Maatii waggaa 50 oliif bilisaan boolla qotuun sirna awwaalchaa raawwatu

Madda suuraa, Ifiokabasi Ettang / BBC
Maatiin Abdullaahii waggoota 50 darbaniif boolla namoonni du'an itti awwaalaman bilisaan nuffii tokko malee qotuudhaan tajaajilaa jiru.
Hojii namni heddu hojjachuuf ija hin jabaanne namni yeroo du'e boolla qotu, reeffa dhiqanii kafanudha.
Maatiin kun kana hunda yeroo godhanis kanfaltii malee bilisaan. Warri maatiin ykn firri jalaa du'e yoo gaddaniif "gatii dafqa keessanii" jechuun waan xiqqoo harka keessa kaa'u.
Iddoon awwaalchaa Musliimotaa magaalattii keessatti argamu walakkaa jaarraaf maatii maatiidhuma kanatu kunuunsa.
Eeggaan maatiin Abdullaahii tajaajila bilisaa kana kan kennu biyya Naayijeeriyaa Kaaba magaala Kaduunaatti argamu keessatti.
Bara 1970 kaasee obbolaan lama- Ibraahimii fi Adamuun bakka awwaalchaa kana hojjachuu eegalan.
Lamaansaanituu amma lubbuun hin jiran, achuma bakka boolla wara kaaniif qootaa turan sanatti awwaalamanii jiru. Ilmaansaanii hojii kana itti fufanii hojii iddoo awwaalcha abboota isaanii hojjachuu eegalan.
"Waanti isaan nu ijoolleesaanii barsiisan Rabbi hojii kana ni jaalata, lafarratti yoo dhabnellee isarraa ni argattu kan jedhuudha," jedha ilma agafaa Obbo Ibraahim Abdullaahii kan ta'e Magaajin.
Magaadiin amma nama ganna 58 yoo ta'u, lafa awwaalchaa Tudun Waadaa itti gaafatamummaan gaggeessa. Namoota bilisaan bakka kana tajaajilan 18 walitti qabee gaggeessa. Kaffaltii malee boolla awwalchaa qotu, ni awwaalu.
Magaajii fi ilmaan wasiila isaa lama: Abdullaahii fi Aliyyuun waliin sadi ta'anii yeroosaanii guutuu hojii boolla awwaalchaa qotuurratti bobba'anii jiru.
Torban guutuu, ganama sa'aatii 1:00 tti seenanii galgala bahu. Akka barsiifata hordoftoota amantaa Islaamatti, namni tokko erga du'ee booda dafee awwaalamuu waan qabuuf yeroo waamamanitti deemanii tajaajila kennuuf qophaa'anii eeggatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni magaalattii keessa jiran hundi bilbila Magaajii qabu- namni duunaan isuma waamu.
"Namoonni heddu bilbila keenya qabu waan ta'eef namni tokko yoo du'e battalumatti nuuf bilbilu. Nutis hojii keenya eegalla," jechuun BBC'tti hime Magaajin.
Namni tokko fiigee dhaqee reeffa safaruun hangam akka dheeratu warra iddoo awwaalchaa jiranitti bilbilee hima, ykn ergaa barreessaf. Warri iddoo awwaalchaa jiran odeeffannoo argatan irratti hundaa'un lafa safaranii boolla qotuu eegalu.
Inni jalqaba bakka namni du'e dhaqe, reeffa dhiqee kafanee qopheessa. Namni lama wal-harkaa fuudhee boolla qota. Sa'aatii tokko keessatti boolla gadi fageenyisaa meetira 1.8 ykn isaa ol qotuu danda'u.
Guyyaatti boolla awwalchaa heddu qopheessuu danda'u. "Har'a qofa boolla saddeet qonneerra, ammayyuu aduun hin dhiine," jechuun yeroo tokko tokko sanaa ol qotuu akka danda'an hima.
Dargaggeessa ganna 20 ta'ee boolla nama itti awwaalan qotuu akka eegale kan himu Abdullaahin yeroo sababa walitti bu'iinsa amantiin namoonni heddu du'an isaan awwaalun heddu akka isaan dadhabsiisu hima.

Madda suuraa, Ifiokabasi Ettang / BBC
Keessumaa bara 1990oota keessa Musliimotaafi Kiristaanota gidduu walitti bu'iinsa tureen namoonni heddu du'uurraa kan ka'e awwaaluf rakkata akka turan hima Magaajin.
Inuwaa Mohaammad manguddoo bakka awwaalchaa kana hojjataniifi nama ganna 7ti. Maatin Abdullaahii tajaajila sirna awwaalchaa bilisaan kennuun hangam uummata naannichaa bu'aa akka buusan himu.
"Isaan warra ajaa'ibati, waan hojjatan ni jaalatu, ijoolleesaanis amaluma kana dhaalchisan," jechuun jaju.
Yeroo tokko tokko maallaqni xiqqoon walitti qabameefii laqanni bitamaaf. Maatii isaanii jiraachisuuf maatin kun lafa qonnaa xiqqoo qabu.
Iddoon awwaalchaa kun waggaa 40n waan jijjiiramuuf rakkoo lafaa hin qaban. Garuu meeshaa ittiin hojjatan gahaa hin qaban. Dallaan iddoo awwaalchaa jijjigee saamtonni sibiila garaa garaa hatuu dhufan eegunis qormaata itti ta'uu hima Aliyyuun.
Namoonni tokko tokko awwaala maatii ykn fira isaanii irra sibiila irratti maqaafi guyyaa dhalootaa nama du'ee sana barreessanii dhaabu. Kaansaanii ammoo dhagaa wayii irra kaa'u.
Maatiin Abdullaahii garuu eenyu eessatti akka awwaalame tokko tokkoon adda baasanii beeku. Maatin iddoo awwaalcha fira ykn maatiisaanii dagatan hin yaadda'an- maatii Abdullaahii gaafachuu qofa.
Bakka awwaalchaa kana BBCn erga daawwatee booda, maatin Abdullaahii oduu gaarii dhagahuu jalqaban.
Hogganaan mana maree naannichaa hojjattoota bilisaan tajaajila sirna awwaalchaa raawwataniif dhaabbataan mindaan akka kaffalamu murteessee jira.
"Hojii guddaa isaan guyyuun hojjataniin yoo wal-bira wabamu [mindaan] isaanif mala," jechuun BBCtti dubbate hogganaa mana marichaa kan ta'e Raayan Huseen.
"Hundumti keenyaa dhumarratti [gaafa duunu] iddoo awwaalchaa deemna, namoonin hojii akkanaa hojjatan kaffaltiin isaanif mala. Kanaaf, hamman ani hogganaa ta'ee jirutti biiron keenya kaffaltii ni kennaaf."
Magaajinis mindaa ji'aa yeroo jalqabaaf fudhachuu BBCf mirkaneesse.












