootiin TPLF ammatti wanti jedhan hin jiru.
Qaamni mootummaas waraana Hagayya darbe deebi'ee ka'een humnoonni TPLF Walloo Kaabaa, Raayyaa Qobboo wayita qabatanitti lakkoofsa namoota nagaa ajjeefamaniifi miidhaa qaqqabe ifa hin godhiin jira.
Waraanni waggaa lama guutuuf jiru qaamonni wal-lolan Naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwataniin haleellaa saalaa, saamichaafi manca’insa qabeenyaan himatamu.












