Elan Maask mallattoon harkaa sirna kakuu Tiraamp irratti agarsiise maaliif ijoo duubbii ta'e?

Madda suuraa, Reuters
Elan Mask haasawa sirna kakuu raawwannaa Doonaald Tiraamp irratti sochiin harkaa taasise ummata biratti aarii guddaa uumeera.
Mask ummata walitti qabameen kun "akka ta'u gochu keessaniif" galatommaa erga jedhaniin booda, harkasaa mirgaa osoo laphee isaarra hin kaa'iin dura, harka kallattiin fuuldura isaatti qilleensa keessa ol kaasuun hirmaattoota galateeffate.
Akkausmas asiifi achi gaggaragaluun warra duubaan taa'aniif mallattoodhuma wal fakkaatuun galateeffatan.
Haata'u malee waltajjii miidiyaa hawaasaa qabeenyaa isaa ta'e X irratti namoonni hedduun sochii kana mallattoo sirna Naazii wajjin wal fakkeessuun ibsan.
Innis deebii yaada ummataa kanaaf tooruma X irratti kenneen akkas jechuun barreesse: "Dhugaa dubbachuudhaaf, toftaa ololaa biraa haa barbaaddatan. Heleellaan 'nama hundi Hitlariidha' jedhu kun baayyeee hin deemsisu."
Dureessa addunyaa fi michuu dhiyoo Pirezidaanti Tiraamp kan ta'an Maask, yeroo sochii kana taasiseetti, Waashingitan DC, Kaapitaal One Arena keessatti haasaa taasisaa turan.
"Onneen koo isinii kabaja qaba. Fuuldurri qaroominaa kan mirkanaa'e galata keessaniiiidha," jedhan gaheessi ganna 53 kun, erga harka lammataatiin nagaa dhaameen booda.
Namoonni garuu battaluma sanatti miidiyaa hawaasaa irratti komii kaasuu eegalan.
Ogeettiin seenaa kan Ameerikaa keessatti dhimma Naazizimii irratti qorannoo gaggeessite Kilaar Oobin, sochiin harka Maask kunis ''sieg heil'' ykn haala Naaziin nagaa itti gaafatu ta'uu dubbatteetti.
"Yaadni ogummaa kootiin nagaa jirtu, ija kee amanuu qabda," jechuun namoota sochiin kun Naazii ifatti eeruudhaan akka ta'e amanan eeruudhaan toora X irratti bareessitee jirti.
Yunivarsiitii Niiwu Yoorkitti piroofeesara seenaa kan taate Ruut Ben-Ghiyaat akka jedhanitti: "Qorattoonni seenaa faashismii asitti aragamu. Innis haala Naaziin itti nagaa gaafatuu fi baay'ee qabsaa'aa ture."
Hiriyaa amanamaan dhiyoon Maaskii fi kan Ministira Mummee Xaaliyaanii warra sirna durii leellisaan (far-right) Giyorgiyaa Meloonii waliin wal barsiise, Andiree Istiroppaa, waraabbii viidiyoo Maaskii kana maxxansuudhaan miidiyaa Xaaliyaanii irratti gabaasuun: "Impaayerri Roomaa nagaa gaaffannaa Roomaa irraa eegaluu deebi'eera" jedhu.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












