Miidiyaan mootummaa Chaayinaa murtee VOA irratti darbeef gammachuu ibse

VOA

Madda suuraa, EPA

Miidiyaan mootummaa murtee Pirezidant Doonaald Tiraamp sagaleen Ameerikaa(VOA) fi Raadiyoo Bilisummaa Eezhiyaa (Radio Free Asia) irraa deeggarsa dhaabuuf murteessuutti gammachuu ibse. Miidiyaaleen lameen abbaa irrummaa naannicha jiru irratti gabaasuun beekamu.

Murteen Tiraamp kun hojjetoota kumoota hedduun lakkaa'aman miidha. VOA keessaa qofa Jimaatarraa eegalee hojjetootni 1,300 ta'an dirqiin boqonnaarra akka ta'an godhameera.

Qeeqxotni murteen Tiraamp dimookrasiitti gufuu ta'a yoo jedhan gaazexaan mootummaa Beejiing, Global Times ammoo VOAn gabaasa Chaayinaa ilaalchisee hojjetuun ''seenaa badaa qaba... amma ammoo mootumamadhuma isaatiin akka waan badaatti gaatame'' jedheera.

Waayit Haawus murtee Tiraamp deeggaruun maallaqni kaffaltoota gibiraa pirooppagaandaa waayee hin baafnerra ooluurraa baraaraa jedheera.

Baasii mootummaa xiqqeessuuf bulchiinsi Tiraamp amma dura Ejensii gargaarsaa guddicha USAID irratti dhorkaa kan kaahe yoo amma ammoo Ejensii Miidiyaa Idila Addunyaa (USAGM) irratti xiyyeeffataniiru.

Ejensichi of jalatti VOA, Raadiyoo firii Eezhiyaa fi Raadiyoo Firii Yiroop of jalatti hammata. Kallattiin ammoo Kongireesii Ameerikaan bula.

Midiyaaleen kunniin iddoo walabummaan pireesii haalaan danqame keessatti gabaasa hojjetaniin leellifamu. Keessumaa biyyoota akka Chaayinaa, Kaamboodiyaa, Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa keessatti.

Biyyoota kanneen keessaa gariin miidiyaalee kunniin ugguraniiru. Fakkeenyaaf Chaayinaan VOA uggurteetti. Uummatni dambalii gabaabaarratti kan dhaggeeffatu yoo ta'u iddoo akka hin geenye dhorkame keessattii ammoo VPN fayyadamuun hordofu.

Raadiyoo Firii Eezhiyaan Kamboodiyaa keessatti sarbama mirga namooma raawwatamu keessumaa bara abbaa irree duraanii Huun Seen raawwatu bal'inaan gabaasaa ture. Oduuwwan dharaa qolachuurrattis gahee olaanaa taphateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaan kun chaayinaa keessa gidduugaloonni hidhaa walitti hidhamiinsa qaban Shiinjiyaang keessa jiraachuu warra jalqaba saaxile keessaati. Miidiyaan kun aanga'oonni musliimota Uhuguur kumoota hedduun adeemsa mana multi malee hidhee saaxileera. Beejing himannaa kana kufaa gooteetti.

Gabaasni VOA'n namoota Kooriyaa Kaabaa ganan irratti hojjeteefi Paartiin Koministii Chaayinaa miidhaa Covid uume dhoksuuf yaaluurratti hojjeteen badhaasa injifateera.

Barruun Global Times kan mootummaa Chaayinaa VOA dhaan ''warshaa sobaa'' jechuun ibseera.

Barruun kun gabasaaleen diinummaafi pirooppaagaandaan hojjechaa bahe amma waan kolft ta'eera jedheera.

Hoggaanaan barru kanaa duraanii Huu Shiijin ''amma VOAn laamsha'eera! Raadiyoo Firii Ezhiyaanis, isaan Chaayinaaf hamoo turan'' jedhan.

Hojjettuun VOA murtee kanaan hojiishee dhabde Vaaldiyaa Barapuutrii deebiin akkasii gama sanii dhuufuunsaa waanuma eegamuu jetti.

''VOA dhabamsiisuun, miidiyaaleen faallaa dhugaa fi gabaasa madaalawaa ta'a akka jajjabaatan godha'' jetti.

Bara waraana addunyaa lammaffaa gariin pirooppaagaandaa Naazii Jaramanii dura dhaabbachuuf kan hundeeffame VOAn afaanota 50 oliin hojjechaa uummata miliyoona 360 bira gaha ture.

Baroota darban kana Chaayinaa, Kooriyaa Kaabaa, Kuubaa fi Tokkummaa Sooviyeet keessatti dhaggeeffatamaa ture. Chaayinaa keessatti namootni akka afaan Ingilizii baranis gahee baheera.