Jireenya Haarisii fi Tiraamp addaa kan kanaan dura argitanii hin beekne

Kaamalaa Haariifi Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Alamy

Duula filannoo Ameerikaa guutuu keessatti filattoonni suuraa kaadhimamtoota lamaan kanneen waltajjii irratti haasaa taasisanii, namoota duulicha irratti hirmaatan nagaa fuudhanii fi xiyyaara keessaa bahaniitiin guutamanii mul'atu.

Kunis garaagarummaa kallattii ilaalcha eenyu akka ta'anii fi eessaa akka dhufan agarsiisuudha.

Dur osoo Waayit Haawus maal akka ta'e illee hin beekiinii yeroo dheeraa dura... Kaamalaa Haaris fi Donaald Tiraamp suuraan isaanii armaan olitti mul'atan lamaan isaanii umuriin isaanii waggaa sadii turan.

Kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa Haaris waggoota jalqabaashee Kaalifoorniyaa Oklaand keessatti kan dabarsite yoo ta’u, kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Tiraamp ammoo kutaa Niiw Yoork Kuuwiins keessatti guddatte.

Haaris (suuraa asiin gadii irratti kan harka bitaa) fi obboleettiinshee Maayaa (kan gidduguu keessa) haadha isaanii kan dhalootaan lammii Hindii, qorattuu kaansarii fi falmituu mirga hawaasummaa kan taatee, Shaamalaa Gopaalaan Haaris'n guddatan.

Abbaan Tiraamp Firiid Tiraamp ilma godaantota Jarmanii yoo ta'an, haatisaa Meerii Anne Maakiliyood Tiraamp ammoo Iskootilaanditti dhalatte. Osoo inni mucaa umurii waggaa 13 ta'ee jiruu Akkaadaamii Waraanaa Niiw Yoorkitti isa galmeessan.

Tiraamp wayita mucaa waggaa 13 jiru Akaadaamii waraana Niiw Yoorkiitti galmeeffame

Madda suuraa, Kamala Harris / @realDonaldTrump

Ibsa waa'ee suuraa, Kaamalaa obbooleettiifi haadhashee fi Tiraamp haadhaafi abbaasaa waliin

Haaris mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kaanaadaa Montiriil keessatti waggaa shan kan dabarsite yoo ta'u, haatishee Yunivarsiitii Maakgiil keessatti hojii barsiisummaa argatte. Boodarra kolleejjii Yunivarsiitii Hawaard Waashingitan DC kana seenaadhaan kan warra gurraacha ta'etti galmoofte.

Tiraamp turtiinsaa waggoota shanan akkaadaamii sana keessatti, kan bara 1959 eegaleetiin, leenjii waraanaa fi dandeettii hoggansa isaa bocuuf akka gargaare dubbatan.

Boodarra sababii barnootaa fi sababii dheeriina lafeesaatiin waraana Veetnaamiin ala taa'e.

Kaamalaa fi Tiraamp

Madda suuraa, Alamy

Haaris umurii ijoollummaashee irraa kaastee barbaachisummaa sochii mirga namoomaa haadha isheetiin kan barataa guddattee yoo taatuu, bara 2004tti duula Bilisummaa Maartiin Luutar Kiing Jr kan Waashingitanitti gaggeeffamu irratti waggaa waggaan hirmaataa turte.

Yunivarsiitii Pensilvaaniyaatti mana barumsaa Waaartoon irraa digriishee erga argatteen booda, Tiraamp ammoo abbaasaanii bakka bu’uun daldala maatii hoogganuudhaaf carraa argatan.

Kaamalaa fi Tiraamp taateewwan garaa garaa irratti

Madda suuraa, Getty Images

Haaris gara Kaalifoorniyaatti bakka itti saffisaan gara sadarkaa olaanaa sirna haqaa yakkaa kutaa biyyattiitti ol baatetti guddachuun hojii haadha alangaa waliigalaa itti fudhachuun, aangoo sanatti fayyadamtee bara 2016tti Seenetii Ameerikaa keessatti dorgomtuu milkooftuu itti taateetti deebiite.

Yeroodhuma isheen itti Kongireesii seentutti, Tiraamp's yeroo jalqabaaf gara Waayit Haawusitti tarkaanfachaa kan turan yoo ta’u, Hilaarii Kiliintan injifachuudhaaf addunyaa ajaa’ibsiisan.

Waggaa sadii booda Haaris duula pirezidaantummaa cimaa hin taane geggeesite. Haata'u malee, dorgommii Dimookiraatotaa irratti kan injifatan Joo Baayideniin akka ittaantuu isaa akka akka waliin dorgomtuuf ishee filatan.

Kanaanis Tiraampiifi ittaanaa ta'uun kan waliin dorgomanii turan Maayik Peensiin injifachuun Joo Baayidan waliin gara aangootti dhufan.

Kaamalaa fi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Dhumni aangoo pirezidaantummaa Tiraamp fi jalqabbii bara aangoo Joo Baayidanii fi Kaamalaa Haariis uggura Covid, ajaja maaskiin fuula haguuggachuu akkasumas jeequmsa hawaasummaa ajjeechaa poolisiin Joorji Filooyid irratti Miniiyaapooliis keessatti raawwate hordofee mudateen kan dabaalame ture.

Kaamalaa fi Doonaald

Madda suuraa, Getty Images

Haaris yeroo tokko tokko ittaantuu pirezidaantii ta'uudhaan baatee mulachuurratti rakkachaa kan turte yoo ta'u, booda garuu bara 2022 yeroo Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa mirga heera mootummaatiin ulfa baasuu dhaabeetti sagaleen ishee dhagahame.

Pirezidaanti Baayidan duula filannoo isaa deggeruudhaaf shaampiyoonaa Waayit Haawus ta'uusheetti gammadanii ture.

Tiraamp ture kan murtii ulfa baasuu dabarseerratti Manni Murtii Olaanaa caalaatti akka dubbii cimsan (konsarvaatiivii) ta'uuf karaa kan bane.

Tiraamp yeroosaa Waajjira Ovaal keessa turanittis US waliigaltee haala qilleensaa Paaris keessaa baasuudhaa fi godaantoota hir'isuuf tarkaanfii fudhate.

Gubbaatti Kaamalaa fi Joo Baayidaniifi dakaan Tiraamp

Madda suuraa, White House / Getty Images

Daawwannaan idil-addunyaa jalqabaa ittaantuu pirezidaantii kan taatee Kaamalaa Haaris ta’een, bara 2021 gara Guwaatemalaatti kan imalte. Kunis qaama itti gaafatamummaa lakkoofsa godaantota Laatiin Ameerikaa daangaa kibba Ameerikaa fi Meksikoo dhaqan akka hir’istuuf itti kennameti.

Dhimmoonni imaammata alaa bara aangooshee ol’aantummaa fudhate ammoo, waraana Yukireen fi okkoora Gaazaa akkasumas loltoota Ameerikaa Afgaanistaan ​​keessaa basuu kan dabalatuudha.

Tiraamp akka pirezidantiitti yeroo jalqabaaf biyya alaa kan daawwatan bara 2017 Sa’udii Arabiyaa ture.

Tiraamp imaammata adda fo'amuu kan biyya isaanii waldhabdee biyya alaa irraa furuu fi indaastirii Ameerikaa guddisuu of keessaa qabu leellisu.

Kaamalaa Haaris fi Tiraamp taateewwan garaa garaarratti

Madda suuraa, Getty Images / Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaris Aab Doug Emhoff (kan suraa armaan gadiirratti mul'atan) kan yeroo hunda bakka ishee bu'ee duula filannoo gaggeessuutti heerumte. Isheen haadha buddeen ykn akkumasheen of waamtuutti "Momala" ijoollee Emhoff , kan inni gaa'elasaa jalqabaa irraa argateeti. Isaanis ijoollee laman, Kool (bitaa) fi Eelaa (mirga) jedhaman qabu.

Miseensonni maatii Doonaald Tiraamp garaa garaas ogummaa siyaasaa isaa keessatti gahee taphataniiru. Haata'u malee bara 2024 keessaa haati warraa isaa Giiftii Dureen duraanii Melaaniyaa Tiraamp duula filannoo irratti mul’achuu murteessitee jirti.

Tiraamp haadha warraasaanii duraanii, Ivaanaa waliin ijoollee sadi horataniiru. Isaanis Doonaald Jr (suuraa gadii keessatti biraarraa lammaffaa), Ivaankaa (mirgatti lammaffaa) fi Eriik (mirgarra) kan jiraniidha.

Akkasumas intala Tifaanii (bitaa) irra kan jirtuu haadha warraasaa lammataa waliin, Maarlaa Maaplees.

Haadha warraa isaa lammaffaa Maarlaa Maaples waliin intala Tifaanii (bitaa) jedhamtu qaba. Haadha warraasaa sadaffaa Melaaniyaaa (sadaffaa bitaa) bara 2005ti fuudhe. Ishee waliinis ilma tokko Baaroon kan jedhamu argateera.

Maatii Haaris fi Tiraamp

Madda suuraa, Alamy / AP

Haaris gara dorgommii pirezidaantummaa bara 2024 keessa kan seente adeemsa yeroon boodaatiin yoo ta’u, isheenis Joo Baayidan duula keessaa erga baheen booda isa bkka bu'uudhaan.

Isheenis dubartii gurraattii fi lammii Eeshiyaa-Ameerikaa jalqabaa dorgommii pirezidaantummaa paartii guddaa kana hooggante ta’uudhaan seenaa hojjettee. Itti fufuuhdaanis walgahii biyyoolessaa Dimookiraatota Chikaagoo, Illinois keessatti gaggeeffame irratti haasaa taasifteetti.

Filannoodhuma kanarratti Doonaald Tiraamp yeroo sadaffaadhaaf paartiisaanii irraa kaadhimamaa pirezidaantii hin baramne argatan.

Innis walgahii biyyoolessaa Rippabilikaanotaa Milwaukee, Wiskonsin keessatti gaggeeffame irratti, yaaliin ajjeechaa lama tibba duula filannootti irratti raawwatame irraa erga lubbuun hafeen booda yeroo jalqabaatiif gurrasaatti baandeejiin hidhamee haasaa taasisee ture.

Gulaallii suuraa kan qopheesse Phil Coomes

Haariifi Tiraamp duula na filadhaarratti

Madda suuraa, Reuters / EPA-EFE

Filannoo US 2024