Tiraamp tajaajila Sagalee Ameerikaa (VOA) cufuudhaaf ajaja mallatteessan

Sagalee Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajilli sagalee Ameerikaa (VOA) yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa olola Naazii qolachuuf hundeeffame

Doonaald Tiraamp dhaabbata oduu mootummaa federaalaatiin deeggaramu Sagalee Ameerikaa (Voice of America) jedhamuun beekamu cufuudhaaf ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessan.

Doonaald Tiraamp dhaabbanni miidiyaan kun ''farra Tiraamp'' fi ''finxaalessaadha'' jechuun himachuudhaan akka tajaajila dhaabaniif ajaja mallatteessan.

Ibsi Waayit Haawus baasee akka jedhuutti, ajajni kun ''kanneen gibira kanfalan kana booda ololaaf akka hin hojjenne kan mirkaneessu'' ta'uu ibsa.

Tajaajilli sagalee Ameerikaa (VOA) ammallee adda durummaan tajaajila raadiyoo, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa olola Naazii qolachuuf hundeeffamedha.

Addunyaa marattis namoota miliyoona dhibbaan lakkaa'amaniitu dhaggeeffataa jira.

Daarektarri Sagalee Ameerikaa, Maayiik Abraamowitz akka jedhanitti, innii fi hojjettoonni isaanii gara 1,300 ta'an hundi boqonnaa kaffaltii qabu akka fudhatan taasifamu dubbatan.

Abraamowitz ajajni kun Sagaleen Ameerikaa "ergama murteessaa... keessumaa har'a yeroo mormitoonni Ameerikaa kan akka Iraan, Chaayinaa fi Raashiyaa Ameerikaa maqaa balleessuudhaaf seeneessa sobaa uumuuf doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baasaa jiranitti murteessaa ta'e bahuu hin dandeenye" jedhan.

Ajajni pirezidaantichaa kun akkasumas dhaabbata Sagalee Ameerikaa jalqabaa kan ta'e Miidiyaa Addunyaa Ejjansii US'f (US Agency for Global Media), ykn USAGM kan dhaabbilee bu'aaf hin dhaabbannee kanneen akka Radio Free Europe fi Radio Free Asia, kanneen jalqaba komunizimii qolachuuf hundeeffaman maallaqaan kan kennu irrattis xiyyeeffateera.

Hoggantoonni "raawwii hojii gara argamaa fi hojii gara xiqqeenya seeraan barbaadamutti akka hir'isan" itti hima.

US keessatti michuu oduu BBC kan ta'e CBS akka beeksisetti, hojjettoota Sagalee Ameerikaa dhimma kana karaa iimeeliitiin kan beeksisan daayreektarri humna namaa USAGM kan taate Kiriistaal Toomaasidha.

Maddi tokko CBS'tti akka himetti, hojjettoonni firiilaansii fi kontiraaktaroota idil-addunyaa hundi amma maallaqni isaaniif kaffalu akka hin jirre itti himameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imeelii CBS argate, hoggantoota Raadiyoo Free Asia fi Radio Free Europe/Radio Liberty gargaarsi maallaqa federaalaa isaanii akka addaan cite beeksiseera.

Sagaleen Ameerikaa fi buufataaleen biroo USAGM jala jiran dhaggeeffattoota 400,000,000 ol kan tajaajilan yoo ta'u, bal'inaan 'BBC World Service' kan gartokkoon maallaqa mootummaa Ingiliziitiin deeggaramu waliin wal gitu.

Bilineeyarrii fi gorsaa olaanaa Tiraamp kan mootummaa Ameerikaa irratti tarkaanfii hojjataa hir'isuu olaantummaan to'achaa ture Elan Maask, waltajjii miidiyaa hawaasaa isaanii X fayyadamuun Sagaleen Ameerikaa akka cufamu waamicha dhiyeessee ture.

Pirezidantiin Ameerikaa, dhaabbilee kanneen mana dhabuu ittisuuf itti gaafatamummaa qabanii fi maallaqa goodaambaa fi manneen kitaabaa dabalatee, maallaqa dhaabbilee federaalaa biroo hedduudhaaf kennamu dhaabaniiru.

Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaa irraa kaasuun Tajaajila Sagalee Ameerikaa irratti qeeqa guddaa qabu turan.

Dhiheenya kanas amanamtuu cimtuu kan taatee Kaari Laak gorsaa addaa Ejensii Miidiyaa Giloobaal Ameerikaa akka taatuuf muude.

Pirezidantichi yeroo hunda miidiyaaleen gurguddoon akka isa irratti loogan ibsu. Miidiyaalee akka 'CNN' fi 'MSNBC'n haasaa kutaa haqaa keessatti taasisaniin "malaammaltota" fi "seeraan alaa" jechuun, ragaa osoo hin dhiheessiin.

Waashingitan DC waajira mummee VOA alatti Bitooteessa 15, 2025 ture kan Pirezidant Doonaald Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu Jimaata darbe, haaluma qaama duula filannoosaatiin, Egansii US Miidiyaa idil-addunyaa kan VOA dursu dabalatee, dhaabbilee federaalaa saddeeti hir'isuudhaaf mallatteessan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagaleen Ameerikaa bara 1942tti olola Naazii fi Jaappaan ittisuuf kan hundeeffame ture

Ibsi Waayit Haawus kun waa'ee loogii VOA'n qaba jedhame irratti yaada kennitootaa fi gabaasa dhaabbilee miidiyaa damee- raayiiti hedduu waliin kan walqabatedha.

Innis barreeffama gaazexaa mirgaa Waashingitan Taayims, gabaasaan VOA duraanii Waayit Haawus, Daan Roobinsan barreesse caqasuudhaan, dhaabbatichi ''bu'uuraan hojii gowwoomsaa of tuulummaatiin guutame yeroo baayyee loogii warr leefti (leftist) calaqqisiisa,'' jedhan.

Barreeffamoota biroo hoggantoonni Sagalee Ameerikaa, Hamaas akka "dhaabbata shororkeessummaatti" akka hin ibsine hojjettootatti himuu akkasumas gabaasa hamaa waa'ee Iraan irratti dhiyaatu akka ukkaamsan himatan waliin walitti hidhamiinsa qaba ture.

Dhimmi biroon ammoo gabaasa guyyuu filannoo Ameerikaa bara 2020 kan wal qabatu yoo ta'u, innis morkataa Tiraamp kan turan Joo Baayidaniif kan loogee ture jetteetti.

Sagaleen Ameerikaa bara 1942tti kan jalqabe yoo ta'u, innis olola Naazii fi Jaappaan ittisuuf kan hundeeffame ture. Tamsaasni VOA inni jalqabaa, kan tiraansimitara BBCn US'f ergiiseen hojjetame, kaayyoo xiqqaa ibseera.

Jeeraald Foord, pirezidantii duraanii dhaabbatichaa, Sagaleen Ameerikaa walabummaa gulaalaa eegsisuuf chaartara ummataa bara 1976tti mallatteesse.

Bara 1994tti Boordiin Bulchitoota Tamsaasaa, kan tamsaasa waraanaa hin taane to'atu hundeeffame.

Bara 2013tti ammoo, jijjiiramni seeraa Sagalee Ameerikaa fi dhaabbileen hidhata qaban US keessatti tamsaasa akka jalqaban hayyame.