Barattuun waggaa 14 magaala Hawaasaatii butamte torbeen booda Yirgaalamii argamte

Shamarree butamte

Madda suuraa, FACEBOOK

Shamarreen waggaa 14 magaala Hawaasaatti butamtee turte torbeen booda magaalaa Yirgaalamiitti argamte

Magaala Hawaasaatti barattuu kutaa 8ffaa kan taate Meelaat Mohaammed torbee darbe mana barumsaatii yeroo galaa turtetti naannoo mana jireenyaa yeroo geessu konkolaattotaa lamaan butamtee turte.

Erga butamtee torbee tokkoon booda Dilbata halkan Magaala Yirgaalam keessatti to’atamuu maatii fi poolisiin magaalaa Hawaasaa BBC’f mirkanneessan.

Ajajaa poolisii magaala Hawaasaatti Gargaaraan Inispeektaraa Malkaamuu Ayyalaa akka jedhanitti, halkan edaa shamarree Meelaat nama butii kana isheerratti raawwachuun shakkame waliin to’atamuu himan.

“Hordoffii ijibbaachisaa poolisiin taasisaa tureen Dilbata halkan naannoo sa’aatii 5:30 Magaala Yirgaalam mana nama dhuunfaa tokko keessatti shakkamaa kana waliin poolisiin to’ateera” jedhan.

Shakkamaan maqaan isaa Saamsoon Shenuu jedhamu kuni Shamarree kana erga buteen booda Magaala Yirgaalam geessuun mana nama dhuunfaa keessa dhoksee tursiisuu fi yeroo ammaas lamaan isaaniituu waajjira poolisii kutaa magaalaa Taabor keessatti akka argamanis himan.

Gochaan butii mucayyoo akka seera Itoophiyaatti umuriin gaa’ilaaf hin gahiin irratti raawwatame kunis taatee magaalaa Hawaasaatti tibbana shamarran irra gahe lammaaffaadha.

Torbanootaan duras qondaalli poolisii shamarree hojjattuu baankii taatee tokko humnaan butee fudhachuun miidiyaarratti dubbii ijoo ta’ee ture.

Lamaan isaanitiifuu yaaliin qorannoo fayyaa erga taasifameen booda shakkamaa kanarratti adeemsi seeraa jalqabamuun murtiin barsiisaa ta’e akka fudhatamus himan gargaaraa inispeektar Melkaamuun.

Maatii shamarree Meelaat kanaa kan tahan Aadde Minyoot Tashoomaa akka jedhanitti, shakamaan kun guyyoota darban keessa intala butii irratti raawwate kana waliin suura ka’uun miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisuun burjaajii uumaa ture.

Shakkamaan kun erga butii raawwateen booda Dilbata kaleessaa Waxabajjii 18, 2023 gara maatii shamarree kanaatti jaarsolii araaraaf ergee akka tures himan.

Shamarree Meelaat butamtee erga fudhatamteen booda waraabbiin viidiyoo jaaladheen itti heerume wayita jettuu fi suuraaleen adda addaa nama akka bute shakkamu waliin ka’an bal’inaan miidiyaa hawaasa irratti qoodamaa ture.

Namoonni hedduunis jechi Meelaati viidiyichaarratti dhagahamu kan dirqamaan kenname ta’uu akka maluufi sababii umurii isheetinis fudhatama akka hin qabne kaasu.

“Jaarsoliin ganama gara maatii dhufanii ture. Nuti intala keenya fayyummaashii baruu barbaanna dura intala keenya fidaa jenneen. Sanirratti ammoo qormaata moodeelaa Wiixata kana jalqabdi ture. Kanaaf intala keenya fidaa kaan ergasii haasofna jennee gaggeessine,” jedhan.

Akka maatiitti miidhaa xiinsammuufi fayyaa ishiirra gahuu malu yaaduun hedduu akka gaddan himanis intalli isaanii argamuutti garuu gammachuu akka qaban dubbatan.

Hordoffiifi deegarsa poolisiin micayyoon isaanii tuni akka argamtuuf taasisaniifis galateeffataniiru Aadde Minyoot.

Seera Itoophiyaatiin gochi butii fi daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadii waliin gaa’ila dhaabbachunis yakkadha.