Meeshaa cimaan pirezidantoonni US itti fayyadaman ajajiwwan pirezidaantii maaliidha?

Madda suuraa, EPA
Ajajni pirezidantummaa (executive orders) pirezidaantiin Ameerikaa imaammata mootummaa irratti mallattoosaanii kaa'uu barbaadu kamiifuu meeshaa ijoodha.
Doonaald Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi'uu isaatin ajajawwan pirezidaantummaa 200 ni mallatteessa jedhamee eegamaa ture.
Kunis ajaja pirezidaantummaa, kan seeraan dirqama ta'eefi qajeelfamawwan pirezidaantii biroo kan akka labsii, kan yeroo baay'ee hin raawwatamne kan dabalatu ta'a.
Tiraamp ajajawwan sagantaalee odeeffannoo nam-tolchee cimsu, kan Qajeelcha Gahumsa Mootummaa (Doge) hundeessu, kan galmeewwan ajjeechaa Joon F Keeneedii bara 1963 waliin walqabatan akka dhiyaatan godhu, waraanni gaachana ittisa misaa'elaa 'Iron Dome' akka qabaatuu fi imaamata sabdaneessummaa, walqixxummaa fi hammatamuu (DEI) waraana keessaa haquuf akka qajeelchu waadaa galaniiru.
Bara aangoosaa duraanittis ajajawwan pirezidantummaa 220 kan mallatteesse yoo ta'u, muraasni isaaniis mana murtiin dura dhaabbatameera.
Ofii ajajni pirezidantummaa maali?
Innis ajaja barreeffamaa kan pirezidaantiin mootummaa federaalaatiif kenne yoo ta'u, hayyama ykn mirkanneessuu kongireesii kan hin barbaannedha.
Ajajniwwan kunneen haala hin eegamneen imaammataa jijjiruudha, kan akka Tiraamp bara 2017tti ujummoo boba'aa lama mormii hadhaa'aa ta'e ijaaruuf raggaasisee, irraa kaasee kan hanga hojiiwwan idilee kan akka qajeelfama bara 2015 Baaraak Obaamaa guyyoota ayyaana Dhaloota Kiristoosiitti waajiraaleen mootummaa guyyaa walakkaaf cufuu akka ta'an kennanii kan gahuudha.
Aangoon ajaja kana kennuuf hundeensaa heera mootummaa Ameerikaa keewwata II irraa kan madde yoo ta'u, "Aangoon seera raawwachiisummaa kan pirezidaantii Yunaayitid Isteetis Ameerikaa ta'a."
Pirezidaantonni maaliif ajaja kana baasu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo tokko tokko ajajni kun yeroo waraanaa ykn rakkoo biyya keessaa hambisuuf kan kennamuudha. Guraandhala bara 1942tti Pirezidaantiin Firaankiliin D Ruuzvelt ajaja pirezidaantummaa mallatteessuun lammiileen Ameerikaa -Jaappaan gara 120,000 ta'aniif wiirtuun keessatti hidhaman akka dhaabbatu taasiseera.
Bara 1952tti ammoo Pirezidaanti Haarii Tirumaan lagannaa hojii dhaabsiisuuf indaastirii sibiilaa to'annoo mootummaa jala akka galuuf ajaja baasaniiru.
Pirezidanti Joo Baayidan ammoo guyyaa jalqaba aangoosaanii Amajjii 20, 2021tti, waliigaltee qilleensaa Paaris 2015tti deebi'anii makamuu jalqabuu ajaja mallatteessaniiru. Isaaniin dura kan turan Tiraamp sirnaan waliigalticha keessaa bahanii ture.
Ministirri Dhimma Alaa Baayidan Antoonii Biliinkan, ''innis hundi keenya hoo'ina pilaaneetotaan balaa guddaan akka nurraan hin geessisneef gargaaruufiidha'' jedhan.
Eenyuutu ajaja kana kuffisuu danda'a?
Ajajni pirezidantummaa akka seeraatti daangaa seeraa keessatti hojjechuu qaba, akka yaadatti tokkoon tokkoon isaanii "bifaa fi seera qabeessummaa isaaniif Waajjira Gorsaa Seeraan ilaalama." Kun garuu yeroo hunda hin raawwatamu.
Ajajni tokko daangaa fudhatamummaa qabuun ala kan darbe seelaan xinxalamee ilaalamuu danda'a.
Kongireessiin ajaja piresidaantummaa kana jijjiruuf seera baasuu ni danda'a, haata'u malee pirezidaantiin tokko ammallee seera sana irratti aangoo sagalee seegaleedhaan kuffisuu (veto) qaba, akka Giddu-galli Heera Mootummaa ibsuutti.
Maaliif miira siyaasaa qabaatan?
Ajajni pirezidantummaa sababii mirkanneessuu Kongireesii irra qaxxaamura ta'eef, pirezidaantichi ofuma isaatiin akka socho'u waan hayyamuuf falmisiisaadha.
Rippabilikaanonni jijjiirama eegumsa fayyaa Obaamaan bara 2010tti taasise irratti, yeroo inni gama gamtokkeedhaan yeroo xumuraa haguuggii inshuraansii akka harkifatu taasiseetti, aangoo heera mootummaa isaaf kennee darbeera jechuun falman.
Akkasumas uggurri imalaa Tiraamp biyyoota Musliimota harki caalaan qaban muraasa irratti kaa'e baay'ee falmisiisaa kan ture yoo ta'u, Baayidan Waayit Haawus akkuma galeen ugguricha kaase.
Yeroo tokko tokkos pirezidaantiin ajaja kennuu kan danda'u yoo miseensonni Kongireesii garmalee harkiifatan jedhan ykn yoo pirezidaantichi bal'ina seera haaraa hojiitti hiikuu akka qabu itti dhaga'amu.
Ajajni hojii pirezidantummaa yeroo meeqaan kennama?
Franklin D Rooseveltidha ajaja baay'ee kan kenne. Isaanis waggoota 12 aangoo irra turan keessatti ajajawwan 3,721 kan kennan yoo ta'u, Wuudrow Wilsan ajjawwan 1,803 fi Kaalviin Kuulidge ammoo ajaja 1,203 mallatteessaniiru.

Tiraamp bara aangoosaa jalqabaa keessatti ajajawwan pirezidantummaa 220 mallatteessan.
Baayidaniin wal bira qabame yoo ilaalamu ammoo, Baayidan 160 mallatteessan, kan lamaan isaanituu marsaa lamaaf biyya bulchan, Baaraak Obaamaa 277 fi Joorj W Buush 291 mallatteessaniiru.
Pirezidantii haaraan ajaja pirezidant duraa diiguu danda'u?
Yeroo dhiyoo asitti pirezidaantonni ajaja pirezidantummaa isaaniitti fayyadamuun hojii nama aangoo irraa dhaalanii duubatti deebisuu isaanii dabalaa dhufeera.
Bara 2017 keessa, Tiraamp ajaja pirezidantummaa baasuu Obamacare irratti xiyyeeffachuun jalqaban.
Baayidan labsii hatattamaa bulchiinsi Traamp, daangaa Meeksikoo irratti dallaa ijaaruuf maallaqa gargaaruu haquudhaan, akkasumas uggura imalaa biyyoota Musliimoota harki caalaan qaban muraasarra kaa'ame ni dhaabe.
Akkasumas waliigaltee haala qilleensaa Paaris keessatti US deebise.
Amma Tiraamp marsaa lammaffaaf deebi'uu isaaniitiin, erga ifatti aango fudhatanii sa'aatii muraasa keessatti ajaja pirezidantummaa hedduu mallatteessuuf dhaadataniiru.
Kunis dhimmoota immigireeshinii fi biyyaa ari'achuu irraa kaasee hanga egumsa naannoo fi mirga saala jijjiirrachuu ilaalchisee kan hammatudha.












