Waa'ee 'dubartii ilmoonshee osoo itti boossuu mukatti hidhamtee abbaa warraatiin reebamte' kan beeknu

Kushuu Bonayyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Haadha ijoollee sadii harki mukatti hidhamuun lafa gabaatti abbaa warraatiin reebamtee miidhaaf saaxilamte Aaddee Kushuu Bonayyaa

Booranatti dubartiin haadha ijoollee taate mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamte miidhaa cimaarra akka jirtu BBCn maatiifi oggeessa seeraa irraa odeeffateera.

Dubartiin haadha ijoollee sadii taate kun Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraasheetiin gara jabinaan yoo reebamtu viidiyoon mul’isu miidiyaarratti qoodame ijoo dubbii ta’ee ture.

Irra caalaatti haleellaa kana sukaneessaa kan taasise ammoo murtiin kun jaarsoliidhaan ajajamee lafa gabaa bakka namni hedduun dhaabbatee ilaalutti reebichi hamaan yoo irratti raawwatamu mul’achuusaati.

Dhimma kana irratti miseensa maatii miidhamtuu kanaa kan tahan Obbo Jaarsoo Bulee miidhaa aada maleessa raawwatame kanaa fi haala itti raawwatame BBC'tti himan.

Wayita qorannoon gan=ggeeffmaaafii jiru

Dubartiin akka looniitti hidhamtee reebamte eenyu?

Miidhamtuun kun maqaanshii Kushuu Bonayyaa kan jedhamtu yoo ta’u, abbaa warraashee amma mukatti hidhee reebicha irratti raawwate Galgaloo Waariyoo waliin bultii ijaarratanii ilmaan sadii horaniiru.

“Intalti kun dhirsashee waliin eegi walfuudhanii naannoo waggaa 12 waliin jiraachaa turan. Booda horii dhabanii jennaan ijoollee isaa fi haadha warraasaa dhiisee raayyaa ittisa biyyaa seene. Naannoo waggaa afurii olii achi ture,” jedhu miseensi maatii miidhamtu tanaa.

“Waggaa afurii kana ijoollee sadan kana humnumaan dhamaatee waliin rakkattee asiin geese. Eegasii achii deebi’ee jennaanis maatiisaa kana gargaarurra haadhuma warraa isaa kana reebuu cimse. Si’a hedduu waldhabbiin baayyatee jalaa baatee yeroo hedduu deebite” jedhan.

Abbaan warraa kun eegi raayyaa ittisaatii deebi’een duuba haadha warraa isaa waliin dhibdeen dabalaa deemuu fi mana keessatti haatii warraafi ijoolleen gargaarsa dhabarraa yeroo hedduu gidduu isaanii lolli dhabamee akka hin beekne hima Aab Jaarsoon.

Taatulleen akka aadaatti, warri ishee fi jaarsis akka walii obsan, wal danda’anii akka waliin jiraatan amansiisanii yeroo hedduu araaramanii jireenya itti fufuus hima.

“Rakkoon isaanii fooyya’iinsa dhabee jennaan jalaa baatee warra gosa abbaasheetti baqatte. Jaarrooleen Boorana wal dubbisanii dubbiikee manuma keetti siiqorra gali jedhaniin. Isheen ammoo na ajjeesa dubbii tana sirritti naaf ilaaltan malee hin galu jettee didde,” jedha.

Jaarroliin dubbii kana ilaalan intalti dubbii jaarsaa fudhachuu waan diddeef ka’aatii mukatti hidhaatii reebaa jedhanii jaarrolee muraasi waan akkanaa murteesite jedha.

Dubartii abbaan warraa mukatti hidhee reebee

Ilmeeshii osoo itti boossuu mukatti hidhanii gabaa keessatti reeban

Murtiin mukatti hidhuu kun jaarrooliidhaan akka darbe kan himu Aab Jaarsoon, wanni jaarrooliin kun murteessan aadaa Booranaa fi ummata Booranaa kan bakka bu’u osoo hin taane murtii nama muraasaati jedhu.

“Mukatti hidhanii ganda isaan keessa jiraatan keessatti ummata itti baasanii reebsisan. Ilmoon ishee osoo itti boossuu, ummanni dhaabbatee osoo ilaaluu akkana tolchan. Namni tokkollee akka irraa hin dhorkine godhanii akkanaan dararan,” jedha.

Yeroo dararaan kun raawwatamu namoonni akka irraa hin dhorkine sodaachifamanis, namni tokko yeroo dhorkuuf yaaleetti akka reebame viidiyoo qoodame kanarratti ni mul’ata.

Vidiyoon kuni akkamiin waraabame?

Akka jaarsoon jedhutti, yeroo dararaa sukaneessaan kun dubartii kanarratti raawwatamu namni kamiyyuu akka suura hin kaasnee fi vidiyoo hin waraabne namni achi ture hunda akeekkachiifaman.

“Yeroo haleellaan kun raawwatamu makiinaa Waacilee Dubulluq deemutu irra dhufe. Mucaa tokkotu makiinaa sana keessaa bu’ee vidiyoo amma qoodamaa jiru kana waraabe,” jedha.

Dubartii lafa gabaatti reebichi irratti raawwate
Ibsa waa'ee suuraa, Haadha ijoollee sadii gara jabiinaan abbaa warraatiin gabaarratti reebamtee

Maatiin waan raawwatame kana torbee booda viidiyoo kanarraa arge

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin haadha Ijoolee sadii taatee fi abbaa warraashii gara jabinaan mukatti hidhee reebu kun miidhama cimaan irra akka gahe kan himu miseensi maatii kun, haguma ajjeesuu gahanitti dhiisan jedha.

“Qaamnishii gama bitaa kun hin hojjatu. Boqoon ishees lafeen cabeera,” jedha.

Waan raawwatame kana maatiin dafee akka hin dhageenyee fi isheenis torbee tokkoof miidhama irra gahe kana osoo hin yaalamin turuus dubbata.

“Viidiyoon kun yakki kun raawwatee dafee hin gadhiifamne. Torbee tokkoon duuba wayii gadhiifame. Maatiin viidiyoo kanarraa yakki kun akka isheerratti raawwatame argan”.

“Yoo nuti viidiyoo tana arginee torbanitti biraan baanu intalli sadarkuma lubbuu ishii bahuu gaheerra jirti. Eegasii Hospitaala Areeroo, achii Hospitaala Yaaballoo amma Hospitaala Hawaasaatti baqaqsanii yaaluurra jirti,” jedhan.

Eegasii Jaarrolee murtii gara jabinaa kun akka raawwatamu dabarsanii fi abbaa warraa reebicha irratti raawwate kuniin waliigala namoonni saddeet too’atamanii hidhamanii turuus hima.

Obbo Guyyoo Areeroo Itti gaafatamaa waajjira Abbaa Alangaa aanaa Waacileeti. Gocha dubartii kanarratti raawwatame ganda Qaqalloo jedhamutti ta’uu fi eeruun kan isaan qaqqabeyyuu erga yakki kun raawwatamee torbee booda ta'u himu.

“Akkuma eeruun nu qaqqabeen gareen qorannoo hundaa’ee namoonni yakka kana keessaa harka qabu jedhaman too’atamanii ragaa walitti qabuunis jalqabamee” jedhan.

Namoonni shakkamanii too’ataman kunneen eegi mana murtii dhihaataniin booda abbaa warraa reebicha kana raawwate jedhameen ala jaarroleen too’ataman amma mirga wabiitiin lakkifamuus himan.

“Himata banuuf ragaan mana yaalaa irraa dhufu nu barbaachisa. Ragaan sun ammoo yaalarra waan jirtuuf amma nun qaqqabne. Ammoo adeemsi seeraa akkaatuma seeraatiin itti adeemama,” jedhan.

Dubartiin haadha Ijoollee sadii taatee fi lafa sirna Gadaatiin bulu keessatti yakki sukaneessaan akkanaa dubartiirratti yoo raawwatamu arguun miidiyaa hawaasummaa irratti hedduu kan qeeqa kaase ture.

Yakkii Waacileetti dubartii haadha ijoollee sadii taate gabaa keessatti hidhanii reebuu kun kan raawwatame ALI Fulbaana 09 bara 2017 dha.