Magaalaa Hawaasaatti ammas shamarreen ganna 14 butamte - Maatii

Madda suuraa, Getty Images
Magaala Hawaasaa Mana Barumsaa Gudumaalee jedhamutti barattuu kutaa 8ffaa kan taate Shamaarree Meelaat Mohaammad Wiixata guyyaa butamuu maatiin BBC'tti himan.
Maatii shamarree kanaa kan tahan Aadde Minyoot Tashoomaa mucayyoon tuni obboleettii abbaa warraa isaanii akka taatee fi isaanumti barsiisaa akka turan himu.
Maatiin dhimmicha poolisii quba qabsiisuufi qoratamaa akka jiru himaniiru. Gabaasa kana keessa yaada poolisii dabaluuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Butiin kuni shamarree ganna 14 kanarratti kan raawwatame Wiixata guyyaa yeroo isheen mana barumsaatii gara manaatti galaa turtetti akka ta’es himan.
“Meelaat mana barumsaa irraa gara safara jiraannu Monopol jedhamutti dhufaa turte. Mana gahuuf fageenyi xiqqoon yeroo hafutti konkolaattota ‘Damas’ jedhaman lamaan ukkaamsanii kan fudhatan,” jedhan.
Yeroo ukkaamsanii fudhatan sanatti iyyaa waan turteef namootni naannoo sana turan harkaa buusuuf yaalii godhanilleen konkolaattonni kunneen saffisa guddaan fiigaa waan turaniif harkaa buusuu akka hin dandeenyes dubbatan.
“Namootni naannoo yaalii godhaniiru. Dhagaadhaan harkaa buusuuf yaalaniiru. Konkolaataa isa tokko daawwitiisaa fuulduraayyuu cabsaniiru.
''Jarri saffisa guddaadhaan oofanii miliqan. Garuu gabatee konkolaattota lamaanituu ummanni bakkicha ture nuuf qabeera” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Durbii Meelaat ta’u kan himtu Tigist Bisraat harmeen dubartii butamte jedhamte waggaa sadii dura erga boqotanii maatii ishee waliin akka jiraataa jirtu himti.
Tigist magaalaa Hawaasaa keessatti mana nyaataa xiqqoo qabdi.
‘’Yeroo qulqulleessu (eenyummaa namoota butan) namoota nabira nyaata sooratanidha. Halkan guutuu barbaachan ture. Manattuu hin galle,’’ jechuun BBC’tti himte.
Tigist nama bute jedhame akka beektuufi nama butiin shakkame kana bakka mana nyaataatti amala addaa akka irratti hin agarre dubbatti.
Durbiin biraa Meelaat, Indaalkaachaw Bisraat kana dura nami isheen ‘’na rakkisa’’ jette dubbatte akka hin jirre BBC’tti hime.
‘’Nuyi bitaa nu galeera. Nama eeruu nama nu kennu dhabne,’’ jechuun imimmaan buusaa BBC’tti hime.
Akka isheen jettutti, Meelaat fuudhamuu ishee dura dubartiin ishee waliin barattuufi fira nama butiin shakkame taate jedhamte Melaat dubbisteetti.
‘’Ishees mana ishee deemnee hin arganne. Baqataniiru,’’ jette.
Buttaa shamarree kanarratti raawwate Poolisiitti beeksisuu kan dubbatan Aadde Minyoot nama buttaa kanaan shakkan mana maatii isaalleen akka barbaadanii fi maatiin isaas manicha cufanii deemuu dubbatan.
Yeroo ammaa kanas qaamolee nageenyaa waliin ta’uun barbaacharra jiraachuu eeran.

Madda suuraa, Getty Images
Ta’us buttaan aadaa boodatti hafaa ta’e magaalaa Hawaasaa keessatti aadeffamaa waan deemeef daa’imman guddisuuf yaaddoo guddaa ta’aa akka dhufe himan Aadde Minyoot.
“Dubartii umriinshii hin geenyerratti buttaan raawwatame. Osuma umriin gahees buttaan fedhii malee aadaa boodatti hafaadha. Magaalaa Hawaasaa kanatti amma ijoollee guddisuun yaaddoo ta’eera” jedhan.
“Daa’imman obbolaashii xixiqqaa har’a humnaan mana barumsaatti ergine. Sababa qorumsa qabaniifi malee tole jedhanii nuuf hin deeman ture. Humnaan dhiibnee mana barumsaatti ergine. Sodaa guddaa keessatti uume” jedhan
Shamarree Meelaat Mohaammad barumsa fooyya’aa akka barattuuf jecha bakka dhalootaa Gujii Waadaraa irraa gara Magaala Hawaasaatti akka fidanis himu Aadde Minyoot.
Magaala Hawaasaatti aadaan dubartoota dirqisiisanii butuu kuni amaleeffamaa jiraachuun maqaa gaarii magaalatti kan balleessaa jiruu fi maatii ijoollee dubartootaa qabaniifis yaaddoo guddaa ta’aa waan jiruuf qaamni dhimmi ilaalu furmaata itti kennuu qabas jedhan.
Ji’a darbe kana keessa magaaluma kanatti hojjettuu baankii kan taate shamarree Tsaggaa Balaachoo jedhamtu butamuun torbee lamaan booda hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin harka warra buteetii gadhiifamuun ni yaadatama.
Dhimma buttaa barattuu Meelaat Mohaammad fi yakka buttaa magaalattiitti dabalaa dhufe irratti gaafachuuf qajeelcha Poolisii Magaala Hawaasaafi poolisii Naannoo Sidaamaa irraa irra deddeebiin yaaliin bilbilaan taasifne hin milkoofne.
Seera Itoophiyaa jalatti butii raawwachuun yakka cimaadha.












