Mootummaan dhaabbilee Lixaa waraanaan qabatanii 'ajandaa siyaasaa oofan' akeekkachiise

Itoophiyaan dhaabbileen biyyoota Lixaa bifa itti gaafatamummaa hin qabneen himannaa ‘dhumaatin raawwatameera’ jedhu 'ajandaa siyaasaa hamaaf' oofaa jiru jechuun balaaleffatte.
Mootummaan Itoophiyaa maqa-balleessii sobaan biyyattiirratti dhaabbilee biyyoota lixaa gara garaatiin tatamsa’aa jira jedheef kana caalaa obsuu hin danda’u jedheera ibsa baaseen.
“Olola TPLF itti-gaafatama tokko malee yakkawwan hamoo ta‘an Itoophiyaa keessatti raawwatamuu danda’a jechuun oofu akkeessuun isaanii qaanessaadha,” jedha ibsi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Onkoloolessa 28 baase.
Ibsi mootummaa yeroo mariin aangawoota Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduu Afrikaa Kibbaatti adeemaa jiru dhagahame.
Mootummaan dhaabbilee biyyoota Lixaa loogiin himachuun isaa waan haaraa miti. Ibsa kanaan dhaabbileen himataman hin eeramne.
Dhaabbileen maqaa guddaa qabanillee tokko tokko duula qindaawaa kanatti makamuu diduu dhabuun isaanii nama gaddisiisa kan jedhe ibsi kun, gariin isaanii maqa-balleessii Itoophiyaa irratti deemu kana akka amananiif sossobamuu akka malan eereera.
Dhaabbileen biyyoota lixaa kanneen keessaa gariin isaanii gocha himannaawwan kanneen fayyadamuun Itoophiyaan akka harka kennattu dirqisiisuu jedhu qooddatu jedhe.
“Himata qaanessaa akkasii kana dhiyeessuun Mootummaan Itoophiyaa sodaachisuun tarkaanfiiwwan ittisuu inni fudhachaa jiru irraa ni maqsina jechuun isaanii dogoggoradha,” jedheera.
Gabaasaaleen akka agarsiisanitti osoo mariin adeemuu ammallee waraanni Naannoo Tigraay keessa itti fufeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti yakki dhala namaa irratti raawwatame yakka duguuggaa sanyii waliin kan wal gitu eeruun gabaasaaleen kanaan dura ibsan turan.
Godambaan Yaadannoo- Holocaust Ameerikaatti argamu, naannoo Tigraay keessatti yakkoota dhala namaa irratti raawwatamuu fi duguuggaa sanyii baay’achaa dhufuun guddoo yaadda'uu ibseera.
Godambaan kun Kibxata Waxabajjii 15, 2015 (ALI) akka ibsetti, humnoota Ertiraa fi humna addaa naannoo Amaaraan deeggaramuun waraanni Itoophiyaa magaalota ijoo Tigraay qabachuun, nageenya jiraattota nagaa Tigraay balaaf saaxilaa jira.
Ibsa godambaa kanaa hordofuun, Imbaasiin Ityoophiyaa fi Eertiraa Ameerikaa keessa jiran gabaasa kana cimsanii qeeqan.
Imbasiin Itoophiyaa Ameerikaa jiru ibsa Godambaa Yaadannoo-Holocaust kanaan, ''ittigaafatamummaa kan hin qabnee fi holola sagalee garee shororkeessaa TPLF dhageessisuuf kaayyeffatedha," jedhe.
Imbaasichi akka jedhetti godambaan kun ''ragaa malee sagalee TPLF dhageessisuun dura'' ragaa qabatamaa walitti qabuu qaba ture,'' jedhe.
Ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa kun aanga’oonni biyyoota tokko tokkos ajandaa kana kan oofan Itoophiyaan dhaabbileen isaaniitti harka kennachuu waan diddeef akka ta’e ofitti amananiiru jedha.
“Garuu himannaawwaniifi arrabsoon baa'yataniif haqa lafarra jiru jijjiiruu hin danda’an.”
Kanaaf, Mootummaan Itoophiyaa wantoota jiran madaaluun hariiroo biyyootaafi dhaabbileen himannaawwan 'bu’uura hin qabneefi fedhii galma siyaasaa isaaniif biyyattii irratti dhiyeessan' waliin qabu ilaaluuf dirqama jedheera ibsi kun.
“Maqa-balleessii daangaa darbe kanaaf osoo deebii hin kenniin callisee itti fufuu hin danda’u.”
Tibbana gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal Tigraay keessa duguuggaa sanyii raawwachuu isaaf ragaa hin qabu jedheera.
Haa ta'u malee, warri waraana Itoophiyaa keessatti hirmaatan hunduu dhiittaa mirga namoomaa raawwataniiru jechuun ibse.
Mootummaan Itoophiyaa Marii Nagaa Gamtaa Afrikaatiin durfamuuf sababiin dhimmamuuf walitti bu’insi kun karaa naga qabeessaafi waaraa ta’een akka furamuuf jedheera ibsi bahe.
Walitti bu’insa keessatti sarbama mirgoota namoomaa raawwataman ilaalchisuun itti gaafatamummaan akka mirkanaa’us murannoo qabaachuu isaas hime.












