Abbootiin Gadaa kanneen butaniifi dubartii heerumte haasofsiisan adabuuf seera tuman

Abbootiin Gadaa seera tuaman

Madda suuraa, KAK

Ibsa waa'ee suuraa, Murteen abbootii gadaa kuni dhihoo erga dhimmi butii ijoo dubbii ta'e booda dhagahame

Abbootiin Gadaa kanneen butii raawwataniifi gochoota dubartootaa fi daa’imman miidhan jedhan 24 irratti tumaawwan seeraa haaraa tumatan.

Abbootii Gadaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Kofaleetu tumaa kana torban darbe tume.

Murteen kuni yeroo dhimmi butii keessumaa Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti raawwachuun ijoo dubbii ta'etti dhagahame.

Tumaan seeraa kuni aanichatti miidhaan dubartootaafi daa’immanirra gahu kan duriirraa dabalaa waan dhufeef akka tumame qondaalli mootummaa BBC'tti himaniiru.

“Dubartoonni baayyeen ulfaa’anii gara waajjira keenyaa dhufu ‘na dogogorsiiseeti’ jedhu.

Daa’imman abbaafi haadha hin qabne baay'ataa jiru. Daa’imman karaatti gatamanis akkasuma dabalaa jiru.

''Beekamtii maatii malee akka feeteen heerumuunis dabaleera,” jedhan Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii aanichaa Aadde Makkoo Qaabatoo.

Abbaa Gadaa G/Amlaak Guyyee ammoo gumii abbootii Gadaa tumaawwan haaraa kuni akka tumamuuf taasisan keessaa isaan tokko.

Tumaalee barsiifatoota boodatti hafoo dubartootaa fi daa’imman miidhan hambisuuf tumame kanarratti Aanaa Kofalee irraa jiraattonni gandoota jahaa argamanii seeronni kunneen akka lallabaman himan.

Seeronni kunneen kanneen kanaan dura hojiirra jiran daran cimsuu fi barsiifatoota amma bifa haaraan dhufaa jiran ittisuufis tumaalee haarofti walumaagalatti seerota 24 tahan lallabne jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Fuudha fi heeruma umurii malee namni raawwatee argame loon torba adabama.

''Namni butii raawwate loon torba adabama. Namni abbaa yookaan haadha dhahee ajjeese gumaa haadhaa 50 kan abbaa 100 baasa,” jedhan.

Namni dirqisiisuun gudeeddii raawwatees loon torbaan akka adabamuufi kan daa’imman irraan miidhaa qaamaa qalbii geessise ammoo loon lamaan akka adabamuuf tumaa haaraan tumamuu himan maanguddoon kun.

Akka tumaa seeraa abbootiin gadaa Kofalee tuman kanaatti gaa’illi fira waliin raawwatame dhorkamaa waan ta’eef namni kana godhee argames loon torbaan adabamee gaa’illi sunis akka diigamu taha jedhan.

Gaa’ila akka feetee (beekamtii maatiin ala) raawwachuun, dubartii abbaa manaa qabdu seeran ala ija keessa ilaaluufi fedhii jaalalaaf haasofsiisuunis adabbii loonii akka hordofsiisu himan.

Seerri kunis guyyaa Gumiin Gadaa Waabetti walgahee tume kanarraa hojiirra kano oole ta’uunis himameera.

Tumaalee haaraan tibbana karaa abbootii Gadaa fi haadholii siinqeetiin tumaman kunneen miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra gahu hir’isuuf gumaacha guddaa akka qabaatu Aadde Makkoon BBC’tti himaniiru.

Butiin seera Itoophiyaan adabbii cimaa kan hordofsiisudha. Haa ta'u malee, bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti darbee darbee yeroo raawwatu dhagahama.

Namoonni hawaasa keessa dhageettii qabaniifi jaarsoliin biyyaa badiin akkanaa akka hin raawwatamne tumaa garagaraa tumuun ittisuuf yaalaa jiru.