Waa’ee dhalataa Itoophiyaa icciitii Ameerikaa Itoophiyaaf kenne jedhamee hanga ammaa maal beekna?

Waajjira Haqaa US

Mootummaan Ameerikaa ifatti jechuu baatulleen dhalataan Itoophiyaa Abrahaam Takluu Lammaa jedhamu, icciitii waraanaafi tikaa gara Itoophiyaatti dabarsaa ture jedhamuun ijoo dubbii ta'eera.

Kanaan dura odeeffannoowwan icciitiin mootummaa Ameerikaa naasisan miliqfamanii bahan kan turan miidiyaa akkasumas biyya faallaa Ameerikaa dhaabatan jajjaboof ta'unsaa taatee ammaa kana adda taasiseera.

Yeroo garaa garaatti odeeffannoowwan icciitii waraanaa, nageenyaafi teeknoolojii Ameerikaa miliquun ykn yaaliiwwan miliquu akka turan gabaafamaa turan.

Kanaaf ammoo, yeroo heddu morkattoota Ameerikaa kan ta’an Raashiyaafi Chaayinaan maqaansaanii kan dhahamu yoo ta'u, biyyoonni Awurooppaa michuushee ta’anis kana keessaa harka akka qaban ni dubbatama ture.

Kanaafiidha dhalataan Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta’e Abrahaam Takluu to’annoo jala ooluu hordofee, miidiyaalen biyyattii odeffannoo icciitii Ameerikaa Itoophiyaaf kennaa ture jedhanii gaabasun mata duree dubbii kan ta’e.

Tarree himannaa mootummaan Ameerikaa shakkamaa Abrahaam Takluurratti bane abbaa fuula 16 irratti, shakkamaan ALI Muddee 2014- Hagayya 2015tti odeeffannoowwan tikaa koppii gochuun (garagalchuun) mallattoolee icciitii sanadootarra jiran balleessera jechuun himate.

Galmeen himataa kunis odeeffannoowwan icciitii Ameerikaa biyya kamiitti akka erge ifa kan hin goone ta’us, garuu ammoo kan biyya fi naannoo tokkorratti xiyyeeffatee ta'usaa fi odeeffannoowwan icciitii waraanaa dhaabbata tikaa biyya biraatiif dabarfamee kennuusaa ibsa.

Himanni garaa garaa Abrahaam Takluurratti dhiyaate kun yoo mirkana ta’e, du'a ykn hidhaa waggaa 10 hanga umurii guutuu kan adabsiisu ta'un himameera.

Waa'ee dhalataa Itoophiyaa Abrahaam kan beeknu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abrahaam Takluu Lamma dhalataa Itoophiyaa lammii USti. Gaheessi ganna 50 ta’e Abrahaam jiraataa Siilvar Ispring, Meerilaand yoo ta'u, ogeessa ICTti.

Abrahaam bara 2013-2016tti achuma Ameerikaa yunivarsitii Booltiimoorii keessatti barnoota Ifoormeeshin Siistamii fi Teeknoolojii barate.

Ogummaa barate kanaan eegaan biirolee Ameerika garaa garaa keessa hojjachuun odeeffannoowwan icciitii biyyattii akka argatuuf carraa uumeef.

Abrahaam waggoota shan dura carraan kun umamuufiin dura, Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa keessatti, kutaa odeeffannoofi qorannoo keessatti ogeessa teeknikaa ta’ee ramadamee hojjataa ture.

Ittaansuun ammoo waajjiruma sana jalatti Waajjira Blchiinsa Infoormeshin Teeknolojii Washingitan keessatti hojjataa bulchiinsaa ta'e.

Hagayya ALI 2013tti ammoo waajjiricha keessatti hojiiwwan odeeffannoo icciitii ta'an waliin wal qabatan irra akka hojjatuuf hayyama argate.

Caamsaa, 2014 ALI'tti gara Waajjira Haqaa Ameerikaatti jijjiiramuun hojii eegale.

Baruma sana baatii Hagayyaa irratti gara Wajjira Dhimma Alaatti deebi’ee hojii itti fufe.

Yeroo kanattis Mudde 10, 2015 fi Hagayya 1, 2015 jidduutti, yoo xinnaate sanadoota icciitii 85 dhimmoota garaa garaa irratti xiyyeeffatan garagalchuun fudhateera jedhamuun to’atame.

Abrahaam waggoota lama darban keessatti si’a lama gara Itoophiyaa deemee odeeffannoo icciitii US Itoophiyaaf qooduu hin oolu kan jedhus himata kana keessatti eerameera.

Abrahaam gochaawwan raawwachuun ittiin shakkameen waggoota darban lama keessa yeroo lama gara biyya dhalootasaa Itoophiyaa imalee akka ture ibsameera.

Dhimmoonni kunneenis kan himannicha irratti eeraman yoo ta'u, wal jijjirraan namni kun taasises Itoophiyaa waliin ta'uu akka hin oolle himameera.

Abrahaam Takluu ALI Guraandha 2, 2014 akkasumas bara darbe ayyaana Faasikaatiin dura Ebla 4, 2015tti gara Itoophiyaa imalee akka ture himame.

Adoolessa 18, 2015 ALI’tti bakka buutota FBIn to’annaa jala kan oolfame Abrahaam, himannaan odeeffannoo waraana biyyaalessaa biyya biraa gargaaruuf jecha dabarsuuf hojjachuu akkasumas ta'e jedhee odeeffannoo waraanaa dhunfaatti qabachuu jedhan irratti dhiyaataniiru.

Dhuma torbee darbeetti ammoo himanni ifatti irratti kan baname yoo ta'u, gochaawwan basaasaa raawwateera jedhaman tarreeffamaniiru.

Innis odeeffannoowwan icciitii dabarsee qooduu fi qondaala tikaa biyya biraa wajjin wal-arguufi kanumaan wal-qabatees maallaqa argachuun ibsameera.

Haata'u malee duraan ta'e amma yeroo himannichii ifa ta'eetti, odeeffannoo icciitii mootummaa Ameerikaa sababii hojiisaatiin argate biyya kamiif dabarsee akka kenne ifa hin taasifamne.

Garuu ammoo miidiyaaleen biyyattii shakkamaan kun odeeffannicha dabarsaa fi walitti dhufeenya taasisaa kan ture gara Itoophiyaafi qondaala Itoophiyaa waliin ta'u gabaasan.

Sanada himannichaarratti Abrahaam Takluu gara biyya dhalootasaa irra deddebiidhaan imaluufi achittis qondaala waliin wal arguun ibsame.

Kanas ta'u hanga ammaatti waa'ee shakkamaa kanaa fi waa'ee biyya wal qunnamaa ture jedhamee mootummaan Ameericaa odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Miidyaaleedhaan maqaanshee kan dhahame Itoophiyaanis dhimmicharratti deebiin kennite hin jiru.

Waa’ee walitti dhufeenya Abrahaam kan beeknu

Tarree himannaa mootummaan Ameerikaa dhiyeessee irratti dhaabbilee biyyattii adda addaa keessatti sandoota, suuraalee, yaadannoowwan, kaartaalee, fakkiiwwan saataalaayiitii fi kaan odeeffannoo ittiisaa ‘‘icciitiidha’’ jedhaman, ‘‘biyya dhimmisaa ilaalatu fi biyyoota ollaa waliin wal qabatan’’ guyyoota adda addaatti dabarsee keennuutu ibsame.

Abrahaam Takluu qondaala biyya karaa appii ergaan ittiin daddabarseera jedhameen waliin, sochii hidhattoota biyyattii keessatti mootummaa mormudhaa socha’an ilaalchisee marii taasisuutu ibsan.

Walitti dhufeenya tokkoonis taatee biyya jedhamee keessa jiruu ilaalchisee qondaaltichaan ‘‘gareenkee kana xinxaluudhaan waan tokko haa raawwatu’’ jechuun gorsa kennu ibseera.

Ergaa gara biraa wal jijjiraniin ammoo qandaaltichaan, ‘‘gama kana dura dhaabachuutiin…irra deebii’ee akka hin umamneetti…jijjirama cimaa arganneerra… guyyoota muraasa keessatti sadarkaa murtteessaa irra ni geenya… Osoo adda baaftee maal gochu akka dandeenyuu na beeksiifte garuu ta’a,’’ jechuuniisaa himannicharratti barraa’eera.

Haaluma walfakkaatuunis qondaaltichi, ‘‘gara fuulduraatti izzii bobba’eefi jidduugala dhiyeessitii beekuun faayidaa qaba,’’ jechuun gaaffii kan dhiyeesseef yoo ta’u, Lammaanis eddoowwan biyya jedhame keessatti argaman ilaalchiisuun marii taasiseera.

Marii gara biraatiin ammo qondaaltichi dhimmoota jidduugala dhiyeessitii finciltootaa fakkaata irratti Lammaa irraa odeeffannoo akka barbaaduu akka ibseefi deebiisaatiinis, ‘‘Eeyyeen, torban kana guutuu isumarratti xiyyeeffadheen ture…’’ jechuusaa eereera.

Himannichi dabaluunis Abrhaam suuraaleen ‘‘mandara loltummaa’’qondaaltichaaf erguusaa, Fulbaana bara darbee keessa ammo qondaaltichi, ‘‘yeroo deeggarsa kee itti fuftuudha’’ jechuun ergaa akka ergeef ibseera.

Abrahaam deebiisaatiin, ‘‘fudhadheera!’’ jechuusaa kan eere yoo ta’u, marii gara biraatiin qondaaltichi, ‘‘biyyi bareedduun tun yeroo hunda namoota addaa seenaa boonsaa eegsiisuuf lubbuusaanii haarsaa taasisan qabdi. Bu’aansaa sanas ta’e sana, yeroo hunda ni yaadatamta,’’ jedhuun dinqisiifannaa isaa akka ibseef galmee himannichaa irratti kaa’ameera.

Waa’ee himannaa itti murtaa’u malu irratti kan beeknu

Seenaa odeeffannoo icciitii loosanii baasuu Ameerikaa keessatti, isaan mummeedha kan jedhaman isaan itti aanan shanan kana.

Wikileaks

Madda suuraa, Getty Images

Icciitiiwwan waraanaa Yukireen

Dhaabbilee Waraanaa fi Tike Ameeriikaa keessatti yeroo garaa garaatti odeeffannoowwan icciitii loofamanii bahaa turan.

Torbanootaan duras dhimmi sanadoota icciitii Waajjira Raayyaa Ittisa biyyattii Teentaagan keessaa loofamanii baafamanii hedduun ijoo dubbii ta’ee ture.

Sanadoonni kunneenis waraana Yukireen keessatti gaggeeffamuun wal qabatee, odeeffannoo waraanaa Nato yoo ta’an, kanas hordofuun qondaaltoonni waraanaa biyyoota lixaa qaama icciitiiwwan loosanii baasan bira gahuudhaaf yaalii taasisanilleen hin milkoofneef.

Sanadichis deeggarsa waraanaa Ameerikaafi biyyoonni lixaa Yukireeniif kennan kan tarreessuu yoo ta’u, dabalataanis Ameerikaan Raashiyaafi Yukireen irratti basaasa akka gaggeessituufi akkasumas Ameerikaan sochii waraana Raashiyaa saatalaayitiidhaan attamiin akka hordoftu ifa taasisuun isaa gabaafameera.

Odeeffannoowwan Ediwaardi Sinowudan

Odeeffannoowwanicciitii hojjataa tikaa kan ture Ediwaardi Sinowudan ifa godhe mootummaa Ameerikaa keessatti balaa cimaa uumee ture.

Sanadiiwwan hojjataan dhaabbata tika biyyaaleessaa Ameerikaa ture Ediwaardi Sinowudan loosee baaseerratti mootummaan Ameerikaa hordoffii lammiilee nagaa irratti seeraan ala gaggeeffamu, Gamtaa Awurooppaa dabalatee, basaasa biyyootaa fi imbaasoota irratti gaggeessitu z=saaxileera.

Ediwaardi Sinowudan erga icciiticha ifa taasiseen booda Ameerikaadhaa gara Hong Koongiitti kan baqate yoo ta’u, booda ammo gara Raashiyaa kan diina Ameerikaa taatee gale. Ameerikaanis odeeffannoowwan mootummaa ta’an hatuu fi badiiwwan gara biraatiin himannaa irratti banera.

Edwaard Snowden

Madda suuraa, AFP

Sanadoota Peentaagan

Waraanaa Veetinaam kan Ameerikaa rakkoo cimaa keessa galchee ture ilaalchisee qorannoon waraanaa gaggeeffame, icciitii cimaan wagga 50 dura loofamee bahuun gaazeexaa Niiw Yoorki Taayiimis akka qaqabu taasifamee ture. Kunis mootummaa Ameerikaa irratti mormiifi qeequmsa cimaa hordofsiisee ture.

Akkasumas icciitiin waraan kun osoo gaazexichaan ifa hin taasifamiin dura, mootummaan Ameerikaa mana murtiitiin akka dhorkamu taasisuulleen yeroo muraasaan booda dhorkichi ka’un maxxanfameera. Kunis mootummaafi gaazexoota biyyattii jidduutti wal gaarreeffannaafi walitti bu’iinsa cimaa uummee ture.

Sanadoota waraana Iraaq

Juuliiyaan Asaanjaaniin kan durfamu Wiikiiliiksi looltoonni Ameerikaafi kan deeggartoota ishee, sanadoota icciitiiwwan waraanaa gochaawwan Iraaqi keessatti raawwatanii tarreessuu ifa baase. Odeeffannoon kunis badiiwwanii fi sarbama mirgootaa Iraaqi keessatti raawwataman saaxila.

Sanadoonni loofamanii baafaman 400 ta’an kunneenis gabaasaalee waraanaa yoo ta’an, lammiilee nagaa Iraaqi kuma 60 ta’an humnoota gamtaa waraanaa Ameerikaan durfamuutiin ajjeeffamuu fi dararawwan mana hidhaa keessatti raawwataman dabalatee odeeffannoo icciitii hedduu ifa taasise.

Odeeffannoon kunis dhimma waraana Ameerikaan Iraaqi keessatti gaggeessite ilaalchisee deeggarsa ummataa hir’ataa ture caalaa akka kufu taasiseera. Obaamaan waraanaasaa baasuudhaaf wayita beeksiisaniitti deeggarsa olaanaa argatan.

Basaasa Roobarti Haansan

Waajjira Tika biyyaaleessaa Ameerikaa (FBI)n keessa waggoota 25’f kan hojjatan Roobarti Haansan waajjiraalee odeeffannoo Gamtaa Sooviyeetiifi Raashiyaatiif basaasaa akka ture beekamunsaa taatee ijoo gara biraa ture.

Namni kunis hanga irratti baramuutti, karoora icciittii waraana Ameerikaa kumaatamaan lakkaa’amaniifi taknoolojiiwwan meeshaa waraanaa dhaabbilee tika Sooviyootootaa fi Raashiyaatiif dabarsee kenneera.

Haansan odeeffannoon icciitii loltummaa fi tikaa dabarsee kennuudhaan qabeenyaa gara doolaara miilyoona 1.4 ta’u bifa maallaqaa fi almaazitiin argachuunsaa bira gahameera.