Itoophiyaan Ayerlaand birmadummaa koorratti 'shira xaxaa' jirti jechuun himatte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun walqabsiisee birmadummaa biyyakoo irratti 'shira xaxaa' jirti jechuun Ayerlaand himatte.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makoonniin gitasaanii kan ta’an Ministira Dhimmaa Alaa Ayiriish, Simoon Kooveeniif xalayaa barreessuu miidiyaan biyya keessaa gabaasaniiru.
Obbo Dammaqaan xalayichaas Ayerlaand sochiilee "hin eegamne" kanneen faallaa birmaddummaafi tokkummaa Itoophiyaa ta’an irraa akka of qusattuuf gaafachuufiidha xalayicha kan barreessan.
Ministirri Dhimmaa Alaa Obbo Damaqaan akka jedhanitti, Ayerlaand teessoo Mana-Maree Nageenyaa UN keessaa qabduun deeggarsa humnootii Tigraayiif dhiyeessuufi Itoophiyaarratti dhibbaa taasisuuf fayyadamti.
Erga waraanni Tigraay eegalee kaasee biyyoota Lixaa kanneen dhimma waraaana Itoophiyaa kananrratti walga'iiwwan waamuuf dursaan eeraman keessa Ayerlaand tokko.
Kana malees, sababiiwwan walitti dhifeenyi Itoophiyaafi kan Gamtaa Awurooppaa waliiin jiru akka hin fooyyoofnee taasisan keessaa tokko Ayerlaand ta’uus kaasan.
Haaluma walfakkaatun, Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Abiy Ahimad, Ambaasaaddar Reediwaan Huseen, Ayeraalnd waggoota lamaan darbaniif walitti fufiinsaan cimsitee Itoophiyaa tuffatteetti jedhan.
Ambaasaadar Reediwaan barreeffama miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodaniin, yaaliin mootummaan Itoophiyaa irra dedeebiin haalicha sirreessuuf taasisees dhageettii hin arganne jedhan.
Kanaaf, yeroo ammaa ‘‘kan nama gaddisiisu walitti dhufeenyi keenya sadarkaa dhumaarra gaheerra’’ jechuun ibsan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ayerlaand biyyoota waa’ee himannaawwan sarbamaafi ajjeechaa wal waraasa wagga lamaan dura Tigraayiitti eegaluun booda naannoollee ollaatti babalate ifatti dubbatan keessaa tokko.
Waraana Kaaba Itoophiyaa kanaan namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman ajjeeffamanii, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessaa qe’eefi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’uuf dirqamaniiru.
Itoophiyaa kanaan dura waraanaa shororkeessummaa irratti taasiftuun michuu biyyoota Lixaa turte. Amma garuu waraanaa itti fufeefi rakkoo cimaa namoomaa mul’ataa jiruun walqabatee dhiibbaan irra gahaa jiru dabalaa jira.
Mootummaan Itoophiyaas deeggarsi namoomaa gara naannoo waraanaan barbadooftee Tigraay akka hin galleef dhorkaa jira jechuun eejjansiiwwan deeggarsaatiin himatama.
Uummanni miliyoona ja'atti siqu kan keessa jiraattu naannoon Tigraay yeroo ammaa hanqina shaqaxawwaniifi tajaajilawwan bu’uuraarraa kan ka'een namoonni hedduun rakkoo hanqina nyaataafi qorichaatiif saaxilamaa jiraachuu madden BBCtti himaniiru.












