VOA'n uummata Oromoof maal buuse? Dhaggeeffatoonni waan himan qabu

Madda suuraa, VOA Afaan Oromoo
Raadiyoo Sagalee Ameerikaa Adoolessa 15 bara 1995tti Waashingitan DC irraa Afaan Oromootiin tamsa'u tokko jedhe eegale.
Waggoota 29 darbaniif gama raadiyoo dambalii gabaabaa fi saatalayaatiidhaan dhimmoota siyaasaa, hawaasummaa, aadaa, seenaa, dinagdeefi dhimmoota Oromoo ilaallatan akkasumas dhimmoota Ameerikaafi addunyaa Oromoon beekuu qaba jedhe tamsaasaa bahe.
Waggoota kunneen keessatti sagantaalee hojjechaa tureen, gabaasa madaalaawaa hojjetuun amantaa hordoftoota hedduu fi jaalatamummaa horate.
''Sabaa himaa walabaa waan uummatni barbaadu dubbatu'' jedhamuu danda'eera.
Akkuma kanaa ammoo gabasaaalee mootummaa hin gammachiifne hojjetuunis jibbameera, yeroo adda addaatti cufamuuf yaalameera.
Waggoota hanga kanaa booda Bitootessa 17, 2025 tasa mootummaan Ameerikaa tajaajilli sagalee Ameerikaa akka dhaabatu murteessuu beeksise.
Sagaleen Ameerikaa, Radio Free Europe fi Radio Free Asia waliin ammaa booda ''dantaa US hin kabachiisan'' jedhamee akka hojii dhaabu murtaahuu booda namootni siyaasaa biyyattiifi kaanis murtee kanaan mufachuu ibsaniiru, mormaniiru.
Mootummoonni akka Chaayinaa kan hojii VOAtti gammadaa hin turre cufamuusaatti gammachuu ibsaniiru.
Amma murteen kun akka hin raawwatamne mana murtiitti falmii eegalameera.
Namoota waggootaaf baadiyyaafi magaalaa Oromiyaa keessatti Sagalee Ameerikaa caqasaa turaniif murteen kun maal jechuudha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Warquu Fayyeeraa bara ABBUT olanatummaan Itoophiyaa bulchaa ture, karchallee Amboo irraa kaasee manneen hidhaa Ma'ikalaawwii, Alam Baqqaanyii, Qaallittii, Zuwaayii fi Qilinxoo keessatti waggoota hedduuf hidhameera.
Manneen hidhaa kanneen keessatti kan isa bira ahin hafne raadyoo tokkoofi sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo ta'uu dubbate.
''Manneen hidhaa Federaalaa keessatti qorannoon kee ji'a lama fa'itti erga xumuramee booda raadiyoon siif ayyamama. Reediyoon gaafa siigalu VOA Afaan Oromoo duuteetuma eeggatta. Maaliifii waayee keetu darba, waayee siyaasa keetu darba, diinagdeefi hawaasummaa keetu darba'' jechuun yaadannoosaa BBCtti himeera.
''Takkaayyuu sagantaan VOA nu bira darbee hin beeku'' kan jedhu Warquun, ''gaafa mana hidhaatii gadhiiftee baatu raadiyoo kee nama sibiraa achitti hafeef kennitee baata'' jedha.
''Innisa akkuma kee sagalee Ameerikaa caqasuu barbaada'' jedha.
''VOA Afaan Oromoo nama afur shan taanee raadiyoo tokko jala teenyee dhaggeeffanna ture'' jedha Warquun.
'VOA'n sagalee Ameerikaa qofa osoo hin taane sagalee cunqurfamootaati'

Madda suuraa, VOA Afaan Oromoo
Qondaala siyaasaa ABO kan ta'e Obbo Lammii Beenyaa bara VOA dhageettii horate barattoota sadarkaa lammataa ta'uu yaadata.
''Bara sana VOA gaafa jedhamu mootummaan akka eebootti sodaata ture. Miidiyaan hedduun harka mootummaa waan turaniif, akka ammaa kana miidiyaan hawaasaa waan hin turreef olaantummaan miidiyaa mootummaa harka. Yeroo sanitti sagalee uummata ta'ee kan tajaajilaa ture VOA fi warra akka sagalee Bilisummaa Oromoo ture'' jedha.
Sagaleen Ameerikaa akkuma maqaasaa sagalee Amerikaa qofa osoo hin taane Sagaleen Ameerikaa sagantaan Afaan Oromoo sagalee uummata Oromoo ta'ee tajaajileera jedha Lammiin.
''VOA'n sagalee Ameerikaa qofa jechuun nu rakkisa. Sagalee cunqurfamootaati yoo jenne irra fayyada. Golee addunyaa hundarraa warra sagalee dhabeef sagalee ta'eera'' jedha.
Aadaa, seenaa, siyaasni uummatoota addunyaa addunyaatti akka bahu gumaacha mataasaa godheera jedha.
Pirezidantiin Itti aanaa Waldaa Maccaafi Tuulamaa Obbo Tolasaa Kishee Sagaleen Ameerikaa sagantaan Afaan Oromoo yeroo eegalurraa kaasee ni yaadatu.
''Bara barri tole ifatti bara barri hammaate ammoo lagatti gallee, mana keessa dhokannee sagalee gadi qabannee sagantaa Afaan Oromoo caqasaa turre'' jechuun BBCtti himan.
''VOA Afaan Oromoo sagalee uummata keenyaa ta'ee yeroo beelaa, dhibee, rakkina bulchiinsaafi siyaasaa biyyattii akka gaariitti ibsaa ture'' jedhu.
Uummatni biyya alaa jiru, dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa rakkoo uummataa kana dhagahee akka birmatu gomaacha olaanaa gochuus himan.
Tajaajilli kun cufamuufi jechuu yeroo dhageenyu hedduu gaddinee kan jedhan maanguddoon ganna 67 kun, ''oolmaa inni uummata Oromoofi akkuma biyyaatti ammoo uummata Itoophiyaaf oole guddaadha'' jedhan.
Haala siyaasaa biyyattii takkaa rakkoo keessa galee yeroo biraa qajeelu keessa haala itti sagalee Ameerikaa caqasaa turan yoo yaadatan, ''bara Dargii halkan nama afur shan taane namni akka nu hin dhageenyetti raadiyoo xiqqashuu tokko bitannee ala dukkana keessa bakka namni nu hin agarretti dhageeffachaa turre.''
Bara ABBUT ammoo ''yeroon itti balbala cufannee sagalee gadi qabannee dhaggeeffannus tureera'' jedhan.
Lammiin gumaata baroota darbanii VOA Afaan Oromoo yoo ibsu siyaasaa Oromoo waltajjii akka argatu godheera jedha.
''Namoota siyaasaa Oromoo dubbisuudhaan, walfalmisiisuudhaan, yaadni Oromoo akka waltajjiitti dhufu, ilaalchi Oromoo akka waltajjiitti dhufu, gaaffiin Oromoo akka waltajjiitti dhufu gumaacha guddaa godheera.''
''Kanaaf VOA'n siyaasa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa mataasaa, ashaaraa mataasaa qaba'' jedha.
Cufamuunsaa maal hanqisa?
Waggoota gara 20 ta'aniif osoo adda hin kutiin VOA Afaan Oromoo haala adda addaa keessatti caqasuu kan ibsu Warquun, qabiiyyeensaa fi akkaataan sagantichi itti dhiyaatu dheggeeffataan yeoo marsa akka isaan caqas goheera jedha.
Warquun yoo xiqqaate yeroo shan dhimma siyaasaa, hidhaa fi dararaa bara bulchiinsaa ABBUT dargaggoota Oromoorra gahaa ture ilaalchisee gaazexessitoota dhaabbatichaaf yeroo kaan maqaa dhokfachuun yeroo kaanis ifatti yaadaa kennaa akka ture yaadachuun ''sagalee keenya ture'' jedha.
''VOA Afaan Oromoo yoo dhabe akka dhunfaatti osoo hin taane akka sabaatti sagaleesaatu cufame jechaaha'' jechaadha jechuun cufamuun sagantaa kanaa waan hanqisu ibsa.
''Karaa danda'amu hundaan sagalee uummata bala'aa kun cufamee achumaan akka hin hafne adaraadhuma dhaammanna'' jedha.
Obbo Tolasaanis erga tamsaasni Sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo dhaabate maaluma balleesse maaliif waltajjii yaada uummtaa kana cufu? jedhanii wal gaafachaafi komiisaanii iddootti dhageessisan barbaadaa akka turan himaniiru.
Lammii Beenyaa VOA'n karaa itti ilaalchi, aadaafi siyaasani Ameerikaa guutuu addunyaa bira gahaa ture waan ta'eef jalqaba cufamuunsaa wanta kana hanqisaa jedha.
Waa hedduun Ameerikaan ittiin dhaadattu uummata addunyaa bira gahuu isaarratti hanqina uuma jedhee akka amanus dubbate.
Gama kaaniin ammoo ''warri sagalee walabaa barbaadan kan akka kenyaa, keessumaa biyyoota Afrikaa, Eezhiyaa kan VOA'n bira gahee sagalee isaaniif ta'aa ture, cunqurfamoonni baayyeen sagaleensaa ni cita dhageettiinsaanii ni hafa'' jedhe.
Obbo Tolasaa Kishee, Obbo Warquu Fayayeeraafi Obbo Lammii Beenyaa wayita yaada nuuf kennan gaazexessitoota VOA Afaan Oromoo hangafaa qabee hanga warra ammaatti maqaa dhahuu tajaajila isaaniif galateeffataniiru.












