Dhalataan Itoophiyaa Tiraamp fa'i waliin Rippaablikaanotaaf dorgomaa jiru Mikaa'el yaadataa eenyu?

Madda suuraa, Michael Yadeta Website
Filannoon US bara 2024 Sadaasa 5 gaggeeffama. Namoota dorgomaa jiran keessaa tokko dhalataa Itoophiyaa kan ta'e Mikaa'el Yaadataati.
Mikaa'el Yaadataa Paartii warra gurraachaaf bakka hin kennu kan jedhamu- Paartii Rippaablikaan irraa kaadhimamee bulchiinsa Meeriilaand bakka bu'uuf dorgomaa jira.
Xiqqummaatti baqattummaan gara US imale, garuu rakkoodhaan akka biyyaa hin baane hima. Yeroosaatti sirnaan fayyadamuun qabeenyas horatee siyaasa biyyattiis hubatee rakkoowwan ijaan argu hedduu sirreessuuf akka siyaasa US keessa seenuu murteesse BBC'tti hime.
Mikaa'el diinagdeedhaanis hin komatamu, siyaasa gaggeessuuf harka namaa ilaalee akka hin beekne hime.
Injinara hojii ijaarsaa hojjetu kan ta'e Mikaa'el, kubbaaniyyaawwan ijaarsaa qabu Afrikaa keessattis babal'isuun bu'uura isaa kan ta'e Afrikaa fayyaduuf hojjetaa akka jiru hime.
Itoophiyaa keessatti hojiiwwan ijaarsaa gurguddoo hojjechuuf karoora qaba. Ammoo irruma caalaa dargaggootaaf carraa hojii mijeessuu akka fedhu hime.
Amma duula filannoorra jira. Waa'ee hirmaannaa siyaasaa, diinagdee horatee fi jiruu dhuunfaarratti BBC waliin turtii taasiseera.

BBC: Filannoon US kan bara 2024 guyyoota muraasa booda gaggeeffama. Atis filannoo kana keessatti hirmaannaa akka qabdu dhageenye. Qophii akkamii gochaa jirta?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mikaa'el Yaadataa: Qabxii filannoo duraan paartiin keenya- Paartiin Rippaablikaanii dursaa jira. Ani Meeriilaand bakka bu’een Kongiresii seenuuf dorgomaa jira. Paartii Dimokiraat keessaa kan naan morkatu waggaa saddeetiif bakka kana olaantummaan qabatee nama turedha.
Akka carraa ta’ee magaalaa an keessatti dorgomu keessa lammiileen Itoophiyaa baay’inaan jiraatu. Jiraattonni bulchiinsa kanaa dhibbeentaa 80 ol warra Dimokiraatotaa deeggaru.
Kanaafuu hojii guddaan kaayyoo fi mul’ata paartii Rippaablikaanii jalatti milkeessuuf deemnu hubachiisuu fi amansiisuudha. Kana keessatti abdiidhaan scohii taasisaa jirra.
BBC: Yeroo baayyee lammiileen biyyoota Afrikaarraa gara US deeman gama diinagdeen of ijaaruu yoo ta’e malee gara siyaasaatti wayita seenan hin arginu. Ati maaliif siyaasatti seenuu filatte?
Mikaa'el yaadataa: Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti hariiroon seera qabeessi kan eegale bara 1906. Haata’u malee hanga ammaatti mootummaa biyyattii keessaa seenee qaamni bakka nu bu’e hin jiru.
Siyaasa US keessa seenee Afrikaa waliigalaaf nama dubbatu tokkollee hin arganne. Kanaaf jechan baroota afran darban keessa mootummaa paartii warra Rippaablikaaniin durfamu deeggaruudhaan ofiis dorgomuu jalqabe. Mootummaan duraan tures akkan as ga’uuf baayyee na gargaare.
BBC: Paartiin Dimokiraatii paartii warra gurraachaa jedhamee hubatama. Ati maal yaaddee paartii warra Rippaablikaan seente?
Seenaa Ameerikaa keessatti warri gurraachota bilisa baasan warra paartii Rippaablikaan. Qabsaa’aan mirga namaa Abraham Linkan kan mirga gurraachotaaf falmee bilisa baase paartii kanarraati.
Ameerikaa keessatti mirga dhala namaa, keessattuu gurraachotaaf falmuun kan beekaman qabsaa’oti akka Martin Luutar Kiing, Fireedrik Daagulas fi kaanis Ribbaalikaanota turan.
Dimokiraatonni fudhatama argachuuf jecha seenaa kana dogoggoraan hubachiisan malee mirga dhala namaaf dhugaan kan dhaabbate paartii Rippaablikaan. An kana hubadheen itti seene.
BBC: Imaammati Tiraampifaa hordofan biyyoota Afrikaa biratti guddoo hin deeggaramu. Keessattuu waa’ee godaantotaa irrattifaa Tiraamp baayyee komatama. Baayyee tuffatee arrabsa turefaa. Ati ammoo baqattummaan biyya sana seentee amma paartii baqattoota tuffatuu fi arrabsu tumsitee waliin dorgomaa jirta? Kun akkamiin walfaana deema?
Mikaa'el Yaadataa: Lakki, animmoo kanin hubadhe paartiin Ribbaalikaan paartii mirga namaa, mirga maatii eeguutti amanuudha. Paartii nama as dhufee karaa seera qabeessaan jiraatuuf mirga guutuu kennuudha.
Martin Luutar, Abraham Linkan, Fireedrik Daagulaas fi qabsaa’ota mirga dhala namaa gurraachota walaboomsantu paartii kana uuman. Paartii dhugaati. Yoo itti siqanii sirriitti xiinxalanii hubatan paartiin akka Afrikaatti paartiin deeggaramuu qabu paartii kana.
An isa kana sirriitti qayyabadheera. Haata’u malee Tiraamp nama tokko, inni daldalaadha. Siyaasa xaxaa waan hin beekneef waan dhugaa tokko yoo sammuusaatti dhufe kallattiimaan dubbata.
Siyaasi Ameerikaa ammoo akkas miti. Keessattuu baqattootatti baayyee taphatu. Waan muraasa dura qabanii jaanjessu. Waan myraasa itti kennanii mootummaa biyyasaanirratti akka ka’an godhu.
Akkas gochuudhaan baqattootaaf isaan qofti akka waan filatamoo ta’aniitti hubachiisan. Baqataa sirriitti dhugaadhaan hin gargaaran. Ni sobu, ni guyyoomsu malee.
Tiraamp ammoo shira siyaasaa kana oofuu hin fedhu, kallattumaan dubbata. Baqataan inni baanu baqattoota rakkatanii gara Ameerikaa dhufan kunneen miti.
Baqataa fakkaatanii humna cimaadhaan karaa kibba Ameerikaarraa kan seenantu jiru. Isaan mootummaadhaafiyyuu yaaddoodha. Eeyyama jireenyaas hin qaban. Baayyee hamoodha. Hojiinsaanii nama ajjeesuudha. Malee baqattoota warra Itoophiyaa fi Afrikaarraa rakkina baqatan miti dubbiin Tiraamp haasa’u.
BBC: Garuu baqataa kamiif bakka akka qaban kamiin ammoo akka tuffatan yookiin Ameerikaa keessaa baasuuf akka deeman wanti adda ba’ee beekamu hin jiru. Ati waan siyaasa isaa kana itti dhiheenyaan hubatteef beekuu dandeessa. Garuu maqaan baqataa gaafa ka’u kan daran rifatan biyyoota Afrikaati. Ati kun sirrachuu akka qabu sitti hin mul’atuu?
Mikaa'el Yaadataa: Sitti himeera bar. Tiraamp baqattoota nagaa ta’an dhugaadhaan gargaaruuf nama ejjennoo qabu waan inni ta’eefan paartiisaa keessa seenee miseensa Kongireesii ta’uuf dorgomaa jira.
Kan inni jedhu baqattoota warra seeraan ala socho’an, warra eeyyama jireenyaa, waraqaa eenyummaa tokkollee hin qabnee fi yakka hojjechuuf deemaniidha. Malee baqattoota rakkoo diinagdeef as dhufan miti.
Anillee yoon filame baqattootaaf gargaarsa barbaachisu taasisuu malee kaayyoo biraa hin qabaadhu. Paartiin Rippaablikaan akka warra Dimokiraat maallaqa ramadee biyyoota wal in ficcisiisu. Dhugaadhaan rakkataa gargaara.
Tiraamp waa’ee baqattootaa, waa’ee Afrikaa waan badaa dubbate jedhanii wayita namoonni keenyallee dubbatan dhagahaan ture. Garuu warri Rippaablikaan gargaarsatti amana.
Gargaarsa fakkeessaa osoo hin taane isa dhugaa. Tiraamp Afrikaan gargaaramuu akka qabdu amana. Yoo gargaaruu bannellee keessaa seennee rakkoosaanii hammeessuu hin qabnu jedha. Anis kanumaafan as keessa seene.
BBC: Ameerikaan imaamata dhimma alaasheetiinis ni komatamti. Dhimma biyyoota addunyaa garaagaraa keessaa seenuun burjaajessuun ni komatamti. Ati kanarratti ejjennoon kee maali? Yoo filatamtee uummata Meeriilaand bakka buute kana sirreessuu keessatti ga’ee ni qabaattaa?
Mikaa'el Yaadataa: Imaammata alaarratti imaammata Rippaablikaaniin deeggara. Dantaa Ameerikaaf dursa kenna (America First.) Dhimma biyyoota addunyaa keessa seenuun doolaara biiliyoonaan dhangalaasanii kan dubbii laaqan warra dimokiraatotaati.
Fakkeenyaaf dhimma Liibiyaa, Yaman, Siiriyaa, Gaazaa, Yukireen keessa seenuun kan walitti hammeesse bulchiinsa Dimokiraatotaati. Dursaan Rippaablikaanii- Doonaald Tiraamp Ameerikaan dhimmasheerratti haa xiyyeeffattu jedha. Biyyoonni walitti bu’iinsi keessatti uumamaa jiru ammoo fedhiisaaniitiin walitti yaa araaraman jedha.
Hedduunsaanii uummata walfakkaataniidha. Fakkeenyaaf Yukireen fi Raashiyaan uummata waan hundaan walitti dhihaataniidha. Uummanni Yukireen uummata Ameerikaa caalaa Raashiyaa waliin waa hedduu qooddatu. Isa kana Tiraamp jarumti walitti haa araaraman jedha.
Yoo fedhiin jara lamaanii dhugaadhaan ilaalcha keessa galfame sa’atii 24 keessatti araaramu jedha. Maallaqi Ameerikaa biyya sanatti dhangala’uun hin oolle. Uummanni Yukireen garuu ammallee rakkoo jala jira. Lolichas hin moone.
BBC: Baqataa taatee US seentee hanga siyaasa biyyattii keessa seentee dorgomuutti akkamiin geesse? Kaadhimamaa taatee dorgomuuf adeemsa galmeerraa hanga ammaatti bu’aa bayii akkamii keessa dabarte?
Mikaa'el Yaadataa: An bara bulchiinsa Pirezidant Obaamaa sana bulchiinsa Ameerikaarraa abdiin qaban ture. Afrikaa, Itoophiyaa, uummata keenyallee ni gargaara ture.
Baqattoota Ameerikaa jiranillee ni gargaara jechuun amanitin irraa qaban ture. Marsaa lammataa wayita filamu namni gurraachi tokkichi pirezidantii ta’ee kaan garuu hundi warra adii akka ta’anin hubadhe.
Nut ikan feenu namni keenya baay’inaan bulchiinsa US keessa akka seenudha malee nama tokkittii pirezidantii godhanii waajjira mootummaa hunda hojjettoota adiidhaan guutuu miti. Kanaafuu haalli Dimokiraatotaa kun naaf ta’uu dide.
Haalli kun hanga bara 2016 ture. Barri sun Tiraamp gara aangootti yeroo dhufaa turedha. Yeroo sana keessa namni baayyeen hojii dhabee ture. Barattoonni yunivarsittiirraa eebbifamanii hojii malee taa’u. Animmoo yeroo sana waajjira geejjibaa Varjiiniyaa keessan hojjedha.
Kanaafuu jijjiirama uumame kana keessa seenee waan humni koo danda’u sirreessuufan murteesse. Namni afaan keenya dubbatu, rakkoo nama keenyaa hubatu akkamiin bulchiinsa US keessa seena kan jedhu durumaanuu keessa koo ture.
Haaluma kanaan bara 2016 dorgommii bulchiinsa (governor) Meeriilaand keessa seene. Miseensa duula filannoo ta’een waliin sochii eegale. Paartiin Ripaablikaan kan qabsaa’ota akka Martin Luutan Kiing fi Abrahaam Linkan fa’iin beekamu kan dhugaa malee soba hin qabnettin makame.
Ji’a shan booda wayita duulli Tiraamp eegalu guutummaatti itti seenee anis duula eegale. Akkuman itti dhihaachaa deemeen ammoo Tiraamp nama dhugaa, nama siyaasa xaxaa hin oofne, nama diinagdee kan rakkoo uummata Ameerikaa sirriitti hubatu ta’uun daran hubadhe.
Aanga’oota jiran keessaa namni kun dhugaa akka dubbatun sirriitti hubadhe. Nama qabeenya qabu waan ta’eef waa irraa argachuuf miti kan inni aangoo siyaasaa barbaadu. Dhugaadhaan uummata gargaaruu barbaada.
Anis bulchiinsa Meeriilaand (Marryland Governor) irraa gara duula Tiraamp Great Again jedhamutti guutummaatti seene. Haala kanaan osoo duula filannoo Tiraamp keessatti sochii taasisuun mo’anne.
Bara 2020 ammoo kaadhimamaa dorgomaa ta’ee Rippaablikaanota keessaa akkan dhihaadhu naaf mirkanaa’e. Naannoon keenya Meeriilaand kaadhimamaa ta’ee akkan dhihaadhu na qopheessan.

Madda suuraa, Michael Yadeta Website
BBC: Rippaablikaanonni paartii warra sooressaati jedhamu. Tiraampis ta’e warri isa deeggaran dureeyyiidha. Inumaa warra maallaqa mootummaa hin feene jedhamu. Ati sooressaa? Akkamiin ulaagaasaanii guuttee bakka si buufatan?
Mikaa'el Yaadataa: Kun dhugaadha. Anis hamma warra Tiraampifaa sooressa yoon ta’uu baadhellee hiyyeessa miti. Kubbaaniyyaa nama bulchuudha. Qabeenya kiyyaanis nan beekama.
Ammoo hiyyeessas sooressas kan of godhu abbaadhuma. Mootorri isaa sammuu keessa jira. Ameerikaan kun ammoo bakka itti hojjettee biiliyeenara ta’uu dandeessu. Yeroo gabaabaa keessatti sooromuu dandeessa yoo hojjette.
An gama kiyyaan yoon sadarkaa biiliyeenaraa ga’uu baadhellee ulaagaa barbaachisu guuteera. Ammoo paartiin kun hiyyeessa ofirraa qabee sooressa qofa ofitti qaba osoo hin taane nama yaada qabu barbaada. Yaada ofitti amanummaa gabbisuu fi hirkattummaa hir’isu barbaadu.
Mootummaarratti hirkachuu hin fedhan. Hojjedheen of danda’ee jiraadha nama jedhu baayyee simata. Biiliyeenara ta’uun dirqama miti.
Namoonni keenya baayyeen silaa akkuma kiyya carraa kana ni argatu turan. Garuu inni barates wayita xumuru galeen Itoophiyaa bulcha jedha malee siyaasa US keessatti hirmaadheen jijjiirama fida kan jedhee yaadu hin argitu. Karaatti ba’anii mootummaa biyya jiru irratti mormii dhageessisuudha hojiinsaanii.
Yeroon asii kaadhimamaa ta’ee filamaa ture ijoolleen Itoophiyaa baayyeen biyyatti deebinee mootummaa taana jedhanii galaa turan. An ammo kaayyoon koo as Ameerikaa keessatti yoon filame Itoophiyaafillee bu’aan buusa jedheen amana.
Yoon seenee hirmaachuu eegale ijoolleen na duuba dhufanillee carraa argatu jedheen yaada. Dhugaadha! dursee sirna siyaasaa US keessa seenuun carroomeera. Namni tokko osoo maallaqa waliti naaf hin qabin, gargaarsa addaa tokkollee otoo Oromoo fi uummata Itoophiyaa as jirurraa hin gaafatin paartiidhumti kun ofiisaatii na filatee kaadhimamaa godhee boordii filannoo US keessaa maqaa Mikaa’el Yaadataa jedhu galchuun anaaf milkaa’ina guddaadha.
BBC: Amma haala irra jirtu yoo madaaltu waan filatamtu sitti fakkaataa? Yoo filatamtehoo maalfaa milkeessuuf kaayyeffatte? Duudhaa ittiin taliigamtuu fi yoo carraa argatte waan hojjechuuf deemtu nutti himi.
Mikaa'el Yaadataa: Amma Ameerikaa keessatti jijjiirami dhufaa jira. Ulaagaasaanii guuteen dorgomaa jira. Nan filatama jedheetan dorgommiitti jira, sana yerootu adda baasa.
Ammoo dhugaa dubbachuuf aanga’aan amma bakka kana jiru nama deeggarsa qabuudha. Nama muuxannoo siyaasaa guddaa qabuudhallee. Duula filannoo wayita gaggeessu Tiraampiin natu hiisisa jedhee dhaadata.
Nama ijoo waliinan dorgomaa jira. Nama Waayit Haawus qabna jedhu waliinan dorgomaa jira. Haata’u malee amma ijoolleen Itoophiyaa baayyeensaanii kaka’umsa argataniiru jedheen yaada.
Magaalota keessatti namni keenya mo’achuu danda’ufaa sababa namni keenya irratti hin hirmaannee fi hin deeggarreef jecha akkanumatti carraa keenya gubaa jirra. Namni keenya amma isa kana hubateera. Yoo hirmaatan namni keenya filamuu akka danda’u hubataniiru. Kanaaf abdiitu jira.
Ammoo yoon filame waan lama sadi nan sirreessa. Inni jalqabaa Meeriilaand keessa lammiilee Itoophiyaa hedduu rakkina keessaa jiran nan gargaara. Kan hidhaman, mana dhabanii kan rakkachaa jiran, maatiisaanii fidachuuf waraqaa galfatanii kan hanga yoonaa hin fidatin jiru.
An yoon filame akka damee mootummaa tokkotti hoji maneen naaf kennamu seera baasuudha. Seera- Bill of Right jedhamu baastaa, irratti sagalee kennisiista (Vote goota), isa booda mirkaneessita (approve).
Keessattuu seera godaantotaa (Immigration Bill) kana qajeelchuu nan barbaada. Maaliif yoo jette namoonni hedduun ammallee natti bilbilanii maatii fi ijoolleesaanii waliin waggoota torbaa fi isaa oliif osoo wal hin argin akka jiran, garana fidachuuf akka rakkatan natti himataa jiru.
Seera Ameerikaa keessatti namni biyya kana gaafa dhufu firootasaa hunda garana fidachuu danda’a. Garuu amma kun ta’aa hin jiru. Maatiin yoo bakka tokko jiraachuu hin dandeenye ammoo biyya kanaa fi biyya sana gidduu jooruutti umriisaa fixa.
Kanaaf Ameerikaa keessa kanneen jiran maatiisaanii fidachuun tasgabbaa’anii taa’anii hojiisaanii hojjechuurratti akka xiyyeeffatan nan hojjedha.
Dhimmi xiyyeeffannaa koo inni biraan ammoo waa’ee maatii fi ijoolleerratti rakkoo jiru sirreessuudha. Biyya kanatti (keessattuu bulchiinsa an keessaa jiru kanatti) ijoolleen umriinsaanii waggaa afurii gadi ta’e mana barumsaatti saalasaanii geeddarachuu akka danda’an seerri ba’ee jira.
Mootummaan osoo maatiin hin beekin saala ijoolleen barbaadanitti gaaddaruufii danda’a jedha seerri kun. Kun akka badu gochuun barbaada. Maaliif yoo jette wanni kun Waaqa birattillee biyya lafaa kanarrattillee fudhatama hin qabu.
Beekamtii abbaa fi haadhaa malee ijoollee saalasaanii geeddaruu akka hin dandeenye, ammoo wanti saala geeddarachuu jedhamullee mirga jedhamuu akka hin qabne hubachiisuun barbaada.
Gama diinagdeen ammoo namoonni keenya qacaramuurratti hundaa’uu qofa osoo hin taane hojii mataasaanii eegalanii akka hojjetan xiyyeeffannaadhaanin hojjedha.
Imaammata biyya alaarratti ammoo mootummaan Ameerikaa gonkumaa biyya namaa keessa akka harka hin galfanne gochuuf nan qabsaa’a. Yoo gargaarsaaf ta’e malee dhimma biyyootaa keessa seenanii jeequun sirrii akka hin taane hubachiisuu, tarkaanfiin danda’u fudhachuudhaan nan hojjedha.
Ameerikaan biyyoota Afrikaa akkasaan of danda’anii siyaasaa fi diinagdeesaaniirrattu murteeffataniif gargaaruu yoo ta’e malee olaantummaan dhimma Afrikaa dursuu akka hin qabne jalqaba harka baasee kan falmu ana.
BBC: Lammiileen biyyoota biroo, keessattuu Afrikaafaarraa gara US wayita deeman maallaqa ni argatu garuu qabeenya guddaa horatanii akka kee kana humna horatanii hanga siyaasa Ameerikaa keessaa seenuun dorgomuu hin ga’an. Kun yeroo ta’u baay’inaan hin arginu. Ati akkamiin milkoofte?
Mikaa'el Yaadataa: An yeroo kootti seeraan fayyadameera. Xiqqummaarraa xiinsammuun kiyya hiyyummaa keessa hin turre. Sooromuu jechuun qarshii biiliyoonaan qabaachuu miti. Sooromni fayyaadha, sammuu qabaachuudha.
Isa booda gara maallaqa argachuutti deemta. Ameerikaa keessatti ammoo hojjetanii maallaqa argachuun hin ulfaatu. Waanti guddaan fayyaa fi sammuu qabaachuudha.
Elon Mask Afrikaa Kibbaarraa dhufee halkan tokkotti raajii hojjete. Amma fiixee tujaarotaati. Ani ammoo Itoophiyaarraa dhufee yoon hojjetadhee maallaqa hin argadhu ta’u maal hiikisaa? Seenaa jireenya kootii ammoo bal’inaan bifa kitaabaan qopheessaan jira.
BBC: Ati siyaasa baratteetimoo siyaasatti kan seente? Mee waa’ee barnoota keetii nutti himi. Maal baratte, eessafaatti baratte?
Mikaa'el Yaadataa: An injinariingiin baradhe. Digirii jalqabaa Bostanitti (Yuniversitii Harvaard, 2012), digirii lammataa (MA) ammoo mana barumsaa teeknooloojii- Newjersy Institute of Technology jedhamuttin bara 2019 baradhe. Digirii sadaffaa (PhD) Yunivarsitii Nazarene (Nazarene University) jedhamuttin barataa jira.
BBC: Injinara ta’anii siyaasa keessatti hirmaachuun kun akkami? Namni ati waliin dorgomtu nama siyaasa barate akka ta’e nan amana. Osoo siyaasa hin baratin siyaasa keessatti dorgomuun qormaata sitti hin taane?
Mikaa'el Yaadataa: Dhugaadha! An hojii ijaarsaarrattin xiyyeeffadhee hojjedha. Nama siyaasa barate qofatu biyya bulchu waan jedhutti an hin amanu. Namni keenya barachuu akka qabu nan amana, garuu kaayyoo tokko bira ga’uuf dirqama gosa barnootaa kanatu achi na geessa jedhanii sanarratti hirkachuun sirrii miti.
Addunyaan ammaa hojii qabatamaa barbaaddi. Tiyoorii miti. Dhugaadha siyaasa barachuu dhabuun siyaasa deemsisuu keessatti na rakkiseera. Warri waliin dorgomnu warra siyaasa baratanii fi muuxannoo yeroo dheeraa qabaniidha.
Inni kun warra siyaasa xaxaa gaggeessaniif ta’a. Nuti ammoo xaxaa siyaasaa osoo hin taane waan hojjetamuu danda’u qabannee dhihaanna. Siyaasa hojiin mul’atu jechuudha.
Diinagdee fi siyaasa addunyaan kun itti jirtu beeknaan, kaan ammoo dirqama uummati sagalee siif kenne sitti kennate bakkaan ga’uudha. Kanarraa kan hafe nama saayinsii siyaasaa waggaa dheeraaf gadi qabee barate ta’uu qabda jedhee hin amanu biyya bulchuudhaaf.
BBC: Kubbaaniyyaawwan akka hooggantu nutti himteetta. Kubbaaniyyaa akkamiifaa, eessaa qabda? Yoom hundaa’an? Waa’ee kubbaaniyyaawwan kee waan muraasa nuuf kaastaa?
Mikaa'el Yaadataa: Kubbaaniyyaawwan laman qaba. Delta Engineering Group LLC kan jedhamu hojii dizaayinii fi to’annoo (supervision) hojjeta. Kilimanjaro Constrution kan jedhamu ammoo kontiraaktara. Bara 2008 asuma magaalaa Meeriilaand keessatti hundaa’e. Itoophiyaa keessatti ammoo 2018 hundaa’e.
BBC: Gama siyaasaan qofa osoo hin taane gama diinagdeenis cimtee hojjetaa akka jirtu nutti himte. Ammoo ati nama umriin baayyee deemellee miti. Ameerikaa qofa osoo hin taane biyyoota Afrikaa fi Itoophiyaa keessattillee hojiiwwan misoomaa akka hojjettu quba qabna. Hojiiwwan misoomaa hojjetaa jirtu irraa muraasa nutti himtaa? Ammoo gama kanaan waan yaadde hagam milkeessite?
Mikaa'el Yaadataa: Afrikaan hojii ijaarsaan (Construction) seenaa dheeraa qabdi. Qarooma addunyaa keessatti ijaarsonni biyyoota Afrikaa ga’ee guddaa qabu. Piraamiidii Masrii fudhachuu dandeenya. Itoophiyaanillee ijaarsaan addunyaarratti seenaa hangafa ta’e qabdi. Siidaa Aksum akka fakkaanyaatti eeruu dandeenya. Kaanis jiru.
Garuu kan hojjetan biyyoota alaati. Isaan ammoo waan ijaaran irra waan isaan fudhatantu caala. An kana keessa waanan beekuuf garaatu na gubata yeroo hunda. Warri alaa maaliif dhufanii ijaaran jechuun koo osoo hin taane maaliif injinaroonni Afrikaa dammaqanii hin hirmaatan kan jedhun yaadaa ture.
Gaaffii kanaaf taa’ee qaama wayiirraa deebii eeguurra jedheen ofiima kiyyaa hojjechuu eegale. Eeyyama ijaarsaa baafadheen gara Afrikaatti qajeele.
Jalqaba biyya ollaa Itoophiyaa taate, Keeniyaa, irraan eegale. Ijaarsa daandiiwwan gurguddoo magaalaa Naayiroobii keessatti hirmaadheera. Akka fakkeenyaatti eeruuf daandii guddicha Keeniyaataa jedhamurraa hanga adda babayii Laangaataatti akkasumas daandii guddicha biyyattii akka Baha Afrikaatti beekamu- Daandii Tikaa (Tika Highway) hojjedheera.
Achii booda gara Zaambiyaa deemee warra Poorchugaal waliin ta’uudhaan daandiiwwan gurguddaa afur hojjedheera. Kana keessatti lammiilee Itoophiyaaf maallaqa gaarii kaffalee hojjechiiseera. Weerarri koronaavaayirasii dhufee pirojektoonni cuccufamuu dura akkas ture.
Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiiramaa amma biyya bulchaa jiru erga dhufee yeroo koo gara caalu achi dabarsuun hojiillee hedduu hojjetaan jira. Karoora bal’aas qaba. Eeyyamas argadheera.
Ijaarsa daandiiwwan gurguddaaf caalbaasiiwwan gurguddaa hanga doolaara miiliyoona 100 olii ta’an dorgomaan jira. Daandiiwwan asfaaltii akka Baalee- Roobee- Gindhiir, naannoo Amaaraa keessatti ammoo Amblaa- Chaaginii kanneen jedhaman dorgomaa jirra.
BBC: Afrikaa keessatti karoorri kee ijoon maali?
Mikaa'el Yaadataa: Akkuman duraan jedhe Afrikaa keessa hojiiwwan ijaarsaa hedduutu jiru. Kanneen hojii kanarratti hirmaatan keessaa dhibbeentaa 70 kan caalan lammiilee alaati.
Uummanni keenya Afrikaa fi Itoophiyaa keessaa hojii dhabee baqata, lammiileen alaa ammoo carraa jirutti fayyadamanii milkaa’aa jiru. Ani Finfinnee keessatti milkaa’e isa kanan sirreessa.
Ani lammii Ameerikaati. Qomoon koo ammoo Afrikaa, Itoophiyaa, Oromoodha. Waanan ittiin jiraadhu hin dhabne. Garuu waan danda’uun bu’uura koo Afrikaa gargaaruun barbaada.
Keessattuu Itoophiyaa keessatti irra caalaa kan amanaman Chaayinaa fi biyyoota alaa kaani. Waan nuti faayidaa wayii barbaacha biyya deemne kan itti fakkaatu jiru. Kun hojii keessatti qormaata guddaadha.
Ani gara Afrikaa kanan dhufe faayidaa barbaacha miti. Hanga humna koo uummata keenya gargaaruufani. Yoon guutummaatti milkaa’ee Afrikaa keessatti hundee jabeeffadhe sadarkaa Afrikaatti ijaarsaawwan gurguddoo keessatti hirmaachuun fedha.
Afrikaan daandiiwwan ijaaramuu qaban hedduu qabdi. Kanneen daangaa qaxxaamuran hedduudha. Fakkeenyaaf pirojektiin daandii guddicha biyyoota Afrikaa qaxxaamuruu tokko kan qarqara Rippaablika Afrikaa Kibbaa magaalaa Cape Town irraa hanga qarqara Kaaba Afrikaa magaalaa Raabaatitti fulla’u hin hojjetamin jira.
Kan Cape Agulhas irraa gara biyyoota lixa Afrikaatti fulla’us hin hojjetamne. Pirojektiiwwan kunneen keessatti tarii yoon dorgome namoota Afrikaa hedduu hojii nan galcha amantii jedhun qaba. Yoo carroomnee pirojektii kana moone namoota 500 caalaniif carraa hojii uumuu dandeenya.
BBC: Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa humni barate hojii argachaa hin jiru. Biyyoota Afrikaa fayyaduuf dhufte yoo ta’e dargaggoota Itoophiyaa baratanii carraa hojii dhabaniif maal qabda?
Mikaa'el Yaadataa: Leenjii gaggabaabaa kenneefii hojiitti galchuuf karooran qaba. An xiyyeeffannaan kiyya digirii isaanii miti. Leenjii hojii qabatamaatti isaan galchutu barbaachisa. Ammoo of danda’anii hojjechuun kaaniifis carraa uumuu akka danda’an karooran qaba.
Kanaan dura gurbaan yuniversitii Finfinneetti leenjise tokko Jarmanii deemee hojii gurguddaarratti hirmaataa jira. Nama qacaruufillee humna horateera. Yeroo itti aanutti namoota akkasii 30 leenjisee gara Jarmanii erguuf karooran qaba.
Ijoolleen keenya baqattummaa keessaa akka ba’an gochuun barbaada. Keessattuu yuniversitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran tiyoorii sammuu ijoolleetti fe’uun burjaajii uumuu caalaa hojii qabatamaa barsiisuurratti xiyyeeffachuu akka qaban ga’ee kiyya ba’achaan jira.
Ogummaa yeroo gabaabaa keessatti baratanii gara hojiitti seenan irratti xiyyeeffachuu qabu. Yoo akkas ta’e ijoolleen hojii barbaaddota osoo hin taane hojii uumtota ta’u. Yuniiversitootaaf yaada kana dhiheessinaan atumti eegali naan jedhan. Haala kanaan Finfinnee keessatti yoo xiqqaate nama 100 barsiisuudhaaf karoora baaseera.













