Paastaroota Naayijeeriyaa sirna kakuu galuu Tiraamp irratti argaman

Madda suuraa, Global Crusade with Kumuyi/Kevin Smart Media
Sirna kakuu galuu Pirezidaant Tiraamp Wiixata darbe gaggeeffame irratti paastaroonni Afrikaa lama argamanii turan.
Dawwaannaan Paastar Wiiliyaam Kumuuyi fi Paastar Naatinaa'el Baasey kun walitti dhufeenya amantoota wangeelafi bulchiinsa Tiraamp gidduu jiru cimsuuf akka ta'etu himama.
Tiraamp Ardii Afrikaatti dhiibbaa uumuf abbootii amantaa bebbeekamoo wajjin hidhata tolfachuu akka filannootti itti fayyadamuu akka danda'u himu xinxaaltonni.
Paastar Wiiliyaam Kumuuyi sirna kakuu galuu Tiraamp irratti akka argamuuf affeerraan taasifamuufis sagantichi sababa haala qilleensaan alatti gaggeeffamuuf kan ture mana keessatti godhamuurraa kan ka'e gara keessaa seenuu hin dandeenye.
Paastar Wiiliyaam sirna kakuu galuu Tiraamp irratti affeeramuunsaa waan baramaa miti.
Tiraamp gaggeessitoota biyyoota akka Chaayinaa, Xaaliyaaniifi Arjentiinaa fa'aa affeerus, Afrikaa irraa kan argame tokkollee hin turre.
Sagantaa Kadhannaa Ganamaa Sirna Kakuu Pirezidaantummaa Ameerikaa Wiixata gaggeeffamerratti faarfataan wangeelaa beekamaan lammii Naayijeeriyaa ta'e Naatinaa'el Baasey argamuun faarfateera.
Paastar Wiiliyaam Kumuuyi eenyudha?

Madda suuraa, Global Crusade with Kumuyi/Kevin Smart Media
Paastar Wiiliyaam Kumuuyi lammii Naayijeeriyaa yoo ta'u, osoo gara tajaajila wangeelatti hin dhufin dura pirofeesara Herreegaa ture.
Waldaa Deeper Life Bible Church jedhamu gaggeessa. Torbanitti namoonni 120,000 akka hirmaatantu himama.
Gara Waashingtan erga imalee booda Paastar Kumuuyi miseensota kongiresii US ciccimmoo ta'an wajjin wal-arguun mariyachuufi hojii wangeela babal'isuurratti waliin hojjachuuf murteessuu X gubbaatti barreesse.
Faarfataa Naatinaa'el Baasey eenyudha?
Naatinaa'el Baasey faarfataa, paastarii yoo ta'u, muuziqaa qopheessuufi barreessuudhaan beekamaadha.
Lammii Naayijeeriyaa yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa irratti sagantaa waaqeffannaa Hallelujah Challenge jedhuun addunyaarratti beekamtii horate.
Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyeena afurii ol qaba.
Magaala Leegos keessatti Waldaa Redeemed Christian Church jedhamutti paastarii dargaggootaafi muuziqaadhan tajaajila.
Sirna kadhannaa muudama Tiraampif godhamerratti argamuun kan faarfate Afrikaarraa Naatinaa'el Baasey qofaadha.

Madda suuraa, Nathaniel Bassey/Instagram
Paastor Wiiliyaam Kumuuyi sirna kakuu galuurratti akka argamuufi "bilisummaan amantii Ameerikaatti deebi'ee dhufuusaa galateeffachuuf" akka gara Ameerikaa deemu dhaabbanni inni hundeesse Global Crusade ministry beeksisee ture.
Tiraamp amantoota Kiristaanaa Warra Wangeelaa biratti baay'ee jaalatamaa yoo ta'u, filannoo mo'aterrattis sagalee guddaa isaanirraa argate.
Duudhaalee Kiristaanummaa Ameerikaa keessatti deebisee lafa qabachiisuu akka barbaadus dubbataa ture.
Bara pirezidaantummaasaa jalqabaa, bara 2019, Doonald Tiraamp tajaajiltoota biyya alaa walitti qabee ture.
Diyoon Foostar, Vrije Universiteit Amsterdamtti, pirofeesara og-waaqummaa (theology) yoo ta'u, paastaroonni Naayijeeriyaa affeeramuusaanitti Tiraampis ta'ee Wiiliyaam Kumuuyi fa'aas akka fayyadaman kaasa.
Paasstar Wiiliyaam michuu nama jabaa addunyaa kanaa ta'ee ilaalamuu kan barbaadu yoo ta'u, Tiraampifi gareensaa beekamtii Paastar Wiiliyaamitti fayyadamanii Afrikaa keessatti dhiibbaa gochuu akka barbaadan hima pirofeesar Diyoon Foostar.












