Aanga'aan US mootummaan Itoophiyaafi TPLF atattamaan dhukaasa dhaabuu baannaan tarkaanfiin ni fudhatama jedhe

 Seeneetii US Boob Mendeez

Madda suuraa, Getty Images

Dursaan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US Boob Mendeez mootummaan Itoophiyaafi TPLF atattamaan dhukaasa dhaabuu baannaan wixinee seeraa bara 2021 keessa Itoophiyaarratti dhiyeessee ture akka murta’u gochuufan hojjedha jedhe.

Wixineen seeraa Itoophiyaatti Nagaafi Dimokiraasii Jajjabeessuu [‘S.3199-Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act of 2021,’] jedhamu kun warra carraaqqii waraana dhaabuun nagaa buusuuf taasifamutti gufuu ta’an ykn qaamoleen waraana Itoophiyaa keessatti hirmaataniif meeshaa waraanaa dhiyeessan irratti tarkaanfiin adabuu akka fudhatamu godhudha.

“Walitti bu’insi, beelliifi hanqinni wallaansa fayyaa kaaba Itoophiyaatti mudate erga waraanni Sadaasa 4, 2020 jalqabee kaasee Tigraay keessatti qofa lubbuu miliyoona walakkaatti tilmaamamu galaafateera.

Waliigalteen waraana dhaabuu qaamoleen lamaan taasisan yeroo gabaabaaf ture diigamuun ammoo lubbuu lammileen Itoophiyaa dabalataan balaaf saaxileeraa,” jedhe US Boob Mendez.

Waraanaa baatii Hagayyaa keessa deebii'ee eegale kanaafis Mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF quba walitti qaban.

Ibsa Onkoloolessa 15, 2022 baaseen Dursaan Hariiroo Alaa Seeneetii kun, Kaaba Itoophiyaatti dhukaasni mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti ji’oota shaniif dhaabbatee Hagayya 2022 keessa deebiyee hammaate kun atattamaan dhaabbatee qaamoleen sarbama mirgoota namoomaa raawwatan akka itti gaafatamoo ta’aniif gaafateera.

“Qaamoleen kaaba Itoophiyaatti wal waraanaa jiran atattamaan dhukaasa akka dhaaban, Ministirri Muummee Abiy ammoo humnoonni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahaniif akka ajajuufi dhorkaa 'hamaa' Tigraay irra kaa’ame akka kaasan, akkasumas mootummaan Itoophiyaa fi TPLF haal-duree tokko malee marii nagaatti akka deebiyaniif waamichan dhiyeesse.”

Kun ta’uu baannan ammoo Wixineen seeraa Itoophiyaatti Nagaa fi Dimokiraasii jajjabeessuu [‘S.3199-Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act of 2021,’] itti deemee akka hojiirra ooluuf hordofuuf karooran qaba jedhe Senaatariin US Niiwu Jersiirraa ta’an kun.

Waraana kaaba Itoophiyaa dhiittaa mirga lammiileef sababa ta'e keessatti qaamolee qooda fudhatan qoqqobuuf ajajni pirezidant Joo Baayidan dabarsan [Executive Order 14046] waggaa tokkoo ol ta’us ammallee qoqqobbii nama tokkorrallee hin kaa’amiin jiraachuu kan himu dursaan Koree Seeneetii kun, wanaanichiifi miidhaa inni qaqqabsiisu deebiyee jalqabeera jedha.

Pireezidant Joo Baayidan murtee qaamolee waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatan qoqqobuuf darbe irratti Fulbaana 17, 2021 mallatteessanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qoqqobbiin kun kanneen waraanni kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta'an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguranii fi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti kan qiyyaafatuudha.

“[Kanaaf] Isteet Sakireetaariin osoo kana caalaa hin turiin yakkawwan waraanaa, yakkawwan namooma irratti raawwatamanii fi duguuggaa sanyii ilaalchisuun murtoo qabaachuun warreen gochawwan akkasii raawwatan irra atattamaan qoqqobbii kaa’uu qaba.

''Kana caalaa osoo hin turiin walitti bu’insa kana keessatti miidhaa geessisuun namoonni yakka raawwatanis akka itti gaafataman gochuu barbaachisa,” jedhan.

Haaluma walfakkaatunis Isteet Sakireetaarii US Antoonii Biliinkan ammoo Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa haleellaa ‘waraana waloo’ Tigraay keessatti gaggeessaa jiran akka dhaabaniif waamicha taasisan.

Biliinkan barreeffama karaa toora tiwitara isaanitiin maxxansaniin, qaamooleen waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaatan gochaawwan waraanicha cimsa irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessan.

Karaa gama humnootii Tigraayiin ammoo aanga’oonni naannichaa ‘‘gochaan dubbii barbaachaa’’ raawwachu irraa akka of qusataniif aanga’aan kun kan akeekkachiisaniiru.

Hoggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor gama isheetiin, haleellaan waraana Itoophiyaa fi waraa Ertiraatiin osoo adda hin baasiin Shiree keessatti gaggeessaa jiran yaaddeessuu hima.

Akkasumas ''humnoonni Ertiraa ammoo yeroo dhiyootti wiirtuuwwan namoota nagaa to’achuuf jiru gabaasaaleen jedhan hedduu nama yaaddessu'' jette.

“Kanaaf, namoota nagaaf eegumsa gochuuf haleellaan kun dhaabbachuu qaba.”