Kaamalaa Haaris carraan injifachuu ishee dhiphachaa dhufnaan dhiibbaa jala galte

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp Kaaba Kaarolinaa fi Joorjiyaa injifachuun isteetoota murteessoo ta'an shanan hafan kanneen filannoo Ameerikaa injifachuu murteessan keessaa irra caalaansaanii Kamalaa Haarisiin dursaa akka turan tilmaamni michuu BBC Ameerikaa, CBS, ni agariisa.
CBS akka jedhutti, Pensilivaaniyaa fi Wiskoonsin keesatti Tiraamp carraa caalaa kan qaban yoo ta’u, isteetii Michiigaan biraa kanneen Rust Belt jedhamtu keessattis dursaa jira. Bu'aan kunis kan dhumaa miti.
Bu’aan guutuu hin taane kunis Tiraamp Nevaadaa keessatti dursa akka jiru kan agarsiisu yoo ta’u, dirree falmii kan biraa kan tatatee Arizoonaa keessatti ammoo dorgommii cimaa ta’aa jira.
Oduu gammachiisaa dabalataa Rippabilikaanota hordooftoota Tiraamp waliin hojjetaniif, paartiin kun harka caalu Seenetii akka injifatu tilmaamameera.
Akkuma eegametti ta’e, Tiraamp Filooriidaadhaa hanga Idahotti bakka falmii cimaa falmisiisoo ta'an kan injifate yoo ta’u, Kaamalaa Haaris ammoo isteetiiwwan walabaa kan ta'an Niiw Yoork irraa hanga Kaalifoorniyaatti fudhateetti jedha tilmaamni CBS.
Paartiin Dimookiraatii halkan filannoo Yunivarsiitii Hawaard Waashingitan DC, bakka Kaamalaan digrii jalqabaa itti barattutti akka dabarsitu eegamaa ture, haata'u malee halkan walakkaa booda akka hin hirmaatiin barameera.
Beeksisa dura taa'aan duula filannoo waloo Cedric Richmond hordofuun, tuti hundi Waajjiira muummee kolleejjii Kaamalaa seenaa gurraacha ta'e kana irraa badan.
Waajjira Muummee Haaris irraa, maallaqa walitti qabduun paartii Dimookiraatotaa Liindii Liin BBC'tti akka himtetti, ''yeroo ammaa kana haalli jiru baay'ee gaddisiisaadha.''
"Namoonni yaaddoon isaanii dabalaa dhufeera, garuu ammallee karaan jira. Ammallee daandiidhuma sana qabadheen jira, garuu halkan kun halkan nuti barbaanne miti" jetteetti.
Tiraamp yeroo gabaabaa keessatti affeerraa duula filannoo isaanii kan Weest Paam Biich, Filooriidaatti bakka miirrii gammachuutiin guutameerratti ni argamu jedhamee eegamaa.
Dureessa addunyaafi arjooma guddaa Tiraamp kan ta’e Elon Maask, kaadhimamaa paartii Rippabilikaan waliin halkan filannoo dabarsaa jira.

Karaa kamiinuu haa deemnutii garuu bu'aan isaa seena qabeessa ta'a. Ameerikaan pirezidaantii dubartiishee jalqabaa argachuu ykn Tiraampiif irra deebiin aangoo siyaasaa kan agarsiisu ta'u agarsiisa.
Qaqqmni kamuu Waayit Haawus yoo fudhate harkisaa Kongireesii kanneen sagalee Kibxataa dhufu irrattis mormii qabaanii hidhamuu mala.
CBS akka timaameetti, Rippabilikaanonni teessoo lama Weest Virginiiyaa fi Ohaayootti Dimookiraatota irraa erga fudhatanii fi qormaata cimaa Teeksaas keessatti ka’e erga mo’anii booda to’annoo Seenetii ni mo’atu.
Paartiin lamaanuu mana maree Rippabilikaanonni haala dhiphaa ta'een itti injifatan keessatti kan sarara waliigalaa waan qaban hin fakkaatu.












