Tiraamp biyyoota kaan dabalatee oomishaalee Itoophiyaa irraa qaraxa %10 kaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraamp waraana daldalaa Chaayinaa fi Meeksiikoo irratti banuudhaan jalqaban Itoophiyaa dabalatee gara biyyoota addunyaa hedduutti babal'isaniiru.
Qaraxa bu'uuraa Roobii kaleessaa Waayit Haawusii ifoomsa irratti pirezidaanti Tiraamp ''Dursa Ameerikaaf'' jechuun dubbatan.
Pirezidaantichi oomishaalee Itoophiyaan gara US ergaman irratti qaraxa ka'umsaa %10 kaa'aniiru.
''Yeroo gara daldalaatti dhuftu sababa garaagaraan hiriyyaan kee diinakee caalaa sitti hammaata'' jedhan Tiraamp.
''Biyyoota hedduu maallaqaan gargaarree akka isaan biizinasii keessa turan gochaa turre,'' kan jedhan Tiraamp, ''keessummaa michoota daldalaa keenya Meeksiikoo fi Kaanaadaa deeggaraa turre'' jedhan.
''Maaliif akkas isaan gargaarra? Ofii keessan of danda'uun hojjechuu qabdu jennee dubbanna'' jedhan. ''Dhumarratti Ameerikaa dursisiisaa jirra,'' jechuun dhaadatan.
''Kufaatiin daldalaa kana booda rakkoo diinagdee hin tahu. Kun dhima ariifachiisaa biyyaalessaati,'' jedhan.
Qaraxi biyyoota adda addaa irratti darbe maal akka fakkaatu kan ibsan Tiraamp Chaayinaarrattis qaraxa guddaa kaa'aniiru.
Biyya Afrikaa kana dura ''kan namnuu ishee hin beekne'' jechuun ibsan Lessootoo irratti garuu qaraxa %50 dabarasan.
Kunis parsantaa guddaa Tiraamp dabarsanidha. Biyyoota Baha Afrikaa akka Itoophiyaa fi Keeniyaa irratti qaraxa [taarifa] %10 dabarsaniiru.
Bulchiinsi Ameerikaa kana dura ture Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa guddachaa jiran kaan qaraxa irraa bilisa gochuun al ergii oomisha isaanii jajjabeessaa turan.
Tiraamp dhaabbata gargaarsa namoomaa kennu USAID cufuun akka lubbuu namoota kumaatamaa Itoophiyaa keessaa balaarra bu'u godheera.
Dabalataan yeroo dheeraaf yeroo walabummaan miidiyaa Itoophiyaa keessaa hamaa ture ''sagalee uummataa'' kan ture VOA cufaniiru.
Tarkaanfii Tiraamp fudhatan addunyaa guutuu irratti dhiibbaan isaa beekamaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan oomisha biyyoota addunyaa irratti taarifa haaraa dabarsuun xumura AGOA tahuu isaati.
Bara 2000 keessa AGOA kan jalqabsiisan Joorji W. Buush yoo tahan biyyoonni Afrikaa 30 tahan oomisha isaanii taarifa irraa bilisa tahe gara gabaa Ameerikaatti akka dhiyeeffatan kan isaan gargaaru ture.
Paarkonni indaastirii Itoophiyaa hedduun AGOA irratti hirkatanii turan. Garuu yeroo waraana Tigiraay Joo Baayideen Itoophiyaa waliigaltee AGOA kana keessaa dhorkanii ture.
Xiinxaltoonni hedduun Tiraampi dhiibbaa gabaa Chaayinaan Afrikaa keessatti qabdu dura dhaabbachuuf AGOA itti fufsiisa jedhanii eegaa turan.
Haa tahu malee xumura AGOA qofa osoo hin taane oomishaalee Itoophiyaan gara gabaa Ameerikaatti ergitu irratti taarifa %10 dabarsuun mata dhukkubbii biraati.
Taarifa oomishaalee Itoophiyaa fi miseensa AGOA tahanii kan kaffalaa ture warreen Ameerikaa keessaa oomishaalee kanneen bitanii galchanidh amalee daldaltoota Afrikaa miti.
Taarifa Tiraampi dabarse ammoo daldaltootni al-ergii irratti hojjetan akka gatii dabalanii fi dhiibbaa keessa galan isaan taasisa.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti biyyoonni Afrikaa imaammata daldalaa isaanii ilaaluun fuula isaanii gara gabaa Tarkii, Hindii fi Raashiyaatti deebisuu qabu jedhu.
Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuun biyyoota Afrikaa irraa fedha guddaa qaban akka Raashiyaa fi Chaayinaaf carraa guddaadha.












