Yakka butii irratti araarri sirna aadaan raawwatu seera Itoophiyaa faallessaa?

Shamarree buna danfistu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyiin seerri abbootiin baasaniifi seerri waldarbuu hin qabu jechuun gorsu

Umurii ganna 13’tti yeroo barattuu kutaa saddeettaffaa turte kan butamte Daggituun nama ishee buteen miidhaa irra ga’aa gara baatii lamaa bosona keessatti dabarsite.

Miidhaa qaamaa akka gudeeddii irra ga’aa ture dabalatee miidhaan xiinsammuu ishee irra ga’es salphaa hin turre.

Gurbaan yakka kana raawwate jaarsa maatii isheetti erguun araarri bu'ee booda mana isaatti ishee fudhatee gale.

Nama miidhaa guddaa isheerra geessise waliin akka bultoo godhattee jiraattuuf kan dirqisiifamte Daggituun, boodarra miliqxee jireenya ishee jijjiiruu dandeesseetti.

Butiin gocha mirga namaa dhiibuu qofa osoo hin taane akka seera idil-addunyaattis gocha yakka ta’edha.

Shamarran haala akkanaan butaman haqa argachuurra dhimma 'araara buusuu' jedhuun jaarsoliin biyyaa ykn hoggantoonni hawaasaa fala aadaan hiikna jedhanii dhimmichi seeratti akka hin dhiyaanne godhu.

Namni kamuu seeraa fi heera biyyattii ol miti. Sababa duudhaawwan aadaa tokko tokkoon garuu namootni yakka cimaa raawwatan seeratti dhiyaachuu jalaa miliquu malu.

Jaarsoliin biyyaa sababa araara buusuu jedhuun maatii intalaa fi gurbaa araarsuun yakkamaan kun akka seera biyyaatti hin dhiyaanne taasisu.

Kunis kan taasifamu adabbii maallaqaa ykn horii irratti murteessuunidha.

Furmaata jedhamee murteen jaarsolii biyyaa fi dureewwan aadaan fudhatamu garuu yakka raawwateef haqa kan fidudhaa? Seerri Itoophiyaa tarkaanfii aadaa kanaan wal simaa?

Yakka butii irratti tumaa fi adeemsa murtii aadaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanguddoonni hawaasaa waldhabdee uumaman irratti nagaa buusuuf itti gaafatamummaa qabu.

Mufii fi waldhibdee namoota gidduutti uumamu gama araaraan furuunis hariiroo hawaasaaf faldha.

Ta’us, dhimma miidhaa butii irratti tarkaanfiin fudhatamu kan mirga namoomaa midhamtootaa dhiibuufi haqa malu dhowwatuu mala.

Dhiyeenya Godina Arsii Lixaatti abbootiin Gadaa Aanaa Kofalee butii dabalatee barmaatilee biroo irratti seera adda addaa tumaniiru.

Akka Abbaa Gadaa G/Amlaak Guyyee jedhanitti, tumaawwan kun miidhaa shamarran irra ga’u hambisuuf kan tumamanidha.

Ta’us seerri tumame kun hundi mirga shamarran miidhaan irra gahu xiyyeeffannaa keessa kan galchine qeeqi jedhu irratti ka'a.

Shakkamaan tokko yakka raawwateef adabbii gituun adabamuu jalaa akka miliquuf carraa kan kennu fakkaata jechuun kanneen dubbatan ni jiru.

Tumaa aadaa kana keessaa tokko “namni butii raawwate loon torba adabama,” kan jedhu akka ta’e Abbaa Gadaa G/Amlaak ni himu.

Dabaluunis, namni yakka gudeeddii raawwates loon torbaan akka adabamuu ibsaniiru.

Abbaa Gadaa G/Amlaak akka jedhanitti, gama gurbaa fi gama intalaanis qoratamee, “fedha jara lamaanii yoo ta’e akka isheen itti heerumtee bultoo godhatan gochuun ni danda’ama.”

Jaarsoliin ergaman yoo namni intala bute kun “kan qe’ee qabu ykn qe’ee dhabellee nama bultii godhachuuf tattaafatu, nama gara fulduraatti abdii qabu ta’e akka itti heerumtu ni taasisani,” jedhu.

Yoo intalli butamte tokko nama miidhaa isheerra geessise kanatti heruumuuf fedhii hin qabdu ta’e “qaamni ishee dirqisiisu hin jiru,” jedhan.

Ta’us barmaatiin akkanaa intala dirqisiisuun heerumatti geessuu akka jiru garuu ni amanu.

Jaarsoliin ergamanis ta‘e maatiin horii araaraaf dhiyaatu kanaan sossobamanii gara heerumatti intala erguun baratamaa ta’ullee, sirni aadaa kana akka hin deeggarre dubbatan.

'Shamarran kunneen akka gurbaa isaan butetti heerumaniif dirqamsiisuun sirri miti’ jedhanis, ‘yoo intalli waliigaltee fi gurbaan kun nama egeree qabu ykn guddachuu danda’u ta’e' akka gaa’elli raawwatuuf yeroo itti jaarsoliin intala itti amansiisan jira.

Dhimma 'fedhii intalaan' jedhurra gaaffii kan kaasan jiru.

Sababni isaa shamarree butamte dirqisiisuun qofa osoo hin taane, gowwoomsuu, sossobuu fi dhiibbaa garagaraa irra geessisuunis dabalatuu mala.

Rakkoon biraa jedhamee ka'u ammoo yakkamtoota kana seeratti dhiyeessuu dhabuudha.

Ilaalcha “bakka lamatti adabamuu hin danda’u” kan jedhuun yoo yakkamaan tokko sirna aadaan adabame seeratti dhiyeessuu dhabuufi seeraan yoo adabame ammoo aadaan adabuu dhabuun mudatuu mala.

Abbaa Gadaa G/Amlaak olaantummaa heeraa fi seera biyyaattii kan amanan ta’anillee akka sirna aadaatti “jaarsi dubbii namaa himee yoo adabe…qaama biraatti dabarsee hin kennu” jedhu.

Adabbii nama yakka raawwate irratti hin dabarsiin dura, yaada maatii ilaaluun nama kana seeratti akka himataniif jajjabeessuu danda’a kan jedhan Abbaan Gadaa kun, ta’us “nama ofii adabe of bira dabarsee mootummaan adabuu qaba jedhe hin kennu,” jedhan.

Aadaa araaraa fi jaarsummaa erguun dhimma butii furuun sirnaa Gadaan qofa osoo hin taane, wanta bakkeewwan butiin ittin mul'atan hundatti kan argamudha.

Bakka Daggituun jiraattu Naannoo Sidaamaatti kan uumames kana mul'isa.

Ilaalchaa fi tumaa aadaa akkanaa irratti garuu seerri Itoophiyaa maal jedha?

Seerri Itoophiyaa waa'ee butii maal jedha?

Seera Itoophiyaa keessatti butiin yakka akka ta’e sirritti kaa’amee jira.

Shamarree butamte tokko gowwomsaan, dorsisaan, humnaanis ta’e mala biraan akka isheen nama ishee butetti heruumtu taasisunis yakka akka ta’e seerri biyyattii ifatti kaa’ee jira.

Ogeessa seeraa dhimma yakkaa fi mirga namoomaa kan ta’an Obbo Lammeessaa Guddataa akka jedhanitti “seeraa yakkaa keeyyata 587 jalatti buttaan gutuummaa guututti yakka ta’ee… hidhaa waggaa sadii hanga wagga 10'tti kan adabsiisudha.”

Buttaa kanaan wal qabatee gudeeddiin kan raawwate yoo ta’e ammoo, akka seeraa yakkaa keeyyata 629 jalatti ibsamaniitti tumaalee jiran irratti hundaa’uun hojiirra kan olchaman ta’uu himu.

Itoophiyaa keessatti “seerotni heera biyyattii faallessan tumamuu hin danda’ani… yoo tumamanis fudhatama hin qabani ” jedhu.

Itoophiyaan seerotaafi barsiifata aadaaf hanga heera biyyattii waliin walitti hin buunetti ykn wal hin faalleessinetti beekkamtii ni kenniti.

Dabalataanis, namni tokko seerota fi tumaawwan aadaa ka’aaman fudhachuu fi dhiisuuf mirga qaba jedhu.

Tumaawwan aadaa dhimma butii ilaalchisee ka’aman, hawaasa gidduutti araara buusuun bu’aa guddaa akka qabaatan Obbo Lammeessaan himu.

Ta’us namni yakka butii ykn gudeeddii raawwate kun “adabbii saawwan hanga kanaa akka kaffaluuf itti murame sana qofa kaffalee itti gaafatamummaa yakkaa sanarra bilisa hin ta’u,” jedhu.

“Kun seera yakkaa keewwata 23/1 irratti ibsamee jira.”

Dabaluunis, “walitti deebisuun, araara buusuudhaan nageenyaa fi tasgabbii buusuun jaalalaan akka jiraatan gochuun ala, itti gaafatamummaa yakkaarra bilisa kan taasisu miti,” jedhu.

Waldaa Ogeessota seeraa dubartoota Itoophiyaatti (EWLA)'tti qindeessituu tajaajila seeraa bilisaa kan ta'an Aadde Hannaa Haayilemelekoot gama isaaniin, yakki akkanaa “yakka nama dhuunfaa irratti raawwate osoo hin taane akka yakka hawaasa irratti raawwatetti ilaalama” jedhu.

“Yakki kun ishee irratti raawwatus, kan miidhaan irra ga’e garuu ishee qofa osoo hin taane hawaasadha jedhamee yaadama.”

Sababa kanaaf, yakka akkanaa kan qoratu qaama dhuunfaa osoo hin taanee poolisii, kan yakkamaa himatus abukaatoo osoo hin taanee abbaa alangaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Namni yakka raawwate kun araara argatees ta’e intala waliin gaa’ela dhaabbates “yakka isaaf itti gaafatamuurraa miliquu hin danda’u,” jedhu.

Aadde Haannaan dabaluunis, jalqabumaarattillee nama yakka kana raawwate irratti himata kan dhiyeessu intala osoo hin taanee abbaa alangaa ta’uu himaniiru.

“Nama kana hin himadhu waan jetteef waan adda citu miti,” jedhu.

Akkasumas ammoo, yakkamaa ykn shakkamaa kana irratti ragaa ba’uullee yoo diddee, manni murtii mirga ishe dirqisiisu akka qabus ogeettiin seeraa kun ibsaniiru.

Yeroo butiitti dabalataan yakki gudeeddii raawwateera yoo ta’e ammoo, shakkamaan kun himata butiin dabalata himatni yakka gudeeddii irratti akka banamu Aadde Haannaan ibsaniiru.

“Naannolee adda addaatti wanti kun barameera. Ishee butaa, ni gudeeda , sana booda garuu yakka isaa jalaa miliquuf maatiitti jaarsa erguun akka isheen isatti heerumtu godha,” jedhu.

“Kana kan godhu yakka isaa jalaa da’oo argachuufidha. Seerri ammoo da’oo kana jalaa kaaseera.”

Seerri biyya keenya, “yoo ishee fuutes, maatii ishee waliin araara buustes ati itti gaafatamummaa yakkaa jalaa hin miliqxu jechaanii jira,” jechuun ogeettiin seera kun adeemsa seeraa ibsaniiru.

Gama biraan namni yakka butii raawwate tokko erga sirna aadaan adabamee booda lammata seeraan hin adabamu jechuu ejjennoo ykn ilaalchi abbootii aadaa bira jiru dogoggora akka ta’e Obbo Lammeessaan ni ibsu.

“Dhimma kanaratti akkaataa aadaadhaan adabuu fi araarsuun yakka kana hir’isuuf gaarii ta’ee utuu jiruu, garuummoo waan aadaan adabameef seeraa idileetti, mana murtii idileetti dhiyaatee akkataa seera yakkaa biyyattii kanaan tumameen ammoo hin gaafatamu jedhamee ejjennoon qabamuun guutummaa guututti dogoggoradha,” jedhu.

Addee Hannaanis hanqinni akkanaa akka jiru ibsuun walii galu.

“Seerri dhimma yakka kanaa irratti gadi fageenyaan jira, kana irratti garuu hubannoon uumamuu qaba,” jedhu.

Heerri Itoophiyaa keeyyati 9/1 akka kaa’uutti, “heerri mootummaa seera olaanaa biyyattiidha” kan jedhan ogeessi seeraa kun “seerri kamiyyuu barsiisi aadaa kamiyyuu, murteen qaama aangoo qabu kamiyyuu, kan heera kana waliin wal faalleessu fudhatamaa fi hojiirra oolmaa hin qabu,” jechuun heera biyyattirra kaa’aame akka jiru ibsaniiru.

Shamarran nama isaan butetti (fi gudeedetti) maaliif heerumu?

Hawaasni shamarree butamteef ykn gudeedamteef ilaalchi inni qabu kan miidhamtuu kana wal'aanu osoo hin taane kan qaanii fi loogii irra kan kaa’u akka ta'ee kan amanan jiru.

Kan miidhee caalaa ishee miidhamterra qaaniin kaa'ama.

Sababa kanaan ilaalcha ‘namni ishee bute ykn gudeede sun yoo ishii fuudhe malee dhiirri kan biraa ishee hin fedhu' jedhuun, shamarreen kun nama qaamaa fi xiinsammuu ishee miidheetti akka heerumtuuf dirqisiifamti.

Jaarsoliin kunneen shamarree ‘qaanii’ irraa olchuun sababa jedhuufi sababoota biroo dhiyeessuun intalli butamte kun akka gurbaa ishee butetti heerumtuuf yaada dhiyeessu.

Shamarraan yakki butii irratti raawwate nama miidhaa irra geessise kanatti heerumuuf walii galu kan jedhu dhimma bal’inaan qorannoo barbaadu akka ta’e Aadde Haannaan ni himu.

Ta’us gama hojii isaaniin dhimmoota argan irratti hundaa’uun yaada kennaniin, shamarran harki caalaan sababa ilaalcha hawaasaan kana akka murteessan himu.

Butii dabalatee haleellaa saalaa kanneen biroo irrattis, “ isa miidhaa qaqqabsiise caalaa ishee miidhaan irra ga’ee irra loogii kaa’uun jira,” jedhu.

“Nama ishee bute jalaa baatee yemmuu hawaasatti deebitu, hawaasni akkamiin simataani? Sana booda carraan ga’eela dhaabbachuu ishee maal fakkaata? Yoo gaa’ela hin barbaadu jettemmoo hawaasni akkamiin ilaalaani?

“Yeroo kana ilaallu, hawaasni amala miidhamtoota deebisanii miidhuu qabu. Kana irratti hojjechuu qabna,” jedhu.

Kanaaf, shamarran loogii fi qoccollaa dabalaa irra ga’u jalaa baqachuuf jecha murtee hin feene gochuuf dirqamu jechuun ibsaniiru.

Sababootiin biroo ammoo dorsiisa irra gahu sodaachuun, maqaafi kabaja maatiif, akkasumas yaaddoo hireen gara fuula duraa isaan yaaddessuurraan nama isaan gudeedetti heerumuuf kan dirqaman akka ta’an himu.