Tiraamp filattota Musliimaa hawwachuuf maal hojjechaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Traamp hiriira Michiganitti gaggeessan irratti hoggantoota Musliimaa hedduu affeeraniiru.
Tiraamp walgahii kana irratti akka jedhanitti, filattootni lammilee Arabaafi Musliimaa imaammata alaa Ameerikaan Israa’elii fi Gaazaa ilaalchisee qabdutti aaraniiru.
Dilbata darbe naannoo magaalaa Detroit fi Novi Dearborn, Michigan keessatti akka jedhanitti, “Muslimoonni as jiran filannoo Ameerikaa jigsuu danda’u,” jedhan.
Bara darbe magaalaanDeerboorn Ameerikaa keessatti Musliimota baay’inaan keessa jiraattu turte. Namoota as jiraatan keessaa %55 maddisaanii Baha Giddu Galeessaa ykn Kaaba Afrikaati.
Ameerikaatti lakkoofsi Muslimootaa dhibbeentaa 1.1 dha.
Hoggantoonni amantaa Islaamaa Michigan daawwatan

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp hiriira Michiganitti gaggeessan dura hoggantoota amantaa Islaamaa waliin wal arganii turan. Hogganaan Musliimaa kun galma Tiraamp keessatti waltajjii irra kan turan yoo ta'u, pirezidaantiin Ameerikaa duraanii kun hogganaa guddaa bulchiinsa Michigaan ta'uu isaaniif beekamtii kenneera.
Walgahii Tiraamp irratti kan argaman Imaam Beelaal Al-Zuhariin Tiraamp nama nagaa deeggaru jechuun ibsaniiru.
Alzuhariin, "Nuti akka filattota Musliimaatti Tiraamp waliin jirra. Tiraampiin waraana osoo hin taane nagaa akka fidu itti himneerra" jedhan.
''Donaald Tiraamp waraana Baha Giddugaleessaa fi Yukireen akka xumuru waadaa waan galaniif ni deeggarra."
Walitti dhufeeenya Musliimotaaf Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Traampi lola Israa’el Gaazaa keessatti geggeessaa jirtu ifatti hin qeeqne, garuu hariiroo ummata waliin qaban irratti sagalee dhageessisa.
Jalqabas muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana sana dafanii akka hiikan gaafataniiru.
Kana malees, Tiraamp preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayiden fi itti aantuun pirezidaantii, Kamlaa Haaris Israa’el haala gahaa ta’een hin deggerre jechuun qeeqaniiru.
Garuu bulchiinsi Baayiden fi Kamlaa Haaris Israa'eliif meeshaa waraanaa kennuu hin dhiifne.
Loltoonni Hamaas bara darbe Onkoloolessa 7 Israa'el haleeluun namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesaniiru. Kanneen 100 ol ta'a ammoo ukkaamsuu gabaasaleen ibsaa turan.
Tiraamp yeroo pirezidaantii turanitti namoonni Iraaq, Sooriyaa, Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Sudaanii fi Yaman irraa gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkaa kaa’aniiru.
Keessumaa baqattoota Sooriyaa akka Ameerikaa hin seenne uggura yeroo hin murtoofneef kaa'aniiru. kanneen biroo uggura baatii sadii kaa'anis jira.
Bara 2021 bulchiinsi Baayiden uggura kana kaase.
Muslimoonni Baayidanitti dallananiiru

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan Israa’eliif gargaarsa waraanaa guddaa kan gootu yoo ta’u, kunis filattota Arabaa fi Musliimaa dallansiiseera. Tiraamp carraa kanatti fayyadamee musliimota deeggartoota isaa gochuu barbaada.
Filattoonni Arabaa fi Musliimaa Kamala Harris fi Bideniitti aaranii fi waraanni hatattamaan akka xumuramu barbaadan Tiraampiin filachuu malu jedhamee amanama.
Gama biraatiin deeggartoonni Israa’el bulchiinsi Baayiden Israa’eliif hanga barbaadamu deeggarsa akka hin kennineeftu itti dhaga’ama.
Tiraamp filattota Arabaa fi Musliimaa qofa osoo hin taane, yoo inni (Tiraamp) filannoo kana hin injifanne gatii guddaa akka kaffalan Yihudoota akeekkachiisaa jiru.
Tiraamp filannoo kana irratti Yihudoonni maaliif Kamala Hariisiif sagalee kennuu? yoo nuti mo'amne Yihudoonni gatii guddaa kaffalu" jedhan.
Kamala Haaris Gaazaatti dhukaasa dhaabuu kan leellistu yoo ta’u, mootummaa paalastaayiniin adda ta’e ni deeggarti.
Deeggartoonni paalastaayinii fi aktivistoonni farra waraanaa itti aanaa preezdaantii Ameerikaa Kamalaa Haaris irratti xiyyeeffatan imaammanni ishee kan Baayiden irraa akkamitti adda ta'a jechuun gaaffii kaasuu.
"Michigaan dabalatee filattootni Musliimaa fi Arabaa guutuu biyyattii keessatti waraanni dhuma hin qabne Baha Giddu Galeessaa keessatti akka xumuramu barbaadu. Hundi isaanii nagaa fi tasgabbii barbaadu," jechuun Tiraamp hiriira Michigaan keessatti geggeessan irratti dubbataniiru.
Tiraamp yoo gara aangootti dhufan waraana kana akka xumuran waadaa galaniiru. Warri waadaa isaa hin deggerre hanga Tiraamp aangoo irra turanitti waraanni haaraan akka eegalu hin hayyamne jedhu. Tiraamp Muslimoota Arabaatif akka filannoo gaariitti of dhiheessaniiru.
Tiraamp biyyoota Musliimaa tokko tokko irra uggura kaa'ee ture

Madda suuraa, Getty Images
Gama tokkoon Tiraamp waa’ee Muslimoota hawwachuu kan dubbatan yoo ta’u, gama biraatiin garuu erga pirezidaantii ta’anii booda lammiileen biyyoota Muslimoonni baay’inaan itti argaman irraa gara Ameerikaatti akka hin dhufne dhorkaa tures ni deebisa jedhu.
Tiraamp bara darbe Onkoloolessa 28 konfiraansii Yihudoota Rippabilikaan irratti haasawa taasisaniin, "uggura imala kaa'ame ni yaadattu? Yeroon aangoo qabadhu lammiilee biyyoota nuti hin barbaanne ykn biyya keenya balleessuu barbaadan irratti uggura imala deebisee nan kaa'a" jedhan. Filannoon nuti qabnu uggura imala qofa."
''Waggoota afran aangoorra ture keessatti wanti akkanaa hin mudanne, sababni isaas namoota akkasii biyya keessa hin galchine,'' jedhan Tiraamp.
Tiraamp bara bulchiinsa isaaniitti Ameerikaan waraana haaraa keessa akka hin seenne dubbataniiru. Loltoota irra caalaan isaanii Baha Giddu Galeessaa keessaa baasuun waraanni Afgaanistaan akka xumuramuu taasisuu isaanis eeru.
Tiraamp gareen Islaamummaa Amajjii-2019tti mo’amuu isaanii beeksisan,baruma kana waraanni Ameerikaa hogganaa IS Abu Bakr al-Bagdadii ajjeesuu beeksise. Kana malees bulchiinsi Tiraamp baatii Guraandhalaa-2020 keessa Iraaq keessatti jeneraal olaanaa Iraan Qaasim Soleimani ajjeeseera.
Dhimma Iraan irrattis Ameerikaan gara waraanaa waan seentu fakkaattus, garuu tasgabbiin itti fuftee jirti. Ogeeyyiin tokko tokko akka jedhanitti Tiraamp waraanni haaraan akka ka’u hayyamuu dhabuu isaaniitiin fjajamuu danda'a. Garuu naannawa waraanni itti ka’uu malutti meeshaa waraanaa gurguruuf waliigaltee taasisaniiru.
Tiraamp wayita pirezidaantii ta'etti yeroo jalqabaaf daawwannaan isaanii Sa'udii Arabiyaatti taasise. Sa'udiin yeroo sanatti finciltoota Huutii Yaman keessa jiran waliin wal lolaa turte. Tiraamp daawwannaa kanaan Sa’uudii waliin waliigaltee meeshaa waraanaa Doolaara biiliyoona 110 taasisaniiru.
Filannoo Ameerikaaf Baha Giddu Galeessaa

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp wayita pirezidaantii ta'anitti, muummichi ministeeraa Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuun akka malee gammadanii, naannawa tokko maqaa Tiraampin moggaasan.
Inumaa yeroo tokko “michuu hunda caalu Israa’el Waayit Haawus keessatti qabdu” jechuun Netaaniyaahuun Tiraampi jajata.
Doonaald Tiraampis waliigaltee niwukilaraa Iraan Israa’el mormte haquun, biyyoota Arabaa hedduu waliin waliigalteewwan seena qabeessa idileessuu gidduu seenuun, akkasumas Yerusaalem magaalaa guddoo Israa’el ta’uun beekamtii kennuudhaan – imaammata Ameerikaa waggoota kurnan lamaan darbaniif ture jijjiirun fudhatama argateera.
Yeroo filaannoon ameerikaa adeemsifamu kanatti hogganaan Israa’el, qofaa utuu hin taane, lammiilee Israa’el harka sadii keessaa harka lama kan ta’an Tiraamp Waayit Haawusitti deebi’ee arguu akka barbaadan qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame ni mul’isa. kanneen harka 20 ta'an qofatu akka Kamala injifattu barbaadu.
Waraanni Gaazaa Israa’elii fi michuu ishee Ameerikaa gidduutti waldhabdee uumuuf gargaareera.Haaris Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf waamicha dhiyeessuun ifatti kan dubbatte yoo ta’u, dhimmoota namoomaa irrattis xiyyeeffannoo guddaa akka kennitetu himama.
Baatii Adoolessaa keessa Waayit Haawusitti Netaaniyahuu waliin erga wal arganii booda, haala Gaazaa irratti “callisanii akka hin ilaalle” ibsuun, gidiraa dhala namaa fi ajjeechss namoota nagaa irratti yaaddoo guddaa akka qabdu Naatinahutti dubbatteerti
Tiraamp waraana kana xumuruuf “injifannoo” Israa’el kan eegan yoo ta'u Netaaniyaahuun “waan gochuu qabdu hojjedhu” jedhanii akka turan himameera.

Madda suuraa, Getty Images












