Dubartiin Booranatti gabaa keessatti hidhamtee reebamte haqa akkamii argatte?

Reebichi dubartii kanarratti raawwate mufii jabaa uumeera
Ibsa waa'ee suuraa, Reebichi dubartii kanarratti raawwate mufii jabaa uumeera

Godina Boorana Bahaa Aanaa Waacileetti namoonni haadha ijoollee sadii mukatti hidhanii akka reebamtu murteessanii fi miidhaa irraan gahan hidhaan adabaman.

Aadde Kushuu Bonayyaa lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraasheetiin gara jabinaan yoo reebamtu viidiyoon mul’isu miidiyaarratti qoodame ijoo dubbii ta’ee ture.

Haleellaa kana sukaneessaa kan taasise ammoo murtiin kun jaarsoliidhaan ajajamee lafa gabaa bakka namni hedduun dhaabbatee ilaalutti raawwatamuu isaati.

Manni murtii Aanaa Waacilee dhaddacha ALI Sadaasa 19, bara 2017 ooleen himatamtoota afur irratti hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga afurii gahuu mureera.

Abbaa alangaa aanichaa kan tahan Obbo Guyyaa Areeroo BBC’tti akka himanitti, himatamaan tokkoffaa abbaa warraa ishee reebe, Galgaloo Waariyoodha.

Himatamaan lammaffaafi sadaffaa immoo jaarsummaan dubbatanii akka abbaan warraa mukatti hidhee reebu murteessuun himatamani.

Reebicha haadha warraarratti dhaqqabeen miidhaan qaamaa cimaa irra gahuu kana dura BBC’n odeeffatee ture.

Himatamaa tokkoffaafi lammaffaa irratti hidhaan waggaa jahaafi ji’a afurii irratti murtaa’e.

Himatamtoota afran keessaa hidhaan guddaa kan murtaa’e himatamaa sadaffaa irrattidha.

‘’Jaarsa nama murtii kenneen dabalataan dubartiin kuni erga dhaanamtelleen booda hidhaa jedhe... hidhaa waggaa torbaafi ji’a lama,’’ irratti murtaa’uu Abbaan Alangaa BBC’tti himani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatamaan afraffaa immoo hogganaa Waajjira nagaa fi milishaa Ganda Qaqalloodha.

Yeroo jaarsoliin akka reebamtu murteessan haati warraa nama kana bira dhaqxee turte jedhan.

‘’Ati nama seeraa waan taatef narraa dhowwii’’ jechuun isaan gaafattus isaan garuu ‘’murtii isaan keessa seenuu hin danda’u’’ jechuun deebisuu Obbo Guyyaan himaniiru.

Erga reebamtee boodas ‘’milishaa ajajee dubartii kana hidhaa gara mana turmaataa geessaa jechuun…yakka lamaan himatame,’’ jedhan.

Kanaanis adabbiin waggaa afuriifi qarshii 5,500 akka kaffalan itti murtaa’uu himan.

Haala amma dubartiin kuni itti jirtu kan gaafataman Abbaan Alangaa aanichaa Hospitaala Rifaraalaa Hawaasaatti yaalamaa turuu himan.

‘’Amma yaala taasifameen lubbuun isii baraaramuu danda’e,’’ jechuun haala gaarirra akka jirtuufi murtiin yeroo darbu dhaddacha gubbaa akka argamte himan.

Dhimma murtee yoo dubbatanis ‘’Nama gurguddaa, maatii kan bulchan waan ta’anif ilaalcha seerri namaa taasisuu’’ ilaalamee irratti murtaa’uu dubbatan.

Kaayyoon Seera Yakkaa ''hawaasa barsiisuufi namoota biroo akeekkachiisuu'' akka ta'e eeruun murteen kuni ‘’barsiisaadha’’ jedhanii akka amananis himan.

Dhimma kanarratti yaada dubartiin reebamte qabdu ammatti hin baramne.

Abbaan Alangaa Aanaa Obbo Guyyaa Areeroo, aanaa isaanii keessatti kana dura gabaatti nama reebuu ‘’arginee dhageenyee hin beeknu’’ jechuun BBC’tti himan.

Ka'umsi reebichaa maali?

Miidhamtuun abbaa warraashee waliin bultii ijaarratanii ilmaan sadii horaniiru.

“Intalti kun dhirsashee waliin eegi walfuudhanii naannoo waggaa 12 waliin jiraachaa turan. Booda horii dhabanii jennaan ijoollee isaa fi haadha warraasaa dhiisee raayyaa ittisa biyyaa seene. Naannoo waggaa afurii olii achi ture,” jedhu miseensi maatii miidhamtu tanaa Obbo Jaarso Bulee.

“Waggaa afurii kana ijoollee sadan kana humnumaan dhamaatee waliin rakkattee asiin geesse.

''Eegasii achii deebi’ee jennaanis maatiisaa kana gargaarurra haadhuma warraa isaa kana reebuu cimse. Si’a hedduu waldhabbiin baayyatee jalaa baatee yeroo hedduu deebite” jedhan.

Abbaan warraa kun eegi raayyaa ittisaatii deebi’een duuba haadha warraa isaa waliin dhibdeen dabalaa deemuu fi mana keessatti haatii warraafi ijoolleen gargaarsa dhabarraa yeroo hedduu gidduu isaanii lolli dhabamee akka hin beekne hima Aab Jaarsoon.

Dubartiin kuni yaalaaf hospitaala garagaraa deemteetti
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kuni yaalaaf hospitaala garagaraa deemteetti

Taatulleen akka aadaatti, warri ishee fi jaarsis akka walii obsan, wal danda’anii akka waliin jiraatan amansiisanii yeroo hedduu araaramanii jireenya itti fufuus himan.

“Rakkoon isaanii fooyya’iinsa dhabee jennaan jalaa baatee warra gosa abbaasheetti baqatte. Jaarrooleen Boorana wal dubbisanii dubbiikee manuma keetti siiqorra gali jedhaniin.

''Isheen ammoo na ajjeesa dubbii tana sirritti naaf ilaaltan malee hin galu jettee didde,” jedhan.

Jaarroliin dubbii kana ilaalan intalti 'dubbii jaarsaa fudhachuu waan diddeef ka’aatii mukatti hidhaatii reebaa' jedhanii jaarrolee muraasi waan akkanaa murteesite jedhan.

“Mukatti hidhanii ganda isaan keessa jiraatan keessatti ummata itti baasanii reebsisan. Ilmoon ishee osoo itti boossuu, ummanni dhaabbatee osoo ilaaluu akkana tolchan.

''Namni tokkollee akka irraa hin dhorkine godhanii akkanaan dararan,” jedhu.

Yeroo dararaan kun raawwatamu namoonni akka irraa hin dhorkine sodaachifamanis, namni tokko yeroo dhorkuuf yaaleetti akka reebame viidiyoo qoodame kanarratti ni mul’ata.

Akkamiin waraabame?

Akka jaarsoon jedhutti, yeroo dararaa sukaneessaan kun dubartii kanarratti raawwatamu namni kamiyyuu akka suura hin kaasnee fi vidiyoo hin waraabne namni achi ture hunda akeekkachiifaman.

“Yeroo haleellaan kun raawwatamu makiinaa Waacilee Dubulluq deemutu irra dhufe. Mucaa tokkotu makiinaa sana keessaa bu’ee vidiyoo amma qoodamaa jiru kana waraabe,” jedha.

Maatiin waan raawwatame kana torbee booda viidiyoo kanarraa arguu BBC'n odeeffateera.

Dubartiin haadha ijoollee sadii gabaa keessatti kan hidhamtee reebamte ALI Fulbaana bultii 09 bara 2017 akka ta'e aanichi gabaaseera..