Itoophiyaatti dubartoonni haati warraa abba warraan dhaanamuun ''sirriidha'' jedhanii maaf amanu?

Dubartii boquu gadi qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Sarbamni qaamaa, xiinsammuu, diinagdee fi saalaa dubartootarra gahu, nama hin beekne irra baay'inaan aantee isaaniin kan raawwatamu tahuu qorannoowwan garagaraa ni mul'isu. Isaan keessaa tokko abbaan warraa haadha warraa dhaanuudha.

Itoophiyaa keessatti haadha warraa dhaanuun gosoota haleellaa ykn sarbama dubartootaa bal'inaan raawwatamudha.

Kunimmoo miidhama qaamaa hanga xiinsammutti qaqqabsiisuun dubartoota rakkoo wal-xaxaa hawaasaaf saaxilan keessaati.

Haa tahu malee haati warraa dhaanamuu kana dubartoonni sababii garaagaraaf sirriidha jedhanii amanu.

Qorannoon dhimma fayyaa (Demographic Health Survey) bara 2016 Itoophiyaatti hojjetame, dubartoonni %68 abbaan warraa haadha warraa dhaanuun sirriidha jedhanii amanu jedha.

Gaaffiifi deebii dubartoota waliin taasifameen haati warraa, ''yoo nyaata gubde, abbaa warraa yoo falmite, otoo itti hin himiin yoo manaa baate, yoo saal-qunnamtiif eeyyamuu didde, yoo kachachalte akkasumas yoo daa'imman sirnaan kunuunsuu baatte dhaanamuun ishee sirriidha,'' jedhanii amanu.

Dubartoonni ilaalcha akkasii qabanis kanneen sadarkaa barnootaa gadaanaa qaban, hiyyummaatti kan jiraatan, miidiyaa kanneen hin fayyadamne (TV ilaaluuf carraa hin qabne) fi amantiin gochaa kana akka deeggarutti amananidha jedhu qorannoowwan ragaa kana bu'uureffachuun hojjetaman.

Gama biraan dhiiroti dubartii dhaanuun sababa garaagaraan sirriidha jedhanii amanan lakkoofsi isaanii kan dubartootaarra gadidha.

Abbootiin warraa maaliif niitii dhaanu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiyyaa Alii ogeettii diinagdee fi falmituu mirga dubartootaati. Itoophiyaa keessatti haadha warraa reebuun akka aadaatti lakkaa'ama jetti.

''Inumaayyuu abbootiin warraa reebicha haadha warraa kana jaalalarraa kan madde akka taheetti ibsuun, waan baramedha. Dubartoonni kanatti yeroo waliigalanis arguu dandeenya,'' jechuun ibsiti.

Akka Kiyyaan jettutti dubartoonni Itoophiyaa jireenya isaanii keessatti yoo xiqqaate al tokko haleellaan qaamaa ykn xiinsammuu irra gaha. Miidhaa dubartootarra gahu keessatii reebichi isa baayyee xiqqoodha.

Kiyyaan dhimma kanaaf sirna hariiroo hawaasaa dhiiraafi dubartii olaantummaa dhiiraan hogganamu komatti.

Sirni olaantummaa dhiirotaa deeggaru sirna ittiin ijoolleen yeroo dhalatan ''afaan ittiin hiikkataniidha,'' jetti.

''Fakkeenyaaf daa'imni tokko mana guddattu keessatti, abbaan warraa haadha warraa reeba taanaan, reebichi kuni kan jaalalaati jedhamuun itti-gaafatamummaa ofirraa yeroo fageessu argiti.

"Daa'imnis haati kan reebamtu waan abbaan ishee jaalatuuf ilaalcha jedhu qabaachuun guddatti,'' jetti.

Dubartoonni hawaasa akkasii keessatti guddatan yoo waan ittiin guddatan barumsaan jijjiiraa adeeman malee ilaalchuma akkasii jabeessaa adeemuu jechuudha.

Ilaalchi dubartootaa akkasii kuni sochii wal-qixxummaa dubartootaa irratti taasifamuuf danqaa akka tahe himti Kiyyaan.

''Dhiiroti sochii wal-qixxummaa dubartootaaf taasifamu yoo morman bu'aafi olaantummaa isaanii kabachiisuuf tahuu mala, dubartoonni garuu miidhaa isaan irra gahu osoo hin hafiin kan isaan fudhatanii jiraatan wallaalummaa irraati,'' jetti.

Hojii hubannoo uumuu wal-qixxummaa koorniyaa irratti hojiin inni guddaafi wal-xaxaa tahe qaama loogiin irra gahu (dubartoota) amansiisuudha jetti.

Dubartoonni otoomallee reebamuu isaanii sababii garaagaraaf sirriidha jedhanii amananillee waan irratti raawwatamu yakka tahuurraa hin hafu jetti.

Hawaasa keessatti dhiirri ''miira aarii to'achuu waan hin dandeenyeef gara reebichaati deema,'' ilaalcha jedhu Kiyyaan hin fudhattu.

''Dhimma amalaa haasofna taanaan, amalli waan iddoo tokkotti mul'atu miti. Sababiin isaa dhiirri tokko itti aaree jedhee waayilasaa ykn dhiira biraa tokko hin reebu,'' jetti.

Halellaan yeroo baayyee qaama of jalatti bituu nan danda'a jedhan irratti raawwatama jechuun ibsiti.

Kanaaf miiraan oofamuun amala uumamaan dhiiroti qabanidha jechuun itti gaafatamummaa jalaa miliquuf waan taasifamudha jetti.

Akka furmaataatti dubartootaafi dhiirotaaf dhimma kanarratti hubannoo kennuu, imaammataafi seera haleellaa dubartootarra gahu hambisu hojiirra oolchuun miidhama dubartootaa hambisuun akka danda'amu himti.

Akkasumas falmitoonni mirgoota namoomaafi dubartootaa, dubartoota akkasumas hawaasa bal'inaan waa'ee wal-qixxummaa korniyaa barsiisuun karaa itti miidhama dubartootaa hambisaniifi waa'ee mirgasaanii barsiisaniidha jedhu.