Murteen Tiraamp lammummaa Ameerikaatti dhalachuun argamu hambsuuf taasisan maalii?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa haaraan Doonaald Tiraamp, lammummaan kallattiin namoonni maatii sanada seera qabeessa hin qabne irraa dhalataniif kennamu akka hafuuf murte dabarsan.

Tiraamp bara aangoosaanii Wiixata Amajjii 20, 2025 eegaleen ajajjoota pirezidantummaa maallatteessan keessaa tokko kan lammuummaa dhalachuun argamu hambisuu ilaalatuudha. Haata'u malee gadi fageenyisaa hin ibsamne.

Heerri mootummaa Ameerikaa 14ffaan fooyya'e, namni Ameerikaa keessatti dhalate kamiyyuu lammummaa Ameerikaa akka argatu labseera.

Tiraamp kana hambiisuudhaan waadaa seenanillee murteessaanii kana hojiirra oolchuudhaaf danqaaleen akka mudatan yaadama.

Gamtaan bilisummaa siviili Ameerikaa fi gareewwan biraas ajaja Tiraamp hordofee bulchiinsa isaarratti himannaa kan dhiyeessan battalumatti.

Lammummaan dhalootaan argamu maaliidha?

Fooyya'insi heera mootummaa Ameerikaa 14ffaa irratti himni jalqabaa ulaagaalee lammummaa dhalootaan argamu ibsa.

''Namni Ameerikaatti dhalate ykn kan mirgi lammummaa kennameef kamuu lammii Ameerikaafi bulchiinsa keessa jiraatuuti'' jedhan.

Imaammatichi dubartoonni ulfaa sanada seera qabeessa godaansa seeraan alaa fi ''turizimii dahumsaa'' hin qabne Ameerikaa keessatti dahumsaaf jecha daangaa qaxxaamuruun akka seenan jajjabeessa jechuun falmitoota imigreshiniitiin qeeqameera.

Mirgi lammummaa kun attamiin eegale?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fooyya'insi heera mootummaa 14ffaan kan ragaasifame erga wal waraansi dhumeen booda bara 1868tti ture.

Isaan dura ammoo fooyya'insa heera mootummaa 13ffaa bara 1863tti taasifameen, daldala garbaa kan hambise yoo ta'u, fooyya'insi heera mootummaa 14ffaan ammoo gaaffii lammummaa 'garboota durii' bilisa bahanii fi Ameerikaatti dhalatanii deebiiseera.

Seerichi raggaasifamuusaatiin dura manni murtoo waliigala Ameerikaa, bara 1857tti galmeewwan Direed Iskoot (lammii Afrikaa Ameerikaa) fi Saanford (bakka bu'aa gosa Hindootaa kan ture) dabalatee, dhimmoota dhiyaataan wal fakkaatoo irratti Afrikaa- Ameerkaanoti lammii Ameerikaa ta'u akka hin dandeenye murte dabarse ture.

Murteen kun booda garuu fooyya'insa heera mootummaa 14ffaan haqameera.

Isaan boodas bara 1898tti dhimma Wiing Kiim Arkii fi Ameerkaa kan manni Murtii waliigala Ameerikaa ilaale irratti yeroo murte dabarseetti, lamummaan dhalootaan argamu ijoollee baqattootaa irrattis hojiirra akka oolfamuuf hayyame.

Wiing dargaggeessaa waggaa 24 baqattoota lammii Chaayinaa irraa Ameerikaatti dhalate yoo ta'u, yeroo sanatti dowwannaa Chaayinaatiin booda gara Ameerikaatti deebi'ee akka hin seenne dhorkame ture.

Wiing ameerikaatti dhalachuusaatiin haalli baqatummaa maatiisaa heera mootummaa 14ffaa fooyya' irratti hojiirra ooluu kan dhorku akka hin jirre haala milkaa'aa ta'een falmee ture.

Yunivarsitii Miinisootaatti Jidduugala Qorannoo Seenaa Imigreeshinii fi Qu'annootti Daarektara kan ta'an, Iriikaa Lii, ''sanyii ykn haalli baqatummaa maatii kamis ta'u kami namni UStti dhalate kamiyyuu mirgoota lamummaan isaanii isaaniif kennu kamuu argachuudhaaf mirga akka qaban dhimmi Waang fi Ameerikaa mirkanneesseera'' jechuun ibsan.

Erga yeroo sanaatii keessees manni murtis dhimmicha qorate hin beeku.

Tiraamp kana haquu danda'u?

Hayyoonni seeraa hedduun pirezidanti Tiraamp lamummaa dhalootaan argamu ajaja pirezidantummaatiin dhaabsiisuu akka hin dandeenye waliigaltu.

Oggeessi heera mootummaa fi Yunivarsitii Varjiniyaatti pirofefasarri kutaa barnoota seeraa, Saayikriishinaa Piraakaash, ''Tiraamp gochaa namoota hedduu dalansiisuu raawwataa jiru. Ta'us kun murtaa'u kan danda'u mana murtiitiin'' jedhu.

''Kanaafu dhimma pirezidantichi feedhii isaanitii ka'anii murteessau danda'an miti.''

Pirofesar Piraakaash akka jedhaniitti, hojjattoonni dhaabbileen imigireshinii Ameerikaa fi bakka bu'oonni hojii raawwachiiftuu gumurukaa fakkaatan, lamummaa akka dhiphisanii hiikan ajajuu danda'an illeen, nama lamummaasaa dhorkurraa garuu danqaan isa mudachu danda'a.

Kunis mana murtii waliigala Ameerikaatti gara falmii dheeraatti geessuu mala.

Yoo fooyya'insii heera mootumaa taasifame garuu lamummaan dhalootaan argamu haqamu danda'a. Kana gochuuf ammo bakka bu'oota ummataa fi seeneetiidhaan sagalee sadii keessaa harka lama argachuu qabaata. Kana malees bulchiinsoota Amerrikaa sadi keessaa tokko ta'an keessatti raggaasiifamu qabaata.

Murtichi namoota hangam irratti dhiibbaa taasisa?

Akka qorannoo Piiwuutti, bara 2016tti maatii Ameerikaa jiraataniifi lamummaa Ameerikaa hin qabne irraa ijoollee kuma 250 dhalataniiru.

Lakkoosfi kun ammoo baayyiina bara 2007 ture irraa parsantaa 36n hir'ateera.

Dhaabbanni qorannoo Waashingitan DC keessa buufachuun siyaasa Ameerikaa fi dhimmoota gara biraa qoratu (Piiwuu), odeeffannoo bara 2022tti baaseen, maatii godaantoota sanada hin qabne irraa kan dhalatan lamileen Ameerikaa miiliyoona 1.2 akka jiran himeera.

Ijoolleen kunneen sababii maatii qabaniif lamummaa dhaoolaataan argamu dhaabsiisuun lakkoofsa baqattoota seeraan alaa biyyattii keessa jira bara 2050tti gara miiliyoona 4.7 akka qaqabsiisuu dhaabbanni imaammata baqattootaa himeera.

Qiraamp sagantaa NBC kan ta'e 'Meet The Press' jedhamu waliin af-gaaffii taasisaniin, ijoolleen maatii baqattoota seeraan dhalaa Ameerikaa keessatti dhalatan illeen, maatiisaanii waliin gara irraa dhufaniitti deebii'u akka qabaatan dubbatan.

Af-gaaffii baatii Muddee keessa kennan irratti ''maatii adda baasuu hin barbaadu. Kanaafuu maatii adda baasuuf filmaanni dhumaa waliin akka ta'an gochuudha. Kanaafuu hunduu gara irraa dhufaniitti deebiisuudha'' jedhan.

Biyyoonni dhalootaan lamummaa argatan kam fa'i?

Kaanaadaa fi Meeksikoo dabalatee biyyoonni addunyaa 30 ol daangaa malee 'Right of the Soil' jedhamee lamummaa dhalootaan kennamu bakka itti dhalataniif ni kenna.

Biyyoonni akka Yunaayitid Kingdam fi Awustiraaliyaa jiran ammoo ijoollee warrisaanii lammii ykn jiraattoota dhaabbataa ta'aniif lamummaa kennu.