Itoophiyaan miliyeenaroota hangam qabdi? Afrikaa keessaa sadarkaa kamirra jiru?

Gabaasa dhiyeenya baheen Itoophiyaan addunyaarratti biyyoota lammiileen hiyyummaa gosa adda addaa keessa jiran itti baayyatu keessaa sadarkaa sadaffaarra jiraachuun ibsameera. Dureeyyiiwoo hangam qabdi?
Uummata harki 68.7 ta'u hiyyummaa bifa adda addaa qabu (malti-deminsional) keessa jiraata haa jedhamuyyuu malee abbootiin qabeenyaa ''waan qaban akka godhan dhaban'' hin jiran jechuu gonkumaa miti.
Akkuma biyyoota addunyaa biroo Itoophiyaa keessatti garaagartummaan hiyyeessaafi dureessa gidduu jiru Itoophiyaa keessattis akkaan dabalaa jira.
Ofii Itoophiyaan doolaaraan wayita shallagamu miliyeenaroota hangam qabdi?
Gaaffii kanaaf deebii falmisiisaa hin taaneefi mirkanaa'uu danda'u argachuun dhibaadha. Itoophiyaa keessatti ragaan wayee kanaa himu badaa hin jiru. Dhaabbileen Itoophiyaa kana haala qindaa'aan galmeessanis badaaa hin jiran.
Haata'u malee dhaabbileen idila addunyaa ragaalee argatan hanga ta'erratti hundaa'uun galmeessuuf yaalaniiru.
Dhaabbatni Henley & Partners jedhamuufi dhimma qabeenyaafi Investimantiirratti hojjetu gabaasa Top 10 Wealthiest Countries in Africa ji'oota dura baaseen, Itoophiyaan abbootii qabeenyaa doolaara miiliyoona tokkoo ol galmeessan 2,700 qabdii jedhe.
Gabaasichi Afrikaan Kibbaa miliyeenarootaafi biliyeenaroota hedduu qabaachuun Afrikaarraa sadarkaa tokkoffaarra jiraachuu hima.
Itoophiyaan ammoo dureeyyii 2,704 qabaachuun Afrikaa keessaa sadarkaa sagalaffaarra jirtii jedha.
Gabaasichi dureeyyii doolaaraa biliyoona tokkoo ol qaban, kan doolaara miliyoona 100 ol qabaniifi kanneen doolaara miliyoona tokkoo ol qaban adda baase.
Akka gabaasichaatti dureeyyiin Itoophiyaa doolaara miliyoona tokkoo ol qaban lakkoofssaan 2,700 ta'u. Kanneen doolaara miliyoona 100 ol qaban ammoo afuri.
Kanneen qabeenya doolaara biliyoona tokkoo al gahu qaban hin jiran ykn hin galmeessine dhaabbatni Henley & Partners.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan Afrikaa keessatti baayyina uummataa qabu waliin wal bira yeroo qabamu abbootiin qabeenya aqabdu xiqqoodha jedhu dhaabbileen biroon.
Afrikaa kan addunyaarratti uummata hedduu qabaachuun Eshiyaatti aantee sadarkaa lammaffaarra jirtuus sadarkaa idila addunyaatti lakkoofsi biliyeenaroota qabduu baayyee xiqqaadha.
Gabaasni Bloomberg Billionaires Index Addunyaa guutuutti hamma qabeenyaa dureeyyiin addunyaa qaban tilmaamee sadarkaa itti baasa.
Akka ragaa dhaabata kanaatti dureeyyii addunyaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu qaban 500 keessa maqaa dureeyyii Afrikaa jaha qofatu jira.
Aliikoo Daangootee Naayijeeriyaarraa, Joon Ruuppeertiifi maatiisaa, Niikii Opeenhaayimeerfi Natiiy Kiirsh Afrikaa Kibbaa, Naseef Saawriisiifi Nagiiyuub Saawriis Masriirraa warra maqaan isaanii tarreeffameeedha.
Dhalootaan Itoophiyaa lammummaan Saawdii Arabiyaa kan ta'an Alii Allaamudiin biliyeenaroota addunya 500 keessaa qabeenya doolar biliyoona 8.74 qabaachuun sadarkaa 32ffaarra kaahamaniiru.
Allaammuddiin Abbaan isaanii lammii Saawdii haati isaanii ammoo lammii Itoophiyaati. Dhaabbilee adda addaa Itoophiyaa, Saawdiifi Siwiidinii qabaniin hojii qonnaa, ijaarsaafi anniisaarratti bobba'nii hojjetu.
Tarree dureeyyii addunyaa 500 Bloomberg keessa hin galiin malee aardiin Afrikaa walumaa galatti biliyeenaroota 21 qabdi jedha dhaabbatni Henley & Partners.
Dureeyyiin Itoophiyaa beekaman eenyu fa'i?
Barruun Forbis waggoota 7 dura bara 2017 barreeffam abbootii qabeenyaa ilaalchisee baaseen Itoophiyaa keessatti kanneen qabeenya doolaara miiliyeena dhibba hedduu hanga biliyoonaa horatan muraasa ta'uu gabaase.
Abbootiin qabeenyaa muraasni kunniin investimeentii qonnaa, nyaata, ijaarsa, anniisaafi damee tajaajilaa irratti hojjetaniin qabeenya horatanis maqaansaanii sadarkaa Afrikaattiyyuu hedduu hin dhahamuu jedhe.
Abbootii qabeenyaa Itoophiyaa shan daldala waggaatti galii doolaara miiliyoona 50 ol argamsiisu qaban tarreessee ture.
1. Balaayinee Kindee:
Dhaabbata Belayneh Kindie Import And Export jedhamuufi qonnarratti hojjetu hundeessuun galii guddaa argamsiisa. Akka barruun Forbis jedhutti abbaan qabeenyaa kun bara 2016 keessa daldala hojjetan irraa galii oolaara miliyoona 60 ol ta'u argataniiru. Abbaan qabeenyaa kun hoteelotaafi dhaabbtaa tajajaila dooniirraa kennus ni qabu.
2. Teediroos Ashennaafii:
Namni kun dura taa'aafi abbootii qabeenyaa bishaan albuudaa Amboo keessaa tokko. Dhaabbata boba'aa barbaadu hundeessuunis damee boba'aarratti hojjetu. Kaampaniin isaanii South West Energy jedhamu gara caalu Naannoo SOmaalee sulula Jigjigaatti albuudota baasuurratti hojjeta.
3. Bizu'ayeew T. Bizuneeh:
Bizuneeh abbaa qabeenyaafi hoji gaggeessaa dhaabbata East African Holding jedhamuuti. Dhaabbatni kun walta'iinsa dhaabbilee gurguddoo hedduuti.Dameewwan hedduurrattis bobba'ee hojjeta. Omishni simintoo, dhagaa cilee, riil isteetiifi kaanis ni argamu.
4. Katamaa Kabbadaa:
Katamaan hundeessaa dhaabbata KK PLC jedhamuuti. Dhaabbatichi afata qorraa(birdilibsii) omishuun gara biyyoota Afrikaa fi Ameerikaa Kaabaa erga. Maashinariiwwan gurguddaas biyyatti galchuun beekama. Keessumaa kan damee albuuda baasuufi ijaarsaa. Dhaabbatichi buna Itoophiyaa warra alatti erguun beekaman keessaas tokko.
5. Akiko Siyyuum Ambaayee:
Siyyuum Ambaayee dubartoota daldala keessatti milkaahina guddoo argatan keessaa tokko. Siyyuum hundeessituu dhaabbata Orchid Business Group (OBG) jedhamuuti. Dhaabbatichi damee ijaarsa daandii, dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa, maashinariiwwan ijaarsaarratti bobba'e.
Yeroo dhiyoo keessa gabaasni dureeyyii Itoophiyaa tarreessuufi amanamaa ta'e hedduun hin jiru. Ammoo lakkoofsi miliyeenarootaa akka dabaluun mirkana.
Maqaa dureeyyii waggoota dhiyoo as dhagaahama jiru keessa atileetiin duraanii Haayilee Gabrasillaasee, Warquu Ayitanaw, Iyyoob Ji'oo Maammoofi kaanis ni eerama.












