Israa'eloonniifi Filisxeemoonni filannoo Ameerikaa attamiin ilaalu?

Yeroo darbe Doonaald Tiraamp pirezidaantii yeroo turanitti ministirri muummee Israa’el baay’ee gammaduun, hawaasa tokko maqaa isaatiin moggaasan.
Gaarreen Tiraamp (Trump Heights) kilaastara adda baheefi manneen durii dhagaa keessatti ijaaramanidha.
Kun Tiraamp imaammata Ameerikaa walakkaa jaarraa eeguu fi waliigaltee bal’aa idil-addunyaa- lafa Israa’el Golaan irratti qabdu, waraana bara 1967 keessatti Sooriyaadhaan qabatamuu, boodarra gama tokkeedhaan of jalatti deebisuu isheetiif beekamtii kennuusaatiif akka badhaasaatti kan taasifameedha.

Madda suuraa, BBC / Joe McNally
Gaaffiin jiraattota achitti argamanii, kan maatiiwwan hedduufi bakka jireenyaa loltoota muraasa, kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Tiraamp ykn morkattuunsaa paartii Dimookiraatotaa Kaamalaa Haaris amma fedhii Israa’el naannicha keessatti qabdu irratti dhiibbaa akkamii qabaachuu danda’a kan jedhudha.
Elik Gooldibargiifi haati warraasaa Hodaayaan ijoolleesaanii afur waliin nageenya hawaasa baadiyyaa xiqqoo sanaatiif jecha gara Tiraamp Haayitsiitti qajeelan.
Erga Onkololeessa 7 Hamaas bara darbee kibba Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda, waraana michuu Hamaas ta'e Hezbollaa fi Israa'el jidduutti gaggeeffamu isaan mudate. Walitti bu'insi kunis isaan irraa fageenya maayilii 10 irratti daangaa kaaba Israa'el Libaanoos waliin irratti gaggeeffama.
“Waggaa darbeef bakki banaan magariisa bareedaan kan qabu yoo ta’u, kallattiin keenya jaalatamaan ammoo kallattii ittiin Hezboollaan rookkeettii nutti ergaa jiruu ta'eera,” jedha Eliik.
“Kun ammoo zoonii waraanaa waan ta’eef yoom akka xumuramu hin beeknu.”
Eliik bulchiinsi Ameerikaa haaraan akka “waan sirrii hojjetu” akka barbaadu BBC'tti hime. Sun maal jechuu akka ta’e gaafatamee, “Israa’el haa deeggaran” jedhee deebisa.
“Namoota gaarii deeggaraatii, hubannoo sirrii ittiin waan sirriifi dogoggoraa addaan baaftan qabaadhaa,” jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis haasaa Israa'el keessatti baayyinaan dhagahamudha. Akkasumas, haasaa Tiraampis hubatudha.
Tiraamp, yeroo pirezidaantii Ameerikaa ta’anitti, waliigaltee niwukilaraa Iraan kan Israa’el mormite haquun, kan biyyoota Arabaa hedduu waliin walitti dhufeenya haaroomsuuf waliigalteewwan seena qabeessa taasisan, akkasumas imaammata Ameerikaa bara dheeraa faallaa dhaabbachuudhaan Yerusaalem magaalaa guddoo Israa’el ta’uushee beekamtii kennuudhaan hogganaa Israa'el Beenjaamiin Netaanihaayuu biratti fudhatama argateera.
Yeroo tokkoos Netaaniyaahuun, “michuu Israa'el hunda caalu Waayit Haawus keessatti qabdu” jechuun waamanii turan.
Ameerikaan sagalee kennuuf yeroo qophiitti jirtuu kanatti, hogganaan Israa’el dinqisiifannaa kaadhimamaa Rippabilikaanotaatiif qabu hin dhoksine. Kunis isa qofaa akka hin taanees ragaaleen ni agarsiisu.
Israa'eloonni harka sadii keessaa lama ta'an Tiraamp akka gara aangootti deebi'u akka barbaadan qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame tokko ni agarsiisa.
Kanneen %20 gadi ta'an ammoo Kaamalaan akka injifattu barbaadu. Akka qorannoo tokkootti ammoo sirumaa deeggartoota Netaaniyaahuun biratti gara %1 gadi bu'e mul'ateera.

Madda suuraa, Getty Images
Giilii Shimu'elevitis, kan umuriin waggaa 24, gabaa Yarusaalem Machane Yehuda keessaa waan bitataa kan turte yoo ta’u, Aadde Haaris duula filannoo irratti mormitoota kanneen Israa’el duguuggaa sanyiitiin himatan waliin waliigaltee taasisuudhaan, “bifashee dhugaa agarsiifte” jetteetti.
Itti aanaan pirezidaantii “wanti inni dubbatu dhugaadha” jechuun himannaa Israa'el irratti dhiyaateef beekamtii kennite jedhan.
Boodarra garuu Israa'el duguuggaa sanyii raawwachaa akka jirtu akka hin amanne qulqulleessiteetti.
Riivkaan, kan naannoo sanaa waa bitachaa turte, “%100'n Doonaald Tiraampiif” akka taate dubbatteetti.
“Inni Israa’eliif caalaa ni yaada. Diina keenya irratti cimaadha, hin sodaatu,'' jetteetti. “Namoonni akka isa hin jaallanne nan beeka, garuu isa jaallachuun na hin barbaachisu. Akka inni Israaʼeliif michuu gaarii taʼun barbaada.”

Madda suuraa, BBC / Joe McNally
Namoota baay’eedhaaf, michoonni gaariin gonkumaa dhiibbaa hin godhan, hin qeequ ykn hin dhorkan. Waraanni Gaazaa Israa’elii fi michuushee Ameerikaa gidduutti waldhabdee uumuuf gargaareera.
Haaris Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf waamicha dhiyeessuun caalaatti ifatti kan dubbate yoo ta’u, dhimmoota namoomaa irrattis xiyyeeffannoo guddaa kenneera.
Adooleessa darbe keessa Haaris erga Netaaniyaahuun Waayit Hawusiitti wal agarteen booda, haala Gaazaa keessaa irratti ''hin callisuu'' jechuun hamma ''baayina namoota rakkataa jiraniifi du'a namoota nagaatiin yaadda'uu'' hime.
Aab Tiraamp waraana kana gama “injifannoo” Israa’eliin xumuuf kan yaadan yoo ta’u, yeroo darbe ammoo dhukaasa dhaabuu atatamaa mormaniiru ture. Netaaniyaahuuniin “waan gochuu qabdu hojjedhu” jedhaniin akka ture himame.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee Filisxeemoonni baayyeen kaadhimamtoota lamaan irraayyuu abdii gadaanaa qabu.
“Tilmaamni waliigalaa Dimookiraatonni badaadha, garuu Tiraamp yoo filataman daran hammaata,” jedhan Musxafaa Barghouti, xiinxalaa kabajamaa fi namni siyaasaa Filisxeem Weest Baankii to'atame keessaa.
“Garaagarummaan guddaan jiru Kaamalaa Haaris jijjiirama yaada ummata Ameerikaa irratti caalaatti miira kan qabdu yoo ta’u, kunis dhukaasa dhaabuu caalaatti kan deggeru ta’uu isaati.”
Waraanni Gaazaa michoota Ameerikaa kan akka Sa’uudii Arabiyaa irraa bulchiinsi Filisxeemitti tarkanfii akka fudhatamuuf dhiibbaan dabaleera.
Haata'u malee, kaadhimamaa lamaanuu bulchiinsa Filisxeem hundeessuun ajandaa isaanii keessatti adda durummaan hin kaafne.
Aab Tiraamp tibba duula filannootti akka deeggaran gaafatamanii, “nan ilaala” jechuun deebisan.
Lammiileen Filisxeem hedduun waadaa biyya Filisxeem ta'u akkasumas deeggarsa Ameerikaa waliigalaa irratti galan abdii kutachaa jiru.
“Miirri waliigalaa jiruu US seera idil-addunyaa eeguu irratti haalaan kuftee jirti, yeroo tokkoo ol Filisxeemiin dagatteetti, loogii deeggaruudhaan Israa’el maddii hiriirteetti,” jedhan Musxafa Barghouti.
“Dhimmi biyya ta'u Filisxeem dhaadannoo malee homaa miti.”

Madda suuraa, Getty Images
“Tarii Tiraamp kubbaa caalaa cimaa taphachuu danda’a, Iraan ammoo osoo inni pirezidaantii ta’ee caalaatti duubatti deebi’u malti,” jedhan UStti ambaasaaddarri Israa’el duraanii Daanii Ayaaloon, garuu garaagarummaa kaadhimamtoota lamaan gidduu jiru bal'isanii ibsuun salphaadha jedhu.
Hariis fi Tiraamp amma lamaan isaaniiyyuu daandii Iraan gara meeshaa niwukilaraatti gootuu cufuuf waliigaltee haaraa taasisuurratti kan dubbatan yoo ta’u, lamaan isaaniiyyuu waliigaltee idilee Israa’elii fi biyyoota ollaa Arabaa – keessumaa Sa’uudii Arabiyaa gidduu jiru babal’isuu barbaadu.
Garaagarummaa tarii haala adeemsa isaanii ta'u mala.
“Yoo Kamala Harris [Waayit Haawus kan galtu] taate, kallattii gadi-ol ta’a jedheen yaada,” jedhan Daanii Ayalon. Kana jechuunis osoo gara gaaffiiwwan gurguddoo Iraan ykn gamtaa naannoo haaraatti hin garagalin dura dhukaasa dhaabuun Gaazaa fi Libaanos keessatti dursa kennitii.
Tiraamp waliin ammoo, “kallattiin gubbaadhaa gadiitti ta’a ture. Innis jalqaba kallattiin gara Tehraan deemuun achirraa, yaaddoowwan adda addaa hunda guutuu Baha Giddu Galeessaa keessatti furuuf yaala” jedha.
Israa’elii fi US irraa keessa beektoonni siyaasaa, Kaamalaa Haaris imaammata alaa Baha Gidduugaeessaa irratti ejjennoo aadaa paartilee sab-daneessummaa Ameerikaan dhihoo akka taateetti ilaalu.
Doonaald Tiraamp ammoo akka nama tilmaamamuu hin dandeenyee, Ameerikaa waldhabdee alaa keessatti hirmaachisuuf fedhii kan hin qabnee fi waliigaltee yeroof ta’uuf kan saaxilamu ta’uutti ilaalu.
Haata'u malee UStti Ambaasaaddar Israa'elii duraanii, Daanii Ayalon, imaammata qofa miti kan miira ummataa Israa’el irratti dhiibbaa qabu jedhanii amanu.
''Baayidan waggaa guutuu Israa'el cinaa dhaabbate,'' jedheera. “Garuu beekamtii isaa hin arganne.”
Hariiroo Ameerikaa fi Israa'el ilaalchisee sochiin ummataa fi miirrri lakkaa'ama jedhu.
''Wanti baay'een kan dhuunfaati. Fedhiin [qoodamu] kan umamaa yoo ta’u, namummaan garuu caalaa hiika qaba.”












