UN fi EUn waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka ba'uuf gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) fi Gamtaan Awurooppaa (EU)n Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Raayyaa Ertiraa waliin ta'uudhaan haleellaa waloo Tigraay keessatti raawwachaa jiran akka dhaabaniif gaafatan.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez, “waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru ammuma dhaabbachuu qaba,” jedhan.
Guteereez Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UNSEC) irratti ibsa miidiyaaf kennan irratti haalli Ioophiyaa keessa jiru to’annootiin ala ta’uu kan himan Guteerez, lolliifi mancaatiin sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan.
Gamtaan Awurooppaa Tigraay keessatti kallattii gara garaan babal'achuu isaa hordofee kora Onkoloolessa 17, 2022 gaggeeffateen booda ture loltoonni Ertiraa guutummaan guutuutti daangaa Itoophiyaa keessaa akka ba'aniif ibsa baaseen kan gaafate.
Kana malees, humnoonni Tigraay waraana naannollee hollaa Amaaraafi Affaar keessatti gaggeessan akka dhaabaniiffi duula waraanaa irraa akka of qusataniifis gaafateera EUn.
Barreessaan Olaanaa UN ammoo hariiroon hawaasa walitti hidhan cicciramaniiru jechuun, "aattamaan humnoota Ertiraa Itoophiyaa keessaa baasuu dabalatee waraanni ammuma dhaabbachuu qaba. Furmaan humna waraanaan dhufu hin jiru,” jedhan.
Namoonni nagaa gatii hamaa baasaa jiru kan jedhan Guteerez, haleellaan bakkawwan manneen jireenyaatti osoo adda hin baasiin gaggeeffaman guyyaa guyyaannamoota nagaa ajjeesaafi bu’uuraaleen misoomaa barbadeessaa jiru jechuun osoo hin turiin waraanni Kaaba Itoophiyaa kun akka fala argatu jabeessanii himan.
Guteereez waa’ee Itoophiyaa ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennan kanaan yakkawwan miidhaa saal-qunnamtiin walqabataniifi gochawwan gara jabeenyaa daa’immaniifi dubartoota irratti raawwatamuu eeraniiru.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanaan sadarkaa fedhii gargaarsa namoomaa akkaan dabaluu himuun, osoo waraanni kun deebiyee hin jalqabiin durayyu namoonni miliyoona 13 naannolee Amaahraa, Affaariifi Tigraay keessatti gargaarsa namoomaa barbaadu ture jedhan Antooniyoo Guteerez.
“UN gidiraa uummata Itoophiyaa kana dhaabuudhaaf Gamtaa Afrikaa (AU) tumsuudhaaf qophiidha. Amma hawaasni idil- addunyaa nagaaf jedhee waliin hiriiruus qaba,” jedhan Guteerez.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal’aa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) gaggeessu humnoota diinaa alaa irra deddeebiin daangaa qilleensa Itoophiyaa cabsaniin kan deeggramudha jchuun, tarkaanfiin Kaaba biyyattiitti fudhatamaa jiru walabummaafi tokkummaa daangaa biyyaa mirkaneessuuf jedheera.
Kanaaf, mootummaan Itoophiyaa buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessaa jiran atattamaan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibseera.
Mootummaan Federaalaa kana kan jedhe humnoonni Tigraay waamichi Gamtaa Afrikaa akka hojiirra ooluuf wayita gaafatanittii i haleelleeaawwan qilleensarraa Tigraay keessatti gaggeeffaman baayyachuu isaa yeroo itti ibsanittidha.
Komishinar Muusaa Faakii Mahaamaatdabalee biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni Tigraay atattamaan dhaabbatee qaamooleen wal waraanan gara marii nagaatti akka deebii'aniif waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan Federaalaa ibsa baase kanaan, waraana kaaba biyyattii mariidhaan furuudhaaf ammallee qophiidha jedheera.
Ibsi mootummaa kun waamicha marii nagaa Gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuuf qophiidha jechuun, mootummaan “mariin nageenya waaraa fiduu danda’u gaggeeffamuu qabas,” jedhee akka amanu himeera.
Mariin nagaa torban lama dura hoggansa Gamtaan Afrikaatiin, Afrikaa Kibbaatti gaggeessuuf turerratti mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay akka hirmaataniif waamicha dhiyaatee irratti, qaamoleen lamaanuu hirmaachuudhaaf fedha akka qabanis ibsanii ture.
Haata’u malee, rakkoo ‘loojistikiitiin’ jechuun alatti sababa ifatti hin ibsameen guyyaan mariin itti gaggeeffama jedhame yeroo biraatti akka darbe himam.












