Garee hidhattoota Naayijeeriyaa namoota muuziqaa dhaggeeffatan reebu

Madda suuraa, Getty Images
Angawoonni Naayijeeriyaa garee hidhattootaa haaraa Lakurawa jedhamu akka dhaabbata shororkeessummaatti farrajeera.
Gareen kun guutuu biyyattii keessatti akka hin sochoones dhorkaniiru.
Gareen hidhattoota Lakurawa garee hidhattoota haaraa namoota muuziqaa dhaggeeffatan reebuu fi haleellaa raawwatudha.
Gareen kun jiraattota kaaba dhiha Naayijeeriyaa fi naannoo daangaa Niijar jiran irratti xiyyeeffate.
Angawoonni Naayijeeriyaa akka jedhanitti gareen Lakurawa 'gareewwan jihaadistootaa' Maalii fi Niijar keessa jiran waliin hidhata qaba.
Hidhattoonni kunneen waggootaaf daangaa Naayijeeriyaa fi Naayijeer buufatanii dubartoota biyya keessaa fuudhuu fi dargaggoota waraanaaf calalaa turaniiru.
Kunis Naayijeeriyaa garee hidhattoota adda addaa waliin wal'aansoo qabaa jirtuuf balaa nageenyaa dabalataa fideera.
Naayijeeriyaan duraanuu garee hidhattoota Islaamaa Bokoo Haraam irraa kaasee hanga wanbadeewwanii fi gareewwan hidhatan biroodhaan jeeqamaa jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Naayijeeriyaa Kamisa darbe mana murtii olaanaa magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti argamutti himannaa dhiheessee sochii garee kanaa bal'inaan ibseera.
Sanadni kun akka ibsutti, gareen Lakurawa hojii shororkeessummaa keessatti hirmaataa ture.
Loon saamuu fi maallaqaaf jecha namoota ukkaamsanii fudhachuu hanga qondaaltota mootummaa sadarkaa olaanaa irratti haleellaa raawwatu.
Kana malees gareen kun ilaalcha miidhaa geessisu kan namoota nagaa dararu, miidhaa qaamaa irraan gahu, akkasumas miidhaa qabeenyaa naannoo sanatti qaqqabsiisuu, akkasumas jiraattonni aangawoota akka hin kabajne jajjabeessuun himatame.
Gareen kun waggoota muraasa dura gandoota bulchiinsa Sokoto fi Kebbi keessatti kan ijaarame yoo ta'u, namoonni naannoo aanga'ootaaf gabaasan illee hanga ammaa tarkaanfiin fudhatame hin jiru.
Jalqaba irratti miseensonni Lakurawa hawaasa naannoo garee hidhatee fi saamtota loon irraa eeguuf waadaa galanii turan.
Haata'u malee namni tokko akka jedhetti bilbilli jiraattotaa erga sakatta'amee booda namoonni muuziqaa bilbila isaanii irratti taphachiisaa turan osoo hin cufamin qabamuun reebamuu jalqaban,ergasii haalli hundinuu hammaate.
Sanada mana murtiif dhiyeessan keessatti Abbaan Alangaa Waliigalaa fi Ministirri Haqaa Naayijeeriyaa Lateef Fagbemi akka jedhanitti, gochi garee kanaa nageenya biyyaa irratti balaa guddaa fida.
Bara darbe dubbi himaan raayyaa ittisa biyyaa Meejar Jeneraal Edwaard Buubaa akka jedhanitti, uumamuun garee Lakurawa tasgabbii dhabuu siyaasaa biyya ollaa Maalii fi Niijer waliin kallattiin kan walqabatudha.
Waraanni kun dhiibbaa riphee loltoota Islaamaa irraan kan ka'e biyyoota lamaan keessatti bobbaafame.
Murtii ariifachiisaa kennaniin, Abbaan Murtii Jeems Omotooshoon garee kana dhaabbata shororkeessummaa ta'uu labsuun, gareewwan walfakkaatan biroo guutuu biyyattii keessattuu naannoo Kaaba-Lixaa fi Kaaba-Giddugaleessaa keessatti akka hin sochoone uggura dheeressaniiru.
Murteen kun mootummaan Naayijeeriyaa garee kana irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu aangoo kenna.
Dhaabbileen nageenyaas sochii garee kanaa ugguruu fi diiguuf aangoo bal'aa qabu, kunis hidhaa, himannaa, qabeenya dhorkuu fi hordoffii dabalata.












