Ameerikaan doolaara miil. 53 aanga'oonni duraanii Naayijeeriyaa saaman deebifte

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan Doolaara miiliyoona 50 oli Ministira Boba'aa Naayijeeriyaa duraanii Diizani Aliison Maduke fi michoota birootiin hatame jette biyyattif deebisuun ibsame.
Ministeerri Haqaa Naayijeeriyaa maallaqni anga'ootni duraanii biyyatti seeraan ala Naayijeeriyaa keessaa baasanii Ameeriokatti dhofkatanii ture garri doolaara miiliyoona 53 deebi'uun tajaajila mootummaaf akka oolu beeksisera.
Ministirri Boba'aa Naayijeeriyaa duraanii aangoo mootummaa kana fayyadamtee caalbaasii fi waliigaltee adda addaa matta'aa fudhachuun malaammalaa turuu ishee fi namoota biroollee karaa qaxxaamuraan duroomsuuf itta fayyadamuu ishee anga'aan kun himaniiru.
US akka jettetti maallaqni kun doonii dheerina meetira 65 dheerattu Galactica Star jedhamtu, akkasumas manneen qananiin Kaalifoorniyaa fi Niiw Yoorkitti argaman bitachuuf kan oole ta'uu ibsiteetti.
Ministirri boba'aa Naajeeriyaa duraanii dubartiin ganna 64 Aliison Maduke, himata irratti dhiyaate kana 'maqaa balleessiidha" jechuun kufaa taasisaniiru.
Qabeenyi dubartiin kun seeran ala kuufattee jedhjame bakka jireenya ishee kan godhatte Yunaayitid Kingidam keessattillee qoratamaa jira.
Waggaa lama durallee Yunaayitid Kingidam keessatti kennaa meeshaalee qananiin Luwiis Viitoon irraa argate, kaffaltii mana barumsaa dhuunfaa fi maallaqa doolaara kuma 127 waliin walqabatee malaammaltummaadhaan himatamtee turte.
Bara bulchiinsa pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Guudlaak Joonaataan keessatti nama ijoo kan turte namni siyaasaa kun, pirezidaantii dubartootaa jalqabaa Dhaabbata Biyyoota Boba'aa Al-ergii OPEC ta'uunis tajaajilaniiru.
Akkasumas bara 2010 hanga 2015tti Ministira Boba'aa Naayijeeriyaa ta'uun tajaajilaniiru. Isaan durallee Ministira Geejjibaa fi Ministira Misooma Albuudaa fi Sibiilaa ta'uun hojjataniiru.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Haqaa Ameerikaa bara 2023 himata siviilii lama maallaqa seeraan ala gara Ameerikaatti miliqfame fi qabeenya bitachuuf oole jedhame kan ministira boba'aa duraanii fi hiriyyoota isheetiin raawwatame ilaalchisee murtii dhumaa kennuu isaa beeksiseera.
Haaluma kanaan Amajjii 10, 2025 Jimaata darbe kana US fi Naayijeeriyaan waliigalatti Doolaara miiliyoona 52.88 gara biyya Afrikaa Dhihaa Naayijeeriyaatti akka deebi'u mirkaneessaniiru.
Kunis qabeenya biyya Afrikaa Dhihaatiin alatti kan Alison-Madueke waliin hidhata qabu gara Naayijeeriyaatti deebisuu isa jalqabaa ta'uu dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera.
Sirna mallatteessuu magaalaa guddoo Naayijeeriyaa keessatti gaggeeffame irratti Abbaan Alangaa Waliigalaa fi Ministirri Haqaa biyyattii Lateef Fagbemi akka jedhanitti, maallaqni kun deebi'uun malaammaltummaa ittisuuf tarkaanfii guddaa ta'uu ibsaniiru.
Fagbemiin akka jedhanitti, maallaqa kana keessaa doolaarri miiliyoona 50 karaa Baankii Addunyaatiin pirojektoota elektirikii baadiyyaa babal'isuuf kan oolu ta'a.
Doolaarri miiliyoona 2.88 hafe sirna haqaa cimsuu fi tattaaffii farra malaammaltummaa jajjabeessuuf gara Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaatti kan ergamu ta'a jedhan.












