Biliyeenaroota Afrikaa bara 2024tti sadarkaa qaban shan

Dureewwan Afrikaa bara 2024 qabeenya guddaa horatan keessaa tokko Itoophiyaa keessatti invastimantiirratti bobba'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan Afrikaa bara 2024 qabeenya guddaa horatan keessaa tokko Itoophiyaa keessatti invastimantiirratti bobba'aniiru

Kunneen dureeyyota Afrikaa keessaa kan qabeenya isaaniin sadarkaa 1 hanga 5 jiraniidha. Akka Afrikaa qofatti utuu hin taane tarree dureeyyota addunyaa keessattilee kan maqaan isaanii eeramuudha.

Dureeyyoonni kunneen bara 2024 keessa qaala'iinsi jireenyaa, rakkoon nageenyaa fi qormaatni kaan osoo jiruu isaan gabaa keessa turuu danda'aniiru. Mallaqa guddaas argatan.

Dureeyyoonni kunneen, carraa daldalaa fi qabeenya albduudaa ardiittitti fayyadamuun milkaa'ina kana irra ga'aniiru.

Tarree dureeyyota Addunyaa bara 2024 Bloomberg Billionaires Index mudde 30, 2024 baase keessaa dureeyyota Afrikaa tokkoo hanga shanii jiran, hanga maallaqaa isaanii fi maal hojjatanii akka milkaa'an hangi tokko kunooti.

Bara 2024 kana keessa waggoota dheeraaf dureessa Afrikaa sadarkaa tokkoffaa kan turan Aliikoo Daangoteen dureessa Afrikaa Kibbaa Johaan Ruupertiin caalamuun kan sadarkaa 2ffatti gadi siqani.

1. Johaan Ruuppart - Afrikaa Kibbaa

Qabeenya doolaara biiliyoona 14.3 qabu

Johaan Ruuppart dhaala abbaa isaaniirraa argatan gara dhaabbata meeshaalee qananiin doolaara biliyoona hedduutti jijjiiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Johaan Ruuppart dhaala abbaa isaaniirraa argatan gara dhaabbata meeshaalee qananiin doolaara biliyoona hedduutti jijjiiran

Akka ragaan 'Bloomberg Billionaires Index' irraa argame jedhutti dureessi kun sababa rakkoo dinagdee Naayijeeriyaatti mudateen qabeenyi Aliikoo Daangotee gadi bu'uu hordofee yeroo jalqabaaf tarree jalqabaa irra taa'an.

Dureessi kun maatii sooreyyii keessaa kan dhalatan yoo ta'u qabeenya abbaa isaaniirraa dhaalaniin dhaabbata Remgro jedhamu hundeessuun meeshawwaan qaalii fi qananii daldalu.

Kana malees dhabbilee akka Randi Merchant Bank kan jedhamu fi dhaabbata Richemont jedhamu kan addunyaarratti meeshaalee qananii dhiyeessuun isa guddaa yoo ta'u, biraandiiwwan akka Cartier fi Montblanc of keessaa qaburraa bu'aa guddaa argatu.

Hojii daldalaa isaanii kanaanis badhaasa hedduu argataniiru.

Qabeenya isaanii Jeneevaa fi Landanitti argamuun alatti, Afrikaa Kibbaa Keep Taawun keessatti hojii investimentii gurguddaa qabu.

Qabeenyi Ruuppart bara 2024 doolaara biiliyoona 1.9 yoo dabale, biiliyoona 14.3 gaheera.

2. Aliiko Daangootee, Naayijeeriyaa

Qabeenya doolaara biiliyoona 13.4tti tilmaamamu qabu

Qabeenyi Aliikoo Daangootee biyya isaanii keessatti maallaqni gadi kufuun yeroo dheeraa booda sadarkaa 2ffatti gadi bu'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qabeenyi Aliikoo Daangootee biyya isaanii keessatti maallaqni gadi kufuun yeroo dheeraa booda sadarkaa 2ffatti gadi bu'an
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warshaa simintoo Daangooteen Itoophiyaa keessaa kan qaban Daangooteen Itoophiyaan alas biyyoota Afrikaa keessatti Investimantii indastirii irratti bobba'aniiru.

Daangooteen yeroo dheeraaf dureessa Afrikaa qabeenya olaanaa qaban turani.

Bara 2023 qabeenya isaanii doolaara miiliyoona 400'n dabalus, bara 2024'tti sadarkaa tokkoffaa waggoota dheeraaf qabatanii turanirraa gadi bu'uun qabeenya dolaara biiliyoona 13.4tti tilmaamamu qabaachuun tarree dureeyyota Afrikaa 2ffaa ta'uu danda'ani.

Namni waggaa 66 kuni hojii indaastirii daldalaa fi oomisha simintoof sukkaaraa biyyoota hedduu keessaa qabaniin Afrikaa keessa qabeenyaan kan isaan gitu hin jiru ture.

Bara kana garuu rakkoo kufaatii Maallaqa Naayijeeriyaa Naayiraa fi rakkoo dinagdee biyyi isaanii keessa jirtu irraa kan ka'e waan harka kennatan fakkaatu.

Simiintoon Daangootee Afrikaa keessatti oomisha simintoo isa guddaa yoo ta'u, biyyoota Afrikaa 10 keessatti hojjeta.

Indaastirichi waggaatti simintoo toonii miiliyoona 50 oomisha. Bara 2023tti warshaa guddaa Afrikaa keessatti dhaabbata petroo keemikaalaa guddicha ta'ee fi waggaatti galii doolaara biiliyoona 30 argamsiisa jedhamee eegama banuun isaa ni yaadatama.

Faawundeeshiniin Daangootee Afrikaa Kibbaa Gammoojjii Sahaaraa keessatti dhaabbata guddaa ta'e, guutuu ardii kanaa keessatti hojii tola ooltummaa kan hojjetu yoo ta'u, hojii isaa baay'inaan soorata, fayyaa, barnoota, fi gargaarsa namoomaa irratti xiyyeeffata.

Bara kana qabeenyi Aliikoo Daangootee doolaara biiliyoona 1.7 gadi bu'uun yeroo ammaa doolaara biiliyoona 13.4tti tilmamama.

Kanaanis Afrikaa irraa sadarkaa 2ffaa Addunyaa irraa sadarkaa 67ffaa irratti argamu, akka gabaasa Biluumbargitti.

3. Niikii Oppanihaayimar, Afrikaa Kibbaa

Qabeenya doolaara biiliyoona 11.7 qabu

Oppanhaayimar biliyeenara dhaabbata albuuda diyaamandii fi daldala beekamaa De Beers jedhamu hundeessan keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Oppanhaayimar biliyeenara dhaabbata albuuda diyaamandii fi daldala beekamaa De Beers jedhamu hundeessan keessaa tokko

Seenaa milkaa'ina dureeyyota Afrikaa keessatti kan eeraman lammiin Afrikaa Kibbaa kan biraa Niikii Oppanhaayimar nama jedhamanidha.

Lafa bal'aa Zimbaabuwee fi Bootiswaanaa keessatti bakka kunuunsa uumamaa jedhamuun ramadame kan qaban yoo ta'u, walumaa galatti lafa hektaara kuma 187 qabu.

Niikii Oppanhaayimar miseensa sirna mootummaa dhaabbata albuuda diyaamandii fi daldala beekamaa De Beers jedhamu hundeessanidha.

Niikii Oppanhaayimar qabeenya doolaara biiliyoona 11.7 tilmamamu qabu.

Kanaanis tarree xumura bara 2024 Bloomberg Billionaires Index baase keessatti qabeenya guddaa horachuun Afrikaa irraa Sad. 3ffaa Addunyaa irraa sad. 217 irratti argamu.

4. Naasef Saawiriis, Masrii

Qabeenya doolaara biiliyoona 9.48tti tilmaamu qabu

Lammiin Masrii

Madda suuraa, Getty Images

Hojii daldalaa irratti hirmaachuun milkaa'ina guddaa kan galmeessan dureessi lammii Masrii kun daldala damee adda addaa keessatti hirmaataa jiru.

Isaan keessaa qabeenyi isaa inni guddaan dhabbata gaazii uumamaa oomishuu fi raabsu OCI NV jedhamudha.

Isaan alas dhaabbilee akka oomisha xaa'oo guddaa fi dhaabbata oomishaa fi raabsaa simintoo LafargeHolcim dabalatee maqaa ispoortii Adidas, fi garee Madison Square Garden Sports keessattis dureessa qabeenya guddaa horatanidha.

Qabeenyi isaanii doolaara biiliyoona 9.48tti tilmaama. Kanaanis Afrikaa irraa sadarkaa 4ffaarra argamu.

5. Kirsh Naataan, Afrikaa Kibbaa

Qabeenya Doolaara biiliyoona 9.22 ta'u qabu

Kirsh Naataan dhiyeessa fi raabsaa oomishaalee nyaataafi daldala jumlaa
Afrikaa Kibbaati hanga biyyoota birootti gurguranidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kirsh Naataan dhiyeessa fi raabsaa oomishaalee nyaataafi daldala jumlaaAfrikaa Kibbaati hanga biyyoota birootti gurguranidha

Dureeyyota Afrikaa keessaa nama umurii guddaa ta'u. Amma umuriin isaanii naannoo waggaa 96 yoo ta'u, ka'umsi isaanii Eswaatini bakka duraan Siwaziland ykn Mootummaa Siwaazilandi jedhamu lafa cittuu Afrikaa Kibbaa keessati argamu irraati.

Jalqaba bara 1960'oota keessa daldala boqqollootiin qabeenya guddaa horatan.

Sana booda bara 1976tti raabsaa fi kuusaa Cash & Carry jedhamu kan mana kuusaa jumlaa, manneen gurgurtaa fi mana nyaataaf oolan keessatti dhiyeessuufi gurguruun damee isaan biyyoota addunyaa hedduu keessatti babal'isuun qabeenya horatan.

Amma qabeenyi manguddoo kanaa doolaara biiliyoona 9.48tti tilmaamama. Kanaanis Afrikaarraa Sad. 5ffaa Addunyaa irraa ammoo sad. 293 irratti argamu.

Dhalataan Itoophiyaa lammii Saawud Arabiyaa kan ta'an Mohammed Al Amuuddiin qabeenya walii galaa doolara biliyoona 8.76'n addunyaa irraa sadarkaa 323 irratti argamu.

Xumura bara 2024 kanatti Bloomberg Billionaires Index dureeyyota kanneen dabalatee dureeyyoota addunyaa akkataa qabeenya isaanitti sadarkaa 1ffaa hanga 500 jiran tarreessera.

Akka Addunyaatti dureeyyootni Ameerikaa teknolojii irratti hojjatan sadarkaa tokkoo hanga 4tti jiru.

1ffaa Eloon Maask doolaara biliyoona 452

2ffaa Jeff Beezos doolaara biliyoona 243

3ffaa Mark Zuukarbarg doolaara biliyoona 212

4ffaa Laarii Eelisan doolaara biliyoona 190 tarree biliyeenaroota addunyaa tarree jalqabatti tarreefaman ta'aniiru.

-------------------------------------------------------

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.