Tiraamp Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatuuf ajajan

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaa adeemsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan Dr Teediroos Adihaanoomiin durfamu keessaa baasuu akka jalqabduuf ajaja pirezidantii mallatteessan.

''Oooh!, sun waan guddaadha,'' jedhan pirezidaantiin Ameerikaa haaraa kakuu raawwatan kun akkuma Waayit Haawus deebi'anii booda sanada kana yeroo mallatteesanitti.

Kunis tarkaanfiiwwan hedduu guyyaa jalqaba aangoo itti fudhataniitti ajajawwan pirezidantummaa mallatteesse keessaa isa tokko ture.

Kunis Tiraamp yoo Ameerikaan Dhabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatuuf ajaja dabarsan kan yeroo lammataati.

Tiraamp tibba yeroo weerara vaayirasii koroonaa akkaataa qaamni idil-addunyaa kun itti Covid-19 itti qabe qeequudhaan, US dhaabbata Jenevaatti argamu kana keessaa akka baatuuf adeemsa eegale ture.

Boodarra Pirezidaanti Joo Baayiden murtee sana dhaabsisan.

Tarkaanfii ajajaa kana guyyaa aangoosaa jalqabaarratti mallattessuun isaas Ameerikaan karaa idileetiin ejansii idil-addunyaa kaan keessaa akka baatu kan agarsiisuudha.

Tiraamp Waajjira Ovaal keessatti, WHOtti quba qabuudhaan, tarii US dhumarratti deebi'uu akka dandeessu akeekuudhaan, "haalaan akka nu deebi'u ni barbaadaniif waan ta'eef waan ta'u ni ilaalla" jedhan.

Ajajni kun Ameerikaan ofirraa ba'aa akka jirtu kan ibse "dhaabbanni kun weerara Covid-19 kan Wuhaan, Chaayinaa fi rakkoo fayyaa addunyaa biroo irraa ka'e haala sirrii hin taaneen qabachuu ishee, haaromsa hatattamaan barbaachisu fudhachuu dadhabuu ishee, fi waan hin malle irraa bilisa ta'uu ishee agarsiisuu dadhabuu ishee irraa kan ka'e" jedha dhiibbaa siyaasaa biyyoota miseensa WHO."

Ajajni hojii raawwachiiftuu kun akkasumas bahuun kun bu'aa ''kaffaltii ulfaataa haqa qabeessa hin taane'' US qaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta'e WHOf goote ta'uu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajni kunis Ameerikaan keessaa ba'aa akka jirtu kan ibse "dhaabbanni kun weerara Covid-19 kan Wuhaan, Chaayinaa keessaa ka'uudhaan rakkoo fayyaa addunyaa biroo irraa ta'ee ture, haala sirrii hin taaneen qabachuu isaatiin ture. Haaromsa hatattamaan barbaachisu fudhachuu dadhabuusaa fi akkasumas WHOn dhiibbaa siyaasaa biyyoota miseensa hin malle irraa walaba ta'uu agarsiisuu dadhabuu irraa kan ka'e" jedha ajaji .

Ajajni hojii pirezidantii kun akkasumas dhaabbaticha keessaa bahuun kun, bu'aa ''kaffaltii ulfaataa haqa qabeessa hin taane'' US qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'e WHO'f goote ta'uu ibseera.

Tiraamp yeroo jalqaba aangoo irra turanittiis dhaabbanni kun weerara Covid-19 ittisuu keessatti garmalee "Chaayinaaf tumasa" jechuun qeeqaniiru.

Tiraamp dhaabbanni WHOn yeroo weerara vaayirasichaa akkaataa qajeelfama itti baaseen Chaayinaadhaaf kan loogii qabudha jechuun himataniiru.

Bulchiinsa Baayidan jalatti Ameerikaan deeggartuu WHO ta'uu kan itti fufte yoo ta'u, bara 2023tti bajata eejjansiichaa kan gara harak tokko shan keessaa ta'u gomaachite.

Bajjanni waggaa dhaabbata kanaa doolaara biiliyoona 6.8 (paawundii biliyoona 5.5)dha.

Oggeessoonni fayyaa ummataa murtee Tiraamp WHO keessaa bahuuf taasise kana qeequudhaan, Ameerkaanotaaf balaa fayyaa qabaachuu danda'a jechuun akeekkachiisan.

Gariin tarkaanfiin kun fooyya'insa dhukkuboota daddarboo kanneen akka busaa, dhukkuba tiruu fi HIV ittisuu irratti argame duubatti deebisuu danda'a jechuun yaada dhiyeessan.

Pirezidaantii duraanii Baayidan jalatti qindeessaa deebii Covid-19 ta'uun kan hojjetan Ashish Jha, kanaan dura dhaabbata keessaa bahuun kan ''fayyaa ummata addunyaa qofa miidhu osoo hin taane, hoggansa Ameerikaa fi dandeettii saayinsii irratti miidhaa akka geessisu'' akeekkachiisaniiru.

"Murtee pirezidaantii balaa guddaa geessisa. Dhabbatichaa keessaa bahuun fayyaa addunyaarratti madaa hamaa ta'us, US'f garuu ammallee madaa gadi cimaadha," jedhan ogeessi fayyaa hawaasaa addunyaa fi piroofeesarri Yunivarsiitii Joorji Taawun kan ta'an Laawrens Gostiin.