MM Abiy dabalatee gaggeessitoonni biyyoota garaa garaa ergaa baga gammaddee Tiraampiif ergaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Miniteerri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dabalatee gaggeessitoonni biyyoota hedduu ergaa baga gammaddee Doonald Tiraampiif ergaa jiru.
Tiraamp filannoo Ameerikaa mo'achuu labsuusanii hordofee ergaan baga gammaddee gaggeessitota biyyoota garaa garaa irraa ergamaafii jira.
MM Abiy fuula X gubbaatti :"Pirezidaant Doonald Tiraamp filannoo mo'achuun deebitee dhufuu keetif baga gammadde siin jechuun barbaada!" jechuun barreessa.
Dabaluunis, "Yeroo pirezidaantummaa keetti walitti dhufeenya biyyoota keenya gidduu jiru cimsuuf si waliin hojjachuuf fedhii guddaan qaba" jedhan MM Abiy.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Minitiirri Muummee Israa'eel Beeniyaamin Netaaniyaahuus 'baga gammadde' jechuun gammachuu qaban Tiraampiif ibsan.
"Seenaan deebi'ee waan hojjatameef baga gammadde! Ati Waayit Haawuusitti deebi'uun kee Ameerikaadhaaf barii haaraadha! Walitti dhufeenya Ameerikaa fi Israa'eliif ammoo haaromsa cimaadha," jedhan Beeniyaami Netaaniyaahuu.
Dabaluunis, "Kuni mo'icha gudaadhas!" jedhan.
Netaaniyaahun kaleessa ministeera ittisaa isaanii Yo'aav Gaalant aangorraa kaasun nama biraa bakka buusun isaanii ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministiirri Muummee UK Kiir Istarmar gamasaaniin ergaa baga gammaddee Tiraampif dhaamun waliin hojjachuuf fedhii akka qaban ibsatan.
"Waggoota dhufan si waliin hojjachuuf hawwiin qaba," kan jedhan Kiir Isarmar, "Akkuma michuu taane waliin tanee dhimmoota waloo keenya ta'an kannen akka dimokiraasii, bilisummaafi intarpiraayiizii ittisuu irratti waliin hojjanna" jedhan.
Dabaluunis, "Guddinaa hanga nageenyatti, akkasumas kalaqaafi teeknolojii irratti walitti dhufeenyi UK-US addatti qaban waggoota ittaanan gama lamaaninuu dagaagee akka itti fufu abdiin qaba," jedhan ministiirri muummee UK.
Gagggeessan biraa Tiraampif dafanii ergaa baga gammaddee dhaaman Minitiira Muummee Haangaarii kan ta'an Viktor Orbaanidha.
Viktor Orbaan: "Seenaa siyaasa U.S keessatti kuni deebi'anii dhufuu [deebi'anii mo'achuu] guddaadha" Pirezidaant Doonald Tiraamp baga gammadde siin jechuun barbaada!" jedhaniin.
Tiraamp mo'achuu labsus qabxii filannoo mo'achuu mirkaneessu 270 hin geenye. Sagaleen ammayyuu lakkaa'amaa jira.












