Paastariin himannaa guddeeddiitiin waggaa saddeeti hidhaan dabarsee booda bilisa jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Paastariin Naayijeeriyaa yakka himannaa dirqiidhaan guddeeduutiin himatamee Afriikaa Kibbaa keessatti waggaa saddeetiif erga hidhaarra tureen booda himannaawwan irratti dhiyaatan hundarraa bilisa ta'uun ibsame.
Himannaawwan 32 irratti dhiyaatee kan ture Paastar Tiimootii Omootosoo, gochaawwan ittiin himatame hundarraa bilisa ta'u waggootaaf falmaataa turan.
Paastarri kuni Afrikaa Kibbaatti yakka dirqisiisanii gudeeduutti himamatamee adeemsi dhaddachaa kallattiidhaan kan darbe himatamaa jalqabaa yoo ta'an, namoonni baayyeen dhimmasa itti dhiheenyaan hordofaa turan.
Bara 2018tti dubartiin tokko mana murtiitti dhiyaachuudhaan waldaa Paastar Tiimootii Omotoosoon kan magaalaa Poorti Elzaabeetiitti argamutti waggoota 14'f ishee gudeedaa akka ture dubbattee turte.
Guyyaa Roobii yeroo murteen kennameetti abbaan seera dhaddacha dursaa turan, paastar Tiimootii Omootosoon balleessaa hin qaban jechuun kan dubbisan yoo ta'u, abbaan alangaas dhimmicha haala milkaa'een qabuusaa ibsan.
Aanga'aan abbaa alangaa biyyaaleessa Afriikaa Kibbaa dhimma himatamaa kanaarratti xumura irra gahusaa kan ibse yoo ta'u, ''dhimmicharratti abbootiin alangaa duraanii waan hin mallee raawwataniiru. Himattoota gana mootummaatiin qorannoo gahaan irratti hin gaggeeffamne'' jedhan.
Itti aansees ''filmatawwan seeraa jiran akka xinxalan'' kan beeksiisan aanga'aan abbaa alangaa, dhimmoota paastarichi ittiin himatama irratti iyyatiiwwan hedduun dhiyaachunsaanii adeemsi mana murtiichaa waggaa saddeetiif akka harkifatuuf sababa dhimma ta'e keessaa ta'u kaasan.
Paastar Tiimootii Omotoosiin murtee kennameefiif Waaqayyoon akka galateeffatan miidiyaaleetti himaniiru.
Paastaricha waliiin kan himataman Lusaandaa Suulaanii fi Ziikiiswaa Siitoomis himannaawwan irrattid dhiyaate hunda irraa bilisa ta'un isaanii ibsameera.
Omotoosoon bara 2017tti erga to'annoo jala kan oolfaman osoo Afriikaa Kibbaa gadhiisanii bahaa jiranu ture.
Adeemsi mana murtii paastarii kanaa biyya miidhaan quunnamtii saalaa keessatti babal'ate Afriikaa Kibbaa keessatti tamsaasa kallattiin kan dabarfame kan jalqabaa ture.
Adeemsi dhaddacha kanaa kan xiyyeeffannoo olaanaa hawwate kan ture yoo ta'u, kallattiidhaan miidiyaaleedhaan dabarfamuu fi kaameeraawwan TV mana murtichaa keessa jiraachuunsaa mirga miidhamtootaa eegsiisuu fi walaba akkasumas haqa argachuu keessatti hangam fayyada kan jedhu gaaffii kaasisee ture.
Murtee guyyaa Roobii kaleessa darbe kana hordofuunis Paastar Tiimootii Omotoosoon gara Naayijeeriyaatti akka ari'ataman miidiyaan Afriikaa Kibbaa Niiwus25 gabaaseera.












