Tiraamp Filannoo US 2024 mo'ataniiru, himannaawwan yakkaa irratti banaman amma booda akkam ta'u?

Madda suuraa, Getty Images
Duula filannoo warra Dimokiraatotaa wajjin kokkee wal-qabuun gaggeessaa ture booda paartii Rippaabilikaanotaa bakka bu'uun Doonald Tiraamp filannoo pirezidaantummaa U.S mo'atanii jiru.
Tiraamp pirezidaantii US jalqaba yakka cimaan himatamaniidha. Akkasumas pirezidaantii jalqabaa U.S osoo himannaan yakkaa hedduun himatamee deebi'ee filatameedha.
Himannaan yakkaa hedduu irratti banamee dhimmisaa mana murtii jiruuu gaggeessaa biyyaa ta'uun Waayit Haawus seenunsaa ammoo biyyattii yaaddoo biraa keessa galchee jira.
Dhimmasaa kan manni murtii hanga ammaa murtee itti hin laanne himannaa afurtu Tiraamp irratti banamee jira.
Tiramp Waayit Haawus erga seenee booda, himannaawwan afran irratti banamanii jiran akkam ta'u kan jedhu qabxiin afur kunooti.
Himannaa namni odeeffannno akka hin baasneef matta'aa kennuu
Doonald Tiraamp himannaawwan yakkaa galmee biizinasii sobaatiin Isteeta Niwu Yoork keessatti duranuu itti murtaa'era.
Ji'a Caamsaa keessa ammoo Tiraamp dubartii fiilmii saal-qunnamtii hojjachuun beekamtuuf matta'aa kenneera jechuun dhaddachi Niwu Yoork balleessaa itti muree ture.
Abbaan murtii Niwu Yoork Huwaan Merchaan hidhaa Tiraamp Fulbaana irraa gara Sadaasa 26tti akka siqu godhanii ture.
Tiraamp filannoo mo'atanis hidhaan itti murame akka hojiitti hiikamu abbaan murtii ajajuu akka danda'an himan qorataan yakkaa duranii Biruukliin Juulii Rendelman.
Ogeeyyin seeraa garuu Tiraamp erga pirezidaantii ta'ee booda carraan hidhamuusaatii dhiphaa akka ta'e kaasu.
Yoo ajaji hidhaa itti bahee garuu, abukaatonni Tiraamp battalatti oliyyannoo gaafachuun akka falmanis kaasu.
Tiraamp carraan hidhamuusaa xiqqaadha kan jechisiisu, "hidhama taanan mana hidhaa taa'ee biyya gaggeessuu hin danda'u" kan jedhuudha.
'Dhimma bu'aa filannoo bara 2020 garagalchuuf yaalii godhe jedhamee'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara darbe himanni addaa Tiraamp bu'aa filannoo bara 2020 garagalchuuf yaalii godheera jedhu irratti banamee ture.
Tiraamp himannaa irratti dhiyaatef "balleessaa hin qabu" jechuun waakkatee ture. Tiraamp sababa gaggeessaa biyyaa ta'ee tajaajilaa tureef himannnaa kana irraa gar-tokkeen walaba jedhee Manni Murtii Olanaa U.S. murteessus ammayyuu galmeen himannaa kanaa hin cufamin jira.
Himannaa kana Tiraamp irratti bananii kan turan Kaawunsilii Addaa kan ta'an Jaak Ismiiz, galmee kana deesanii kaasun Tiraamp mana murtii dhaabuu barbaadu.
Qorataa yakkaa duraanii federaalaa kan ta'an Na'eemaa Rahmaanii garuu Tiraamp erga pirezidaantii ta'ee booda himannaan kun kana booda waan ka'uu miti jedhu.
"Pirezidaantiin tokko osoo aangorra jiruu hin qoratamu, kuni waanuma baramaadha," jechuun himanni filannoon wal-qabatu akka kufaa ta'u kaasa.
Jaak Ismiiz himannaa Tiraamp irratti banan galmicha deebisanii hin cufan taanan hari'amuunsaanii waan hin oolledha jedhu.
Pirezidaantii ta'ee yoo filame "sakandii keessattan isa hari'a" jechuun ji'a Onloolessaa keessa itti dhaadatee ture Tiraamp.
Himannaa sanadoota icciitii
Tiraamp sanadoota icciitii biyyaalessaa qabatan akka hin malletti qabeera jechuun himannaa yakkaa biraa irratti baname kan gaggeessu Jaak Ismiizidha.
Filannoo bara 2020 gaggeeffameen mo'amee yeroo Waayit Haawusii bahu sanadoota icciitii biyyaaleessaa manatti fudhatee galuun Biiron Haqaa U.S sanadoota kanneen akka hin qoranneef danqaa uumera jedhamuuni kan himanni Tiraamp irratti banamee ture.
Abbaan murtii dhimmicha ilaalaa turan, abbaa murtii kanaan dura Tiraamp muudee ture, Alen Kaanoon, himannaa kana kufaa godhanii ture.
Tiraamp filannoo mo'achuun akkuma himannaa filaannoo kanaan duraa sana deebisee namni kaasu akka hin jirre himu Na'eemaa Rahmaanii.
Himannaa yakkaa Joorjiyaatti irratti banamee
Tiraamp Isteeta Joorjiyaa keessatti bu'aa filannoo bara 2020 akka jijjiiramuuf yaalii godheera jechuun himannaan yakkaa irratti banamee ture.
Abbaa Alangaa bulchiinsa sanaa kan ta'an Faanii Wiilis walitti dhufeenya abbaa alangaa dhimmicha akka ilaaluf isheen qacarte wajjin qabdu irraa kan ka'e akka isheen kaatu gochuuf yaalii godhame dabalatee rakkoon garaa garaa himannicha mudatee ture.
Faanii Wiilis dhimma himannaa sana qabattee akka itti fuftuuf oliyyannoon dhiyaate hanga ammaa furmaata hin arganne.
Amma immoo Tiraamp pirezidaantii ittaanu ta'uunsaa, dhimmichi kan duraa caalaa akka lafarra harkifatu gochuu danda'a ykn ammoo himannichi kufaa ta'uuyyuu danda'a jedhame.












