Haleellaa Shiree hojjataa gargaarsaa dabalatee namoota nagaa ajjeese jaarmayaaleen idil-addunyaa balaaleffatan

Maappii Shiiree

Naannoo Tigraay magaala Shireetti haleellaa qilleensaarraa raawwatameen hojjataa deeggarsa namoomaa tokko dabalatee namoota nagaa ajjeefamuu jaarmayaaleen idil-addunyaafi namoonni beekamoon balaaleffatan.

Dhaabbanni gargaarsaa International Rescue Committee (IRC) jedhamu haleellaa qilleensaarraa kanaan hojjataa deeggarsa namoomaa isaa tokkoofi namoonni nagaa kan biroo sadii ajjeefamuu ibsa Onkololeessa 15, 2022 baaseen beeksiiseera.

Hojjataan deeggarsa namoomaa miseensa garee fayyaafi nyaataa ta’e osoo dubartootaafi daa’immaniif deeggarsa kennaa jiranii, haleellaa raawwatameen erga miidhamee booda lubbuunsaa Onko. 14, 2022 darbuu ibsichi himeera.

Haleellaa raawwatameen hojjataan ICRC kan biraa kan madaa’e yoo ta’u, namoonni nagaa lama kan biroos madaa’uu ibsichi eereera.

Dhaabbatichi ‘‘hojjatoonni namoomaafi namoonni nagaa gonkumaa irratti xiyyeeffatamuu hin qabu,’’ jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaa Shiree irratti raawwatameera jedhame kanarratti yaada kennuu baatulleen, kanaan dura namoota nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne ibsuun bakka meeshaaleen waraanaa itti kuufamu jedhuuf wiirtuu humnoota TPLF ta'u jedhe akka haleelu himuun isaa ni yaadatama.

Naanawa Shiree bakka buqqaattoonni kumaatamaan lakkaa’aman jiraataniitti waraanni cimaa dhufuu hodrdoofuun, dhaabbileen idil-addunyaa waraanichi akka dhaabbatuuf waamicha taasisaa jiru.

Humnootiin Tigraay kana dura waraanni Itoophiyaafi Ertiraa magaalaafi naannawa Shireetti haleellaa meeshaalee jajjabaa raawwataa jiru jechuun himatee ture.

Kana hordofunis Gamtaan Awurooppaa namoonni nagaa irratti xiyyeeffatamuu hin qabu jechuun haleellaa jedhame kana balaaleeffateera.

Bakka bu’aan Dhimmoota Alaafi Immaamata Nageenyaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Booral, ‘‘Gabaasaaleen waraanni Shireetti itti fufuufi namoonni nagaa irratti xiyyeeffatamuu naasiisaadha,’’ jedhan.

Yaaliiwwan nagaa buusuu inni dhugaan haleellaa waraanaa ykn dubbii barbaacha akka hin taane barreeffama fuula tiwitara isaaniirratti barressaniin kaasuun, seera idil-addunyaa kabajuun dirqama hundaati jedhan.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniiyoo Gutareez gamasaanitiin, waraanichi hammaachuu ilaalchisee yaaddoo olaanaa isaanitti umamee ibsuun, waraanichi akka dhaabbatuuf waamicha taasisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan waraanni Itoophiyaafi Ertiraa Shireetti raawwatan yaaddeessaadha jechuun kan dubatan ammo Ittigaafatamtuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USID) Saamaantaa Paawor.

Keessattuu gabaasaalee humnootiin Ertiraa dhiheenyatti wiirtuuwwan namoota nagaa to’achuuf jiru jedhu yaaddoo akka itti uumee ergaa karaa fuula tiwitaraatiin barreessanii himanii, namoota nagaaf eegumsa taasisuuf haleellaan kun dhaabbachuu qaba jedhan.

Waaraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu kun namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman qe'ee irraa akka buqqa'aniif sababa yoo ta’u, buufataaleen buqqaatoota kanneenis haleellaan irratti raawwatameera jedhan.

Haleellaa kanaan hunootiin waraana Itoophiyaafi Ertitaa yoo buufataalee buqqaatootaa to’atan namoota nagaa irra miidhaafi ajjeechaan biraa gahuuf carraansaa olaanaadha jedhan.

Yeroo namoonni miiliyoona tokko ta’an sadarkaa beelaarratti argaman kanatti, qaamoolee hundi waraana irra akka of qusataniif gaafataniiru.

‘‘Qaamooleen wal waraanan hundi, mootummaa Itoophiyaa, mootummaa Ertiraa, humnootiin Tigraay akka waliigaltee dhukaasa dhaabu irra gahaniif’’ waamicha taasisan.

Saamantaa Paawoor dabalataanis, deeggarsi namoonaa hin daangeeffamne akka qaqqabuuf waraanni Ertiraa akka bahuuf gaafatan.

Waraanni ishee Itoophiyaa keessaa akka bahuuf irra deddebiin kan gaafatamte Ertiraan gama isheetiin, gabaasa Gamtaan Awurooppaa Ertiraan waraana Tigraay keessatti gahee badii taphataa jirti jechuun dhiyeesseen, ‘‘gochaa miidhamaa himachuufi yakkamaa maqaa mirga namoomaa jedhuun oolchuudha’’ jechuun ibsa Sambata baaseen himannicha kufiseera.

Waraanni kaaba Itoophiyaa baatiiwwan shaniif dhaabbate deebi'ee Hagayya keessa eegaleen, haleellaa qilleensaarraa Tigraay keessatti raawwatameen namoonni heddhuun ajjeefamuu hojjattoonni deeggarsa namoomaa dubbataniiru.

Kana malees, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa dhiheenya baasee tureen, waraana dhiheenyaatiin qofa namoonni kuma 470 ta’an buqqa'uu Rooyitarsi gabaasee ture.

Waraanichi deebi’ee eegaluu hordofee deeggarsi namoommaa adda cituufi kunis haala yaaddeessaa namoonni naannicha keessaa gara rakkoo caalaatti akka galan gochuu akka danda’u dhaabbileen namoomaa dubbataa jiru.

Torban lamaan dura mariin nagaa qindeessummaa Gamtaa Afriikaatiin Afriikaa Kibbaatti taa’amuuf ture sababii ‘loojistiikiitiin’ jedhamuun yeroo hin murtoofneetti dabarfamuu hordofees mootummaan federaalaafi humnootiin TPLF gara marii nagaatti kan deebii’an ta’uun ammatti ifatti kan beekamu hin jiru.

Haata'u malee, Gamtaan Afrikaa ibsa Onkoloolessa 15, 2022 baaseen waraanni kaaba Itoophiyaa cimee itti fufuun akka isa yaaddesse himuun, ‘‘waraanichi atattamaan dhaabbatee haal-dure tokko malee dhukaasi akka dhaabbatuufi tajaajiloonni namoommaa akka deebiyanii eegalaniif waamicha taasiseera’’ jedhan.

Qaamooleen wal waraanaa jiran marii Gamtaa Afriikaatti Bakka Bu’aa Olaanaa Gaanfa Afriikaafi deeggartoota hawaasa idil-addunyaatiin Afriikaa Kibbaatti marii kallattii taasisuuf yaadameen mariitti akka deebii’aniif Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaamaat gaafateera.

Wayita ammaa kanatti yaa’ii dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa irratti hirmaataa kan jiran Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Iyyoob Takkaaliny, ‘‘torbanoota itti aanan muraasa keessatti mariin nagaa akka jiraatu abdiin qaba’’ jechuun dhagahameera.