Dureessi addunyaa Iloon Maask pireezidantummaa Tiraamp irraa maal buufata?

Iloon Maask

Madda suuraa, Getty Images

Donaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi’uun deeggartotasaa keessaa isa akkaan beekamu Iloon Maaskiif injifannoo dha.

Namni soorreesa addunyaa kanaa halkan filannoo Filooriidaa riizoortii Tiraamp Maar -a-Laagoo keessatti bu’aa sagalee hordofaa wajjin dabarse.

‘’Uummanni Ameerikaa Donaald Tiraampiif itti gaafatamummaa ifaa jijjiirama fidu kennaniif,’’ jedhe Iloon miidiyaa hawaasaa ofii dhuunfatu X irratti yeroo mo’achuun Tiraamp dhugoomaa dhufu.

Tiraamp yeroo haasaa injifannoo Wiirtuu Paam Biichitti taasiseen Ilooniin leellisuun daqiiqaa baayyee fudhate. Waa’ee rookeettiiwwan dhaabbata Iloon milkaa’inaan furguggifaman kaasuunis isa jajate.

Iloon Adoolessa darbe Peensilvaaniyaa yeroo yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti raawwate battalumaan Ripaablikaanota cinaa dhaabbachuu jalqabe.

Akka deeggaraa ijoo kaadhimamaa pireezidantii kanaatti doolaara miiliyoona 119 arjoomuun Tiraamp deebi’ee akka filatamu gargaareera.

Filannoon torbee tokko dursuunis kanneen Tiraampiif sagalee kennaniif guyyaa guyyaan doolaara miiliyoona tokko kennaa ture. Dhimmi kuni falmisisaa tahee turus manni murtii boodara eeyyameera.

Iloon maqaa, maallaqaafi waltajjiisaa Tiraamp duuba hiriirsisuun booda Tiraamp irra deebiin filamuurraa waan baayyee buufata.

Tiraamp yoo filatame Ilooniin bulchiinsa isaatti affeeruun caasaa mootummaa keessatti qisaasamni akka hafu godha jedheera.

Abbaan qabeenyaa kuni yeroo pireezidantummaa Tiraamp kanatti kara dhaabbatasaa SpaceX buufachuu danda’a; dhaabbanni kuni daldala saatalaayitii gara hawaa erguu mootummaan hojjetamuu caalaa jira.

Waayit Haawsutti dhiyaachuufi mootummaa michoomfachuun humna jabeeffachuu danda’a.

Iloon dhaabota gurguddoo kanneen akka Booying caasaa waliigaltee isaan mootummaa wajjin qabaniin ni komata. Kunis piroojektiiwwan yeroofi baajata kenname keessati xumuruu irratti danqaadha jedha.

Kana malees SpaceX saatalaayitii basaasaa gara ijaaruttii ce’aa jira. kunis dhaaboti basaasaa Ameerikaa doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu dhimma kanarratti baasuu waan hin barbaanneefi jedha.

Konkolaataan elektiriikii Iloon Maask illee akkasuma bulchiinsa Tiraamp irraa ni buufata, ‘’to’annoo hanga xiqqootu’’ irratti taasifamaa jedheera pireezidantiin filatamaa kuni.

Baatii darbe qofa dhaabbanni US nageenya daandii to’atu, sooftweerii konkolaattota Teslaa nama malee oofaman qorachaa akka jiru himeera.

Maask hojjettoonni Teslaa gamtaa akka hin uumne danqeera jedhamuunis himatamaa ture.

Gamtaan Hojjettoota ‘’Auto’’ Tiraampiifi Iloon irratti akkaataa hojjetaa qabatan irrati himannaan irratti bananiiru. Kunis lamaan isaanii hojjetoota mormii dhageessisan arii’uu irratti haasa’an jedhamuun booda dhagahame.

Tiraamp korporeeshinii fi sooreeyyii irraa gibira hir’isuuf waadaa seeneera.

Waadaa Ilooniin fayyaduu keessaas kuni isa tokko dha.