'Intalakoo wanbadeen bilisaan butuurra dafee kennachuu naaf wayya'

Giddugaleessa kaaba Naayijeeriyaatti kan argamtu bulchiinsa Niijeer keessatti sagantaan cidhaa guddaan karoorfamee ture ajandaa ijoo addunyaa ta'eera.
Sagantaan kun cimdiiwwan (misirroowwan) 100 walitti fida. Taateen akkanaa kutaa kaaba Naayijeeriyaatti baratamaa miti. Kan amma shamarran umrii malee heerumsiisuuf dirqamsiise rakkoo nageenyaati.
Shamarran butii hidhattootaa jalaa baraaruuf tuutaan heerumsiisuun pirojektii bulchiinsa Niijeer.
Kan maallaqaan deeggaran ammoo Afa-yaa'ii Mana Maree Bulchiinsa Niijeer kan ta'an Mohammad Abdulmaalik Sarkin-Daji jedhamu.
Gochi kun biyyattii keessatti dubbii xaxaa ta'ee argameera. Keessattuu shamarran umriinsaanii gaa'elaaf hin geenye sagantaa kana keessatti dabalamuun dheekkamsa kaaseera.
Kanaaf Ministirri Dhimma Dubartootaa Naayijeeriyaa Afa-yaa'icha mana murtiitti himatan, gaa'ela tuutaan gaggeeffamuuf karoorfame kanarratti hanga qorannaa gaggeessanitti karoorri kun akka dhaabbatus taasisaniiru.
Torban kana keessa bakka buutonni ministeerichaa hawaasa naannawa cidhi tuutaa itti qophaa'e kanaa wayita daawwatan, shamarran 100 ta'an galma bulchitoota aadaatti walitti qabamaniiru, garuu akka jedhame kan umriin gaa'elaaf hin geenye tokkollee keessa hin jiran.
Miseensonni hawaasa kanaa muraasni maqaasaanii dhokfachuun BBCtti akka himanitti ammoo yoo xiqqaate shamarran umriinsaanii gaa'elaaf hin geenye 38 ta'an sagantaa kana keessatti hammatamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afa-yaa'ii Sarkin-Daji gamasaaniin shamarran umriinsaanii gaa'elaaf hin geenye, kan jalqabarratti maqaansaanii karoora kanaaf tarreeffamee ture, gaa'ila akka raawwataniif calalaman kan jedhu waakkataniiru.
Afa-yaa'ichi erga dheekkamsi uummatarraa itti heddummaatee yaada kana kennan.
''Shammrreen tokkollee dabarfamtee hin kennamne. Osoo iji kiyya arguu kun hin raawwatu,'' jedhan.
Maatiin shamarranii fi warra fuudhanii gaa'elli tuutaan raawwatamuuf karoorfame kun hafeera oduu jedhu wayita dhagahan akkaan rifachuu BBC Afaan Pijinitti himan.
Haadha shamarree gaa'ilaaf kennamuuf turtee kan ta'am Aadde Asaamaawu Sheehuu ''hidhattoonni, wanbadeewwan daa'ima kiyya bilisaan butuu mannaa yeroon heerumsiisuu naaf wayya,'' jedhan.
Rakkoon nageenyaa hamaan yakkoota wanbadummaa fi butii shamarraniin dabaalamee naannocha jeeqaa jiru ijoollee dubaraa isaanii yeroodhaan akka kennan kan dirqamsiisu ta'uu dubbatu haati shamarree umrii waggaa 22 kun.
Daa'imni isaanii harka hidhattootaa galtee isa booda eessa, maalirra akka jirtu osoo hin beekin bara baraan jiraachuu caalaa, yeroodhaan heerumsiisanii yoo xiqqaate bakk isheen jirtu beekanii jiraachuu akka isaaniif wayyu dubbatan.
Intala isaanii kan biraas sababuma kanaan heerumsiisuu himan harmeen kun, garuu hiyyummaan sababa biraadha.
''Ijoolleen shamarranii kiyya kunneen lakkuudha. Tokko bara darbe biraa heerumsiifne. Waan ittiin jiraannu homaa waan hin qabneef. Gabbara Neeyiraa kuma 80,000 (Doolaara 54.7) arganne,'' jedhan.
Naannawa sanatti dubartoonni akka Aadde Sheehuu kanneen abbootiin warraa isaanii wanbadootaan irraa ajjeefaman, daa'imman duraa butaman fi ammallee harka hidhattootaa jiraniidha.
Maatiin hanga yoonaa harka wanbadeewwan kunneenii hin galin jiran ammoo ijoolleesaanii barsiifachuuf humna hin qaban kan jedhan Aadde Sheehuun, hedduun isaaniin mana ofirratti gurguranii akka ittiin jiraataa jiran himan.

Shamarran tuutaan heerumsiisuun akkamiin eegale?
Afa-yaa'iin Mana Maree Bulchiinsa Niijeer Mohammad Abdulmaalik Sarkin-Daji karoorri shamarran 100 heerumsiisuu kan eegale falmii bulchaa gandichaa waliin godhame booda jechuun BBC Afaan Pijinitti himan.
Abbaan yaadi kun akka eegalu dirqamsiise Afa-yaa'ii kana waamuun seenaa dubartii abbaan manaashee hidhattootaan butamee neeyiraa miiliyoona lama gaafatamee itti hime.
Dubartiin kun maallaqa kana guyyaa saddeet keessatti kaffaluuf waan qaban hunda gurgurte.
Qabeenya hunda gurgurtus maallaqa gaafatame hin guuttanne, ammallee neeyiraa miiliyoona tokkotu hanqata.
Dubartiin yeroo taateen kun raawwatutti shamarran lama heerumsiisuuf jettu kun, warri soddaa lamaanuu yeroo tokkotti ijoolleeshee fuudhanii gabbara akka kennaniif gaafatte.
Haala kanaan maallaqi miiliyoona tokko dabalataan argame. Ta'us garuu hidhattoonni namichi miseensa humna nageenyaa mootummaa ta'uu erga baranii booda ajjeesan.
Yoona kana warri soddaas ni jeeqaman, mufannaadhaan waa'ee maallaqasaanii gaafachuu eegalan.
''Yookiin maallaqa keenya nuuf deebisa, yookiin intala ammuma nuuf kennaa!'' jechuun falmii eegalan.
Aab Sarkin-Daji haalli kun isaan dirqamsiisuun dubartii kanaaf neeyiraa miiliyoona lama gargaarsaan kennaniif.
Dubartiin kunis gargaarsa argatteen gammaduun, oduun gammachiisaa kanas dura taa'aa gandaa fi imaama gandichaatiin geesse.
Jiraattonni gandichaa oduu kana dhageenyaan gaaffii walfakkaataa dhiheessuu eegalan. Abbootii warraa 270 ta'antu gaaffii walfakkaataa dhiheessan.
''Abbootiin warraa 270 ta'an shamarran isaanii heerumsiisuuf gargaarsa akka barbaadanin dhagahe. Tokko tokkoo isaaniif neeyiraa kuma 400 hanga kuma 450 baasuu gaafata. An kanan danda'u baasii nama 100 qofa,'' jedhan Afa-yaa'iin kun.
''Fedha kiyyaan neeyiraa miiliyoona 50 kiisii kiyya keessaa baasee, osoo isaan yookiin maatiisaanii hin beekin, gargaareera.''
Taatee kanaan walqabatee falmiin akkanaa biyyattii keessatti ka'uutti akka gaddan BBC Pijinitti kan himan Afa-yaa'iin kun ''amma garuu waanti hundi waan furameef,'' gammaduu ibsan.

Madda suuraa, bbc
Shamarran carraa barnootaa didanii, maallaqa filatan
Ministeerri Dhimma Dubartootaa dhimma kana akka qoratuuf garee tokko gara bulchiinsa Niijeer ergee ture.
Gareen kun bakka kana ga'uuf guyyaan tokko wayita hafu hawaasi naannoo kanaa shamarran 100 walitti qabee isaan eege.
Wayita gareen kun achi ga'u hawaasi naannoo shamarran kunneen waliin ba'uun akka gaariitti simatan.
Dhaamsi gareen kun hawaasa kanaan ga'e garuu kan eegameen adda ture, dhiphuu tures qabbaneesse.
Bakka bu'aan garee kanaa Adaajii Usmaan ''nuti gaa'ela kana dhaabsisuuf miti kan dhufne. Shamarran umriin gaa'ilaaf hin geenye yookiin fedhiisaanii malee kan tuuta kanatti makaman yoo jiraatan adda baasuuf dhufne,'' jechuun kaayyoo dhufaatii garee kanaa ibse.
Shamarran kunneen keessaa kan mana barumsaa seenuu fedhan, kan carraa barnoota tolaa mijaa'eef fayyadamuu fedhan fi kanneen ogummaasaanii gabbifachuuf leenjii bilisaan kennamu fudhachuu fedhan yoo jiraatanis gaafate bakka bu'aan kun.
Tuuti ba'ee garee kana simate garuu wayita Aab Usmaan ''duuba shamarran kanaa qorannee, lakkoofsa akkaawontiisaanii fudhannee isaan jajjabeessuuf deemna,'' jedhan ilillee fi harka walitti rukutuun simatan.
Filannoon shamarran kunneenii dhumarratti wayita ilaalamu namni tokkollee mana barumsaa dhaquu hin filanne.
Hundisaaniiyyuu ogummaa leenji'uu filatan, gariin ogummaa huccuu hodhuun leenji'uu yoo filatan irra caalaan qonna eegaluu filatan.
Duuba bakka buutonni ministeera dhimma dubartootaa kun hanga mootummaan federaalaa, karaa ministeera kanaa, shamarran kunneen ga'oomsee xumurutti sagantaan gaa'elaa kun akka dhaabbatu ajajeera.
Maddeen gariin ammoo sagantaan kun ammallee akkaatuma karoorfameen deemaa jiraachuu BBC Pijinitti himan.
Garuu akkaataa jalqaba karoorfame, tuutaan osoo hin taane dhuunfaa dhuunfaadhaan akka gaggeeffamaa jiruudha maddeen kan BBCtti himan.












