Tiraamp ajandaawwan baqattoota seeraan alaafi kaanniin guyyaa jalqabaa guutuu waajjiratti dabarse

Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwatan. Haasaa taasisaniinis waan hedduu waadaa seenan, bulchiinsa Baayidan qeeqan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nagaan bulaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoof Kibxata ganamaan walitti deebina.

    Oduufi xiinxalli kallattiin akka isiniif ergamu barbaadduu? Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa.

    Nagaan!

  2. Haatii gaazexessaa Ameerikaa badee barbaacha Sooriyaatti imalte

    Dabraa Taayis kufaatii sirna Bashaar al-Asaad Sooriyaa keessatti hordofee bakka buutee ilmishee ''wallaaluu'' dubbatti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Dabraa Taayis kufaatii sirna Bashaar al-Asaad Sooriyaa keessatti hordofee bakka buutee ilmishee ''wallaaluu'' dubbatti

    Haati gaazexeessaa lammii Ameerikaa Oostiin Taayis kan bara 2012 imala gabaasaarra osoo jiruu Sooriyaa keessatti butamuun yeroo dheeraaf butamee turan keessaa tokko yoo taa'u, waggoota kurnan booda yeroo jalqabaaf barbaacha ilmasheef gara biyyattiitti deebiteetti.

    Daawwannaan Dabraa Taayis kun kan dhufe kufaatii mootummaan Bashaar al-Asaad ji’a darbe haleellaa finciltootaan raawwatameen boodadha.

    Ilmishee gaazexeessaa gabaasaa dhaabbataa kan hin taane (freelancer) yeroo ammaatti umuriinsaa waggaa 43 yoo ta'u, wal waraansa Sooriyaa gabaasuuf naannoo Damaasqoo Darayya keessa osoo deemuu kan to'atame.

    “Odeeffannoo qabna turre, garuu addunyaa guutuun jijjiirameera,” jechuun gaaffiifi deebii magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti taasifteen, Asaad aangoorraa kaafamuu eeruun dubbatteetti.

    Oostiin Taayis

    Madda suuraa, Reuters

    Taayis yeroo dhumaatiif kan mulate erga qabamee torban muraasa booda viidiyoon toora interneetii irratti maxxanfame irratti yoo ta'u, ijasaa hidhamee fi haala dhiphina keessa jiru fakkaatuun ture.

    Waggoota darban keessa qondaaltonni Ameerikaa Taayis mootummaa Asaadiin qabameera jedhanii amananiis garuu hanga ammaatti baduusaa duuba mootummaan ykn gareen tokkollee jiraachuu hin dubbanne.

    Akka gabaasa dhiheenya kana miidiyaalee Ameerikaa irratti ba’etti, qorattoonni akka amananitti, Taayis, miseensii humna galaanaa US duraanii, erga qabamee torban muraasa booda yeroo gabaabaaf miliqee ture garuu humnoota kallattiin Asaadiif hojjattaniin deebi’ee qabame.

  3. Tiraamp ammas Chaayinaan Bo’oo Paanaamaa gaggeessiti jechuun sobaan himatan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp waa'ee Bo'oo Paanaamaa wayita dubbataniitti, "kennaa gowwummaa gonkumaa ta'uu hin qabnedha" jechuun dubbatan.

    Sobaan "Chaayinaan Bo'oo Paanaamaan gaggeessaa jirti" jechuun himatan.

    "Nuti Chaayinaatiif hin kennine. Deebisnee fudhachaa jirra," jechuun yoo dubbataniitti, deeggartoota isaa irraa harka rukutuun yoo taasisuuf, Baayidanii fi Haaris ammoo namoota hedduu keessaa callisanii taa'uun dhaggeeffataa turan.

    Gama biraatiin ammoo Tiraamp ergaan Ameerikaanotaaf dabarsan ''hamilee, ciminaa fi qaroomina seenaa isa guddaa ta'een socho'uu'' akka ta'e hubachiisaniiru.

    Waa'ee hawwii guddaa fi "olka'iinsa injifannoo fi milkaa'ina haaraa" irra ga'uus dubbatan.

    Tiraamp itti dabaluudhaan, Ameerikaan qabeenya ishee ni guddifti,vdaangaashee ni babal’ifti, Maarsii dabalatee alaabaa ishees gara handaara haaraatti akka baattu himan.

    "Hiree keenya ifa ta'e gara urjiilee hordofna, urjiilee fi sarara pilaaneetii Maarsii irratti dhaabuuf," jedhan.

  4. Tiraamp waliigaltee seena qabeessa Israa'el - Hamaas jajan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp amma dhimma Baha Giddu Galeessaa irratti nama "nagaa buusuufi tokkummaa uumu" nan ta'a jechuun waa'ee dubartoota Israa'el sadan Hamaasiin Gaazaatti butamuun kaleessa gara maatiisaaniitti deebifaman dubbatan.

    Yeroo kanatti Baayidanii fi Haaris dhaabbachuun harka rukutani.

    "Ameerikaan biyya guddoo, humna guddaa qabdu, kabajamtuu ta'uudhaan bakkasheef malutti deebitee argamti. Kunis addunyaa guutuu irraa dinqisiifannaaf kakaasa" jedhan.

    Yeroo dhiyootti maqaa Galoo Galaana Meksikoo gara "Galoo Galaana Ameerikaatti" akka jijjiiran dubbatan.

  5. Barri quufaafi gabbina Ameerikaa amma jalqaba - Pirezidant Tiraamp

    Tiraamp haasaa isaaniin bulchiinsa Baayidan qeeqaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp haasaa isaaniin bulchiinsa Baayidan qeeqaniiru

    Pirezidanti Donaald Tiraamp sirna kakuu erga raawwatan booda haasaa taasisaniin waadaa seenan, bulchiinsa Baayidan qeeqan.

    ‘’Barri quufaafi gabbina Ameerikaa amma eegala,’’ jedhan.

    ‘’Guyyaa har’aa eegalee, biyyi keenya ni badhaati, ni kabajamtis. Ameerikaafan dursa kenna,’’ jechuun dubbatan.

    Itti fufanii dhimma birmadummaa Ameerikaa kaasan. ‘’Birmadummaa keenya deeffanna,’’ jedhan.

    ‘’Kaayyoon keenya ijoo biyya boontu, badhaateefi bilisummaa qabdu uumuudha,’’ jechuunis dubbatan.

    Bulchiinsa Baayidan yeroo qeeqan immoo Baayidan ‘’yakkamtoota hamaa’’ seeraan ala Ameerikaa seenaniif dahoo kenne jechuun dubbatan.

    Bulchiinsi Bayidan biyyooti kaan daangaa isaanii akka tiksan maallaqa danuu kennuus daangaa Ameerikaa garuu tiksuu hin dandeenye jechuun qeeqani.

    ‘’Mootummaa rakkoo xiqqoo qe’eetti mudate to’achuullee hin dandeenye qabna,’’ jedhan.

  6. Tiraamp Ameerikaa 'deebisanii biyya badhaatuu' taasisuuf waadaa seenan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp karoora diinagdee biyyattiif qaban irratti dubbachuu itti fufaniiru.

    Sababa ''warqee dhangala'aa miila keenya jala jiruutiin'' amma Ameerikaan deebiitee "biyya badhaatuu" akka taatu dubbatan.

    Akkasumas karoora gama indaastirii konkolaataatiin qabu irrattis bal'inaan kan ibsan yoo ta'u, "ajaja konkolaataa elektirikii" haquudhaan "saffisa namni tokkollee waggoota muraasa dura abjoochuu hin dandeenyeen" Ameerikaa keessatti konkolaataa akka ijaaran dubbataniiru.

    Pirezidanti Tiraamp haasaa isaanii kana keessatti ammas yaalii ajjeechaa irratti raawwatamee ture kaasuudhaan ''muraasni dhimma keenya dhaabuuf yaalanii ture'' akkasumas bilisummaa isaa fudhachuuf yaalanii ture ''dhugaattis lubbuukoo'' jedhan.

    Yaalii lubbuu isaa irratti godhame ilaalchisee waggoota saddeet darban keessa ''pirezidantii kamiyyuu caalaa qoratameera'' jedhan.

    Lubbuun isaas "sababaaf'' akkuma dhaaddannoosaa kan duula filannoo marsaa lammaaffaatti, ''Ameerikaa deebitee guddaa gochuuf" baraaramte jedhan.

  7. Amma nu gahe, Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan

    Tiraamp marsaa lammataafi Ameerikaa bulchuuf kakuu kan raawwatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp marsaa lammataafi Ameerikaa bulchuuf kakuu kan raawwatan

    Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un muudaman.

    Sirna Kakuu Kaappitool Hiil keessatti raawwateen Tiraamp Ameerikaa bulchuuf waadaa seenaniiru.

  8. Amma nu gahe, Jeedii Vaans Pirezidantii I/Aanaa US ta'un muudaman

    Jeedii Vaans

    Madda suuraa, Reuters

    Jeedii Vaans Pirezidantii I/Aanaa Ameerikaa ta'un muudaman.

    Yeroo ammaa Kaappitol Hiilitti sirni kakuu raawwataa jira.

    Sagantaa kanarratti pirezidantiiwwan duraanii Ameerikaa, keessummoonniifi kaan argamaniiru.

  9. Tiraamp sirna kakuu raawwachuuf galma Rotundaa seenaniiru

    Donaald Tiraamp Pirezidantii US ta'un asitti kakuu raawwatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamp Pirezidantii US ta'un asitti kakuu raawwatu

    Donaald Tiraamp yeroo ammaa galma Rotundaa nami keessa guute keessa jiru.

    Asitti daqiiqaa muraasa booda pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta’un muudamu.

    Tiraamp dura haati warraa isaanii, pirezidantiifi pirezidantiin I/Aantuu US ammaa akkasumas pirezidantii I/Aanaa ta’uf kan jedhan seenaniiru.

  10. Pirezidantoonni duraanii sirna kakuuf bakkicha qaqqabaniiru

    Pirezidantiiwwan duraanii Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiiwwan duraanii Ameerikaa
    Baaraak Obaamaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Baaraak Obaamaa haadha warraa isaanii Misheel malee qofaa kan dhufan yoo ta'u, waajjirrishee torban darbe akka hin argamne mirkaneessee ture

    Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un muudamuuf jedhu.

    Biil Kiliintaniifi Hilaarii
    Ibsa waa'ee suuraa, Biil Kiliintanii fi Hiilaarii
    Joordji Buushiifi Looraa
    Ibsa waa'ee suuraa, Joorji Buushii fi Looraa
  11. Amma nu gahe, Tiraamp sirna kakuu dura Kaappitool Hiil gahan

    Tiraamp fi Joo Baayidan

    Doonaald Tiraamp Kaapitoolii bakka itti adeemsi eebba har'aa inni guddaan itti adeemsifamu qaqqabeera.

    Pirezidantii aangoo itti gadhiisaa jiran Joo Baayidan waliin wal cinaa taa'a.

    Tiraampis sa'aatii sirnichi kakuu itti gaggeeffamuuf jiruun dursanii bakkicha qaqqabuusaaniitu gabaafame.

    Waayit Hawusiifi Kaapitool baayyee waliirra fagoo miti.

    Garuu, konkolaataa limooziin Doonaald Tiraampii fi Joo Baayidan ittiin imalan suuta deemaa ture.

    Akkaataadhuma idileetti, daandiin Pensiilvaaniyaa daawwattoota waaree booda agarsiisa eebbaatiif walitti qabamaniin guutama.

    Har'a sirnoonni mana keessatti gaggeeffaman hundii fi bakki ummanni itti ilaalu inni guddaan dirreen ispoortii gara kaabaatti bilookii muraasa fagaatee argamutti namoonni erga walitti qabamanii xiqqaa turaniiru.

    Namoonni qorra dandamatanis konkolaataa darbaa jiru gammachuudhaan simatan.

  12. Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu sirnicharratti mallatteessuu malu

    Deeggartoota Tiraamp

    Donaald Tiraamp ajajoota hojii raawwachiiftuu muraasa har'a deeggartoota isaanii 20,000 fuulduratti Waayit Hawus irraa maayilii tokkicha qofa fagaatee 'Capital One Arena'tti mallatteessuu akka barbaadu amma waan ifa ta’e fakkaata.

    Waltajjiin isaatis gama tokkoon poodiyaamii aadaa kan inni irraa haasaa itti taasisuu haala qabatuun qophaa'eera.

    Garuu kan nama ajaa'ibu, waltajjichi gama biraatiin ammoo deeskii, teessoo qananii, sagalee-guddiftuu fi sahaanii geengoo qaba.

    Kunis, tarii mallattoo pirezidantii keessummeessuuf.

  13. Tiraampiifi haati warraasaanii gara sagantaa Waldaa yoo deeman

    Tiraamp fi haati warraasaa wayita tajaajila waldaatiif qaqabaniitti simannaan taasifameef viidiyoodhaan kunooti.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, First sighting of Donald Trump on inauguration day
  14. Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Guyyaa har'aa prezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Waayit Haawusiitii bahuuf guyyaa dhumaarra kan jiran yoo ta'u, erga filannoo bara 2020tti Doonaald Tiraamp injifachuu aangoo qabatanii waggaa afur ta'eera.

    Ganamaan Baayidan ibsa guyyuu isaanii fudhachuuf beellama qabu.

    Kanaanis dhimmoota taatee idilee irratti karra cufame duuba taa'uun hawaasa basaasa Ameerikaa irraa odeeffannoo haaraa argatu.

    Sana booda Doonaald fi Melaaniyaa Tiraampiin nagaa gaafachuun kutaa Cuquliisa Waayit Haawus keessatti simatanii shaayii fi bunaaf isaan keessummeessu. Sagantaan kunis ibsa miidiyaatiin xumurama.

    Boodarra, maatiin Tiraampiifi Baayidan waliin gara Kaappitool Ameerikaatti kan waliin imalan yoo ta'u, Baayidan sirna kakuu Tiraamp irratti hirmaatu.

    Kamaalaa Haariis abbaa warraa isaanii waliin akkasumas JD Vaans haadha warraa isaanii waliin argamaniiru.

    Isaan booda waaree boodarraa kaasee pirezidantummaan Baayidan ni dhumata.

    Baayidan yeroo muraasa booda Waashingitan DC gadhiisanii kan deeman yoo ta’u, sagantaa gaggeessaa hojjettootaa kan buufata waraanaa Buufata Waloo Andireews (Joint Base Andrews), buufata waraanaa kan pirezidaantichi irraa imalan irratti haasaa dhumaa ni taasisu.

    Sana booda gara buufata humna hawaa Vaandenberg kan Kaalifoorniyaatti argamutti balali'uun gara hawaasa xiqqaa Santa Barbara County keessa jiru Santa Ynez'tti qajeelu.

    Baayidan, maanguddoon ganna 82, erga pirezidaantummaan isaanii xumuramee booda karoora addaa qaban kamiyyuu hin dubbanne.

    Garuu irra deddeebiin ''eessayyuu akka hin deemne'' dubbataniiru.

  15. Tiraamp sagantaa eebba guyyaa jalqabaatiif waldaatti

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp gara waldaa yeroo dhaqan

    Doonaald Tiraamp, maatiinsaanii fi namoonni ijoo bulchiinsa isaanii dhufaa keessatti aangoo qabaatan amma Waldaa Qulqulluu Yohaannis Waashingitan DC keessa seenanii bahaniiru.

    Hirmaattonni waldaa kanaas namoota Tiraampitti dhihaatanidha.

    Akkasumas hoji gaggeessitoota olaanoo teeknooloojii dhiibbaa guddaa qabaniifi MM UK duraanii Booris Joonsan dabalata.

    Waayit Haawus akka gabaasetti, dhaabbata Meta irraa Maark Zukarbarg, Amazon irraa Jeef Bezoos fi Laawuan Saanchez, akkasumas Joonsan fa'i hundi isaanii tarree tokko taa'aa jiru.

    Akkasumas, abbaa qabeenyaa miidiyaa, Ruuppart Murdook fi pirezidantii FIFA Giiyaan Infaantino argineerra.

    Tiraamp, haatii warraasaanii Melaaniyaa fi ilmi isaanii Baaroon teessoo fuulduraa ta'anii turan.

    Suuraaleen sagantaa eebba jalqabaa guyyaa muudama Tiraamp keessaa muraasni kunooti:

    Dureewwan abbootii qabeenyaa teknoloojiis argaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan abbootii qabeenyaa teknoloojiis argaman
    Keessummoota sirna eebba Tiraamp irratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Keessummoota sirna eebba Tiraamp irratti
  16. Ammammoo muudama Tiraamp isin biraan geenya

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo!

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa, akkasumas wanoota kaan jala jalaan isin biraan gahaa turre.

    Amma eegaleemmoo sirna muudamaafi kakuu raawwachuu Donaald Tiraamp kallattiin isin biraan geenya.

    Chaanaalii WhatsApp keenya hordofaa.

    Facebook gubbaas nu argattu.

  17. Lakkoofsi namoota taankarii dho'een du'an 98 gahe

    Naayijeeriyaatti balaan taankarii boba’aarra deddeebi’e qaqqabuun baratamaadha

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaatti balaan taankarii boba’aarra deddeebi’e qaqqabuun baratamaadha

    Aangawoonni Naayijeeriyaa konkolaataan boba’aa baatu guyyaa Sambataa dho’een lakkoofsi namoota du’anii dabaluun 98 gahuu mirkaneessuu beeksisan.

    Namoonni 69 immoo miidhaman. Duraan lakkoofsi namoota du'anii 77 jedhamee ture.

    Eejansiin Hoggansa Balaa Atattamaa Naayijeeriyaa ragaa gaafa Wiixataa BBC’f ergeen, suuqiiwwan 20 ibiddaan gubachuullee ibse.

    Balaan kuni konkolaataan boba‘aa fe’e kufee jiru keessaa namoonni osoo waraabuu yaalaniiti konkolaatichi kan dho’e.

    Biyya Naayijeeriyaa keessatti konkolaataan boba’aa baatu dhohuun haaraa miti.

    Deeggarsi boba’aaf taasifamu hafuurraa kan ka’e gatiin boba’aa waan dabaleef ummati gatii boba’aa dabaleen rakkataa jira.

  18. Reeffa namoota 10,000 ol si'achi baasna - Ejensii Filsixeem

    Gama kaaniin eejansiin Hamaasiin hogganamuufi ‘Palestinian Civil Defence’ jedhamu waraana baatii 15’f tureen miidhaa dhaqqabe ifa godheera.

    • Hojjettoonni ejensii kanaa reeffa 38,300 adda baasuu himan. Bakkeewwan Israa’el haleelterraa kanneen miidhaman 97,000 baraaruullee ibsan.
    • Reeffi namooota 10,000 ol ammallee jijjigaa gamoo jala jira. Si’achi akka baasan beeksisan.
    • Haa ta’u malee, achi buutee namoota 2,840 akka hin arganne ibse. Kunis, tempireechara olaanaa meeshaalee waraanaa Israa’el fayyadamtun akka ta’e beeksise.
    • Balaa ibiddaa 22,403 haleellaa Israa’eliin ka’e to’achuufi namoota 42,000 bakka biraa qubachiisuullee ibsan.
  19. Eega Gaazaatti waraanni eegale hangamitu ajjeefame?

    Ministrri fayyaa Gaazaaa kan Hamaas hogganamu ragaa haaraa ifa godheera.

    Akka dhaabbatichi ibsetti taanaan erga waraanni eegalee namoonni 47,000 ol ajjeefamaniiru.

    Akkasumas immoo kanneen miidhaman 111,000 olidha.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’el fi Gaazaa gidduu mallattaa’e guyyaa Dilbataa eegalee hojiirra ooleera.

    Marsaa duraa dhukaasa dhaabuun dhukaasni torban jahaaf ni dhaabbata.

  20. Chaayinaan nama konkolaataan namoota hedduu ajjeesse du'aan adabde

    Haleellaa istoodiyoonii namoota galafateen booda namoonni daraaraa ala yoo kaa'an

    Madda suuraa, Reuters

    Chaayinaan namticha baatii Sadaasaa keessa haleellaa konkolaataa raawwateen yoo xiqqaate namoota 35 ajjeesuun yakkamaa ta’ee argame du'aan adabde.

    Haleellaan sunis haleellaa waggoota kurnan darban keessaatti Chaayinaatti lubbuu namaa galaafate jedhamee yaadamudha.

    Faan Weyikuwi namni ganna 62, konkolaataa isaa namoota istaadiyeemii kibba Zhuhaayitti argamuun alatti osoo sochii qaamaa taasisaa jiranitti kallattiidhaan oofuudhaan namoota hedduu madeesse.

    Miidiyaaleen mootummaa akka jedhanitti, namni gara biraas haleellaa addaa guyyootaan booda raawwateef ajjeefameera.

    Shuu Ji'aajiin, dargaggeessi ganna 21, Yunivarsiitii isaa baha magaalaa Wushiitti haleellaa meeshaa qara qabuun namoota saddeet ajjeese.