Namichi qaama saalaa haadha warraasaa ibiddaan gube hidhaa cimaan adabame

Harka nama dhiigaan makamee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gochi akkanaa hawaasa keessa kan hinbaramnedha jechuun poolisiin BBC'tti hime

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa miira keessan jeequu mala.

Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti namichi haadha warraasaa kan Ijoollee lama deesseef qaama saalaashii ibiddaan gube hidhaan adabamuu poolisiin BBC'tti hime.

BBCn miidhamtuu fi maatii isheerra dhiibbaa gahu maluu fi nageenya hawaasummaa isheetiif jecha maqaa ishee, kan abbaa warraashee akkasumas bakka jiraattuu addatti eeruurraa of qusateera.

Himatamaan ''dubartii haadha warraasaafi haadha ijoolleesaa lamaa taate qaama saalaashee ibiddaan gubuun gochaa gara jabinaan raawwateera'' jechuun BBCtti himan qondaalli poolisii aanaa sanatti qorataa yakkaa tahan Saajin Ahimad Suufiyaa.

Miidhamtuu dhuunfaa fi haadha warraasaa taateerratti gochaan kun kan raawwatame ALI gaafa Adoolessaa 4, bara 2015 ta'uu qondaalli poolisii himaniiru.

Madda miidhaa kanaa yoo ibsanis, “Himatamaan kun dubartii haadha warraasaa taate kana 'na waliin rafii fi hin rafu' sababa jedhuun wal dhibdee gidduu isaaniitti uumameen, qaama saalaafi sarbaa haadha warraa bakka adda adddaa ibiddaan gubuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahe,” jedhan yoo madda taatee kanaa himan.

Dargaggeessa ganna 21 kan ta’e abbaan warraa kun yakkicha kana erga miidhamtu tanarratti raawwateen booda battala poolisiin too’atamu himan.

Isaan boods erga dhimmichi qoratamaa turee booda gara murteetti darbamu eeran qondaalli poolisii kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Baadiyyaatti ibidda muka itti shidanii bobeessu. Shakkamaan kunis dhibdee gidduu isaaniitti ka’e kanaan muka ibiddatti shidatanii turan achi keessaa baasudhaan qaama dubartii,'' kanaa gubuu himan.

Gochi gara jabinaa himatamaan kun haadha warraa fi haadha ijoolleesaa lamaa taatee irratti raawwate kun ragaa namaa fi mana yaalaatiin erga qulqullaa’een booda manni murtii aanichaa dhaddacha gaafa Onkololeessa 28 bara 2016 ooleen himatamaa kana hidhaa cimaa waggaa shanii fi ji’a ja’aatiin adabeera jedhan.

Gochi himatamaan kun raawwate safuu hawaasaa kan cabsee fi miidhaa qaamaafi xiinsammuu miidhamtuu tanarraa kan geessise waan ta’eef, adabbiin kenname kun isaa fi fakkaattotasaa kan barsiisudha jedhan Saajin Ahimad.

Naannoo sanatti miidhaan sasalphaan dubartoota irratti darbee darbee mudatu kan mul’atee beeku ta’ulleen, yaakki 'sukaneessaan' akkanaa kana dura naannichatti dhagahamee kan hin beekne ta’uus himan.

Dubartiin abbaa warraashiitiin miidhaan qaamaa irraa qaqqabe kunis yeroo ammaa yaala argachuun haala fooyyee qaburra akka jirtuus himan Saajin Ahimad.