‘Intalakoo waggaa 17f gargar baanee turre waliin yeroo walarginu lammatan dhaladhe’

Madda suuraa, SETAREH FAROKHI
Yemmuu Setaareh Faarukiin abbaa warraasheen gargar baatu intalli ishee deesse seera biyya Iraan bu’uura godhachuun abbaa warraaf laatamte. Haatis intalashee deebitee arguuf waggoota ulfaatoo 17 dabarsite.
Seenaa baqattuun biyya Iraan yeroo ammaa Jarmaniitti mana rifeensaa keessa kan hojjettu Setaareh Faarukii dubartoota muraasa qofaatu qooddata.
Harmeen umrii waggaa 44 tun waggoota lama dura ture intalashee waggoota 17’f gargar bahanii turan waliin qaamaan walarguu kan dandeesse.
Magaalaa kutaa gara Lixaa Iraan, Kermaanshah keessatti dhalattee kan guddatte Setaareh, umriishee ijoollummaan waggaa 15’tti akka heerumtu taasifamte.
Waggaa tokko booda umriishee waggaa 16’ttis intalashee jalqabaa Sepideh deesse.
“Yeroon heerumetti bilchina qaamaafi hormaataa hinqabu ture. Dhiibbaa maatiitin heerume” jechuun BBC’tti himte.
“Gonkumaa fedhii hinqabu ture. Yeroon waggaa 17 yookiin 18 ta’u ture miidhamtuu gaa’ela umrii malee akkan ta’e kanan bare” jetti.
Iraan biyyoota addunyaa muraasa gaa’ela umrii malee seeraan heeyyaman keessaa ishee tokko. Akka seera biyyattiitti dubartoonni umrii waggaa 13’tti, dhiiroliin immoo waggaa 15’tti gaa’ela godhachuu danda’u.
Akkaataa seera kanaan daa’imman umriinsaanii waggaa murtaa’ee gadi ta’e heeyyama maatiifii murtee mana murtiirratti hundaa’uun gaa’ela godhachuu danda’u.
Haa ta’u malee seeronni kun mirga daa’imman gaa’ela raawwatanii kan sarbanidha jechuun qeeqni irratti dhiyaata.
Yeroo heerumtutti umriinshee gaa’elaaf fi daa’ima godhachuuf xiqqaa akka ture kan himtu Setaareh, “intalakoo waliin akkuma hiriyaa taphaa waliin guddanne. Yeroo sanatti wayita isheen boossu aannan barbaaddee yookin sababa biraatiin boo’uushee adda baasee hinbeeku ture” jechuun himti.

Madda suuraa, SETAREH FAROKHI
Lafa taa’een boo’e…
Guyyaan Setaareh yeroo dhumaatif intalashee itti agarte sammuushee keessaa hinbadne.
“Konkolaataa abbaashee keessaa baate, anis nan bahe. Wal hammannee, sana booda lafa taa’een boo’e. Haala ture ibsuu hindanda’u.”
Taateen kun wayita umriin intala Setaareh waggaa 8 ta’u uumamedha. Wayita kana abbaan warraashee kanturefii sababa garaagarummaa aadaafi amantaan gargar kan bahan seera biyya Iraan bu’uura godhachuun intalasaanii umrii waggaa saddeet taate fudhate.
“Abbaan intalakoo akkan hin ilaalleef nadhorke. Boodarra manni murti yoo xiqqaate ji’atti al tokko intalakoo daandiirratti akkan arguuf murteesse” jetti.
Setaareh yeroo dhumaaf intalashee Sepideh waliin erga wal agartee booda, abbaan warraashee duraanii ‘haatikee duuterti’ jechuun haatifii intalli akka wal hin agarre taasisuu eegale.
Jireenya haaraa Jarman keessatti
Jala bulti bara haaraa ALA 2016 irratti Setaareh akkuma baqattoota biroo biyyoota akka Tarkii fi Giriik keessa qaxxaamuruun Jarmanii seente. Mana rifeensaa keessatti qacaramuunis hojjechuu eegalte.
Amantaa guyyaa tokko ‘intallikoo Sepideh na argatti’ jedhuunis akkaawuntiiwwan Feesbuukii fi Initaagiraamaashees nama hundaaf mul’achuu akka danda’anitti qixeessite.
Intallishee yeroo ammaa shamarree umrii waggaa 26 taate Sepidehis waggoota muraasa dura Inistaagiraam irratti ishee agartee barreesiteef.
“Gonkumaa hin irraanfadhu. Lakkoofsakoo ifatti kaa’ullee anaafii Sepideh guyyoota muraasaaf walitti hin haasofne. Kaameeraashee bantee ‘harmee! dhuguma sumaa?’ jette boohaa nagaafachaa turte” jechuun haala ture ibsiti.
Bifa kanaan ji’ootaaf erga turanii booda Sepideh gara iddoo harmeenshee jirtu biyya Jarmaniitti imalte.

Madda suuraa, SETAREH FAROKHI
‘Ammallee abjuu natti fakkaata’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroon Setaareh fi Sepideh waggootaaf hawwaa turan bara 2022 keessa ta’e. Haatifii intalli waggoota 17’f gargar bahanii turan walarganii yeroo sa’aa walakkaatti dhiyaatuuf boohan, wal dhungatan, imimmaanis walirraa haxaawan.
Amma haatifii intalli erga walarganii waggaafii ji’a jaha kan ta’e yemmuu ta’u, Setaareh ammallee mana rifeensaa keessa hojjechaa jirti.
Koolugaltummaa kan argatte Sepideh immoo jiruu hawaasa Jarmaniifii afaan isaanii barachaa jirti.
“Ammallee abjuu natti fakkaata. Akka abjuu kunoo waa hunda yaadattu garuumoo dhugaa ta’uusaa amanuu dadhabdu sana. Rifaatuu xinsammuuti” jechuunis waa’ee mudannoo jireenyaa harmeeshee waliin qooddattu kana dubbatti.
“Waggaa tokkoofii walakkaa kana keessatti taateewwan hin irraanfatamne heddu dabarsineera, garuu waggoota 17 dhabne sana bakka hinbu’an” jechuunis himti.
Haatishee Setaareh gamasheetin, “sa’aatiiwwaniif ishumaa ilaalaan tura. Irra deebiin ishee waliin dhaladhe jechuun danda’a” jechuun gammachuushee ibsiti.












